Guma media
Gadaa
24/03/2026
Iraan Dooniwwan karaa Galoo Galaana Hoormuz darbaniif “haala amansiisaan” eyyamaa jiraachuu Ministirri Biyya Alaa biyyattii dubbatan
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araaqchii, biyyoottan michooma Iraan waliin haga ijaarratanitti karaan darbaa Galoo Galaanaa Hormuuz yabala dooniif banaa ta’uu irra deebiin mirkaneessuun dubbatan.
Abbaas marii kaleessa Bitootessa 20, 2026 dhaabbata Oduu Jaappaan Kiiyoodoo Niwus waliin taasisaniin, “nuti Galoo Galaanaa Hormuuz kana hin cufne, gama keenyaan ulaan darba doonii kun banaadha, kan inni itti cufamee jiru diinota keenyaafi qaamolee miidhaa nurraan gahan irratti” jedhan. Dabalaniis dooniwwan biyyoota kaaniif daandiin kun banaadha jedhan.
Abbaas aaf gaaffii karaa Chaanaalii Teelegiraamii isaaniin qoodaniin, qaamolee karaa kana darbuuf dursanii beeksisaniif deeggarsa kennuuf qophiidha jedhan. Waanti fedahn yoo jiraate haalli imala daandii kanaa akkam akka ta’e nu waliin haasa’uu qofa jechuun dhaamsa isaanii kaa’aniiru.
24/03/2026
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaafi Iiraan bilbilaan mariin nagaa akka gaggeeffamu mariyatan
Finfinnee — Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waangi Yii gita isaanii kan Iiraan Abbaas Araaqchii waliin wayita marii bilbilaa geggeessan yeroodhaan dhiibbaan gara marii nagaatti geessu akka taasifamu irratti dubbachuu Aljaaziiraan gabaase.
Waang Yii Abbaas Araaqchiif yoo dubbatan “waliin mariyachuun wal waraanuurra gaariidha” jedhan; akkasumas, "rakkoowwan mudatanis humnaan utuu hin taane, mariifi yaada wal jijjiiruun furamuu qaban" jedhan.
Abbaas Araaqchii gama isaaniitiin, Iraan rakkoo jiru yeroo gabaabaa qofaaf akka furamu utuu hin taane, furmaata yeroo dheeraa fi bu’uuraa ta’e barbaaddi jedhanii, gargaarsa Chaayinaan taasisaa jirtus galateeffataniiru.
mariin bilbilaa gaaffii Teehiraaniin dhiyaateen taasifame kun sochii diiploomasii Beejingi taasisaa jirtu kan mullisus jedhameera.
Chaayinaan, Iiraan waliin hariiroo jabaa qabaattus tumsi isheen Teehiraaniif taasisaa jirtu daangaa akka qabu beeksifteerti. Beijing haleellaa Iraan biyyoottan Galoo Galaana Arabiyaa buufata waraanaa Yuunaayitid Isteetis keessummeessan irratti taasisaa jirtu akka hin deeggarre ibsitee, kanaafis walii galteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu waamicha dhiyeessitee jirti.
Finfinneen kan Oromiyaati. Handhuura Oromooti, teessoo Mootummaa naannoo Oromiyaati garuu biyya sabaaf sablammiin heddu keessa jiraatanidha.
Bara Oromoon biyya bulchu mitii bara kaaniyyuu akkas jedhanii falmataa turan sabboontotni sirna Finfinnee Oromoorraa mulquuf maraatu keessa ta’anii.
GMN
Click here to claim your Sponsored Listing.