Hawi Oro

Hawi Oro

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hawi Oro, Health/Beauty, Addis Ababa, Dubai.

13/08/2024

OF HIN DAGATIN
••••••••••••••••••

Badiin xixiqqoon ati tuffiin walirratti tuultu gaafa walitti ida’ame badii guddaa akka ta’u beeki. Waan tokko yoo dalaydu ‘kun homaa jechuu miti waanuma xiqqoodha’ jedhaa bira hin darbin. Tarii osoo hin beekin, isa guddaan liqimfamuu malta. Sheeyxaanni takkumaan Zinaa keessa si hin buusa. Suuta jedhee bira si geessa.

Yoo badii takka dalayde, saffisaan taawbadhuu karatti deebi’i. Xinnoo isii turee tawbadha jedhaa yeroo itti hin kennin. Amma lubbuun jiraachuu kankee malee, sakandii muraasa booda waan mudatu hin beektu. Kanaafuu of hin dagatin.

Halkan hunda gara hirribaa deemuu keetiin dura dalagaa kheeyrii takka dalagi. Hedduun keenya osoo fiilima laallu, ykn ammoo osoo chaat goonu bilbila harkatti qabannee rafna. Kun kasaaraa guddaadha. Ilma namaa waan taaneef waan heddu balleessuu dandeenya. Irra caalaan ilma namaa nama badii irraa tawbate. Kanaafuu qalbii teenya qabachuu dadhabnee halkan wantoota jibbamaa ta’an dalagnus, rafuu keenyaan duratti garuu dalagaa kheeyrii haa hojjannu. Kana jechuun garuu badii dalaguu ni dandeenya jechaa miti. Salaata sunnaa salaatuu, Qur’aana qara’uun halkan san gara hirribaa haa deemnu.

YAA RABBI

► Nama badii xiqqoollee taatu irraa baqatu
► Yoo dalages kan dafee tawbatu
► kan halkan hunda tawbatee rafu nu taasisi

© Abu Ibtisam

13/08/2024

Muraada Kee Hunda Rabbiin Siif Haa Guutu🤲🏻

13/08/2024

Seenaa Tana Akka Namni Hundi Dubbisu Abdiin Qaba !!
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Bara tokko lolli jabaan tokko biyyaa islaamaa irraatti gaggeeyfamaee namoonni hedduun gara biyyaa biraa baqatan..

Garee Warra baqatani san keessaa namicha salaata hin salaanne tokkootu ture. Yeroo salanni ga'u hunda ummanni sun namicha ta'uu dhiisani biraa salaatan, garuu namichi ammaas hin salaanne. Ganama irraa hanga galgalaatti namichi hin salaanne..

Booda gaafa salaata isha'ii salaatan gareen tun itti dheyxee "obbaleeysa keenya ati arra guutu hin salaanne maaliif salaatu dide? Jiruu godaansaa kanaan mufattee?" Jadhsnii gaafi gaafatan.

Namichi kofla(kolfa) hhhhhhhhh erga jadhee booda "yaa obbaleeyyaan kiyya ana dhagaya ani bar salaata guyyaa 40 yeroo takkattiin obbafadhe, ergaan salaatuu dhiisee guyyaa 3bulee guyyaa 37 Anaaf hafe inshallah gaafa sanii boodaan itti deebi'a."...subahaanaallh.

Gareen waliin deemtu hundi mee akkamitti salaata guyyaa 40 salaatte? Ragaa itti qabdaa?" Jedhanin.

Gurbaan "anii guyyaa sadi duraan iddoo rabbiin hin feene (iddoo waa namaaf laaltu) bira nama gargaaruuf waliin deeme, booda nama sheeka kan nabi Muhammad saw namni bakka shirkii dhaqee salaanni isaa guyyaa 40f hin qebalamtu jechuu dhaga'ee kanafiin salaata guyyaa 40m ofirraa obbaafadhe amma boqonnarraan jira jedhe.."😭

Akkasiitti gareen sun hedduu rifatanii "lakkii yaa obbaleeysa keenya ati salaanni sirraa fuudhamuu baatuus salaatuun dirqama, yoo itti of-jabeeysitee salaatte qofa rabbiin gaafa guyyaan 40n saniin booda siif dhiisa yoo amma salaata kana lakkiftee osoo guyyaan sun hin geenye salaatni sirraattii ulfaate irraa faachu Malta jedhanii gurbaan akka jalqaba irraatti ararama rabbii gaafate gara salaata deebi'u taasisan.. deebi kanaa isinifiin dhiisa

Share godhaa

By: Abdulwahid Ibraahim

05/07/2024

Aamiin yaa Rabbal Aalamiin🤲🤲🤲

05/07/2024

Namnii Maqaa Koo Biratti
Dubbatamee ykn dhawamee
Salawaata Narratti Buufnee
Dooqnaa ykn Doofaa Namaatti
Jedhaan Ergamaan Rabbii(ﷺ)❤️

Follow👉 Hawi Oro
💞💞💞💞💞💞💞💞

01/07/2024

Beekkumsa rabbiin isiniif kenne ittiin hoojjedhaa akkasuma namallee ittiin fayyadaa! Beekumsi itti hin dalgne akka muka goggogaa firii hin qabneeti'👌

01/07/2024

𝐃𝐚𝐫𝐠𝐚𝐠𝐠𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐈𝐛𝐚𝐚𝐝𝐚𝐚 𝐑𝐚𝐛𝐛𝐢𝐢 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐆𝐮𝐝𝐝𝐚𝐭𝐞
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Qiyaamaa gaafa aduun gad dhihaattee sammuu namaarra dhuftee nama danfistu, warra gaaddisa Arshii Rahmaan jala turee oowwa san humaa hin garreetu jira. Akka ergamaan Rabbiiﷺ nutti himetti "dargaggeessi ajaja Rabbii fudhatee (Ibaadaa) irratti guddate" carraa gaaddisa san jala turuu qaba.

Yeroo dargaggummaa Ibaadaa irratti dabarsuun qabsoo jabduu tahuu kanarraa hubanna. Dargaggeessi humnaafi mirqaana addaa qaba. Wanni hedduun itti bareeduu waliin lubbuun isaa waa danuu barbaaddi. Fedhii isaa Ibaadaa yoo godhe, kaayyoo uumameef yoo bakkaan gahe arraafi boruus ni milkaawa.
‎‏" وشابٌ نشأ في عبادة الله .. "

𝐅𝐨𝐥𝐥𝐨𝐰 Hawi Oro

28/06/2024

Namni Dhugaan Rasuula Jaalattan Salawaata Buusaa

Sallallaahu Aleeyhi Wasallam 🤲🏻
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam 🤲🏻
Sallallaahu Aleeyhi Wasallam🤲🏻

28/06/2024

Abo Halkan Arraa xumura Rakko teetii
Rabbin Haagodhu Amiiiin ja’ii🤲🤲

28/06/2024

👉Dilii Tee Hunda Rabbi Siif Haa Araaramu🤲

11/06/2024

Kudhanan keessa keeyrii haa saammannuu👌Keeyrii yeroo kana keessa dalagachu dandeenyu…..✍️

👇
===========

1) Salaata fardii irratti jajjabaachuu,
2) Soomana Sunnaa fi gaafa guyyaa Arafaa soomuu,
3) Laa ilaaha illalllaah, Subhaanallaah, walhamdulillaah, Wallaahu Akbaru jechuun zikrii hessummeessuu,
4) Azaana irratti mu'azzina Jala deemuun deebii kennuu,
5) Istigfaaraa fi Du'aa'ii hessummeessuu,
6) Salawaata Ergamaa Aalamaa irratti buusuu (Sallallaahu aleyhi wasallam)
7) Qur'aana qara'uu; qur'aana xiinxalluu; qur'aana waliif eeguu fi Wal barsiisuun keeyrii saamachuu...
8)Towbaa heddummeessuu...,
9) Haadhaa fi Abbaa keenyatti tola ooluu....
10) Rahimaa fi firoottan keenya sufachuu ykn jajjabeeffachuu...
11) Hiriyyoottan haadhaa fi Abbaa keenyaa bira deemnee jajjabeessuun....
12) Keessummaa mana Kee dhufte keessummeessuu fi yeroo inni manatti galu kabaja isaaf malu isaaf godhuun ajrii saamachuu...
13) Ollaatti tola ooluu...
14) Salaama facaasuudhaan ajrii saamachuu...
15) Beelahaa fi rakkataa nyaata nyaachisuun...,
16) Dubbii gaarii dubbachuun sadaqaadha...
17) Salaata leylii ykn halkanii irratti jajjabaachuu....
18) Sunnaa waajiba Jala deemtu hundaa dhiisuu dhabnee... too'achuun...
19) Salaata duhaa salaatuu...
20) Azkaara ganamaa fi galgalaa irratti jabaachuu....
21) Xahaaraa irratti rafuu...
22) Azkaara bakka gara garaatti qara'amu hundaa yeroo hunda qara'uu...
23) Jum'aaf dhiqachuu; urgeeffachuu; ganamaan gara Masjidaa deemuu;
Imaamatti dhihaattee saffaa duraa irratti salaatuu...
Qaawwa cufuun iddoo duwwaa hanbisuu dhabuu; saffii guutuu...
24) Seeqachuu....
25) Addunyaa tana gubbatti uumaawwan Rabbiin uume xiinxalluu....

26) hanga 50.... ✍️
yoo jaalattan Share godhaa👇

10/06/2024

SADARKAA IBAADAA KURNAN ZULHIJJAA KEESSAA
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••

Ergamaan Rabbii ﷺ Guyyaan dalagaan gaariin Rabbii biratti keessatti jaalatamtu kan akka guyyaa kudhanan zulHijjaa hin jiru jennaan Sahaabaan Jihaadaa karaa Rabbii keessatti godhanilleen moo? Je’aniin Ergamaan Rabbii ﷺ Eeyyeen Jihaada karaa Rabbii keessatti godhanillee ni caalti, yoo nama Lubbuu fii qabeenya Isaatiin bahee waan san hundaan hin deebi’iin taate malee” jechuun deebiseef.

Ibnu Rajab akki je’u: Dalagaan gaariin galata guddaa argachuuf sababaalee qabdi sanirraa bakkaa fii Zamanaan wal dhabdi. Bakka Ibaadaan dacha itti taatu keessaa Harama Makkaah (Masjida Makkaa), Masjida Rasuulaa ﷺ fii Al-Aqsaadha. Yeroo irraa ammoo tan Ibaadaan Keessatti sadarkaa ol aanaa qabdu akka Ramadaanaa fii Kudhanan ZulHijjaati.”

Kanaaf wanni hubannu kudhanan kana keessa Ibaadaa hundatti jabaachuun akkaan barbaachisaa dha. Ergamaan Rabbii ﷺ dalagaan gaarii Isii keessatti dalagamtu akkaan Rabbii biratti jaalatamti eega je’e maaltu hafe yaa Obboleeyyan kiyyaa?!

Waan dalagaa gaarii tahe hunda saammachuutu barbaachisa.

Yaa Obboleeyyan eega guyyaa kana sadarkaa Isaa hubanne Dalaga gaarii hundatti haa jabaannu.

Dalagaaleen gaariin ittii jabaachuu qabnu.

1. Soomana soomanuun Ibaadaa akkaan barbaachiftuudha.

Guyyoota 9 jalqaba Ji’a Zulhijjaa irratti argaman kana Soomanaan dabarsuun Sunnaa akkan jaalatamaati; Ergamaan Rabbii ﷺ hojiiwwan gaggaarii guyyoota kana keessatti akka hoojjatamaniif itti kakaasaa turan jidduu tokko guyyoota 9’n duraa soomanuudha.

2. Salaata yeroo isiitti Salaatuu

Ibnu Mas'uud irraa odeeyfamee (R.A) Ergamaa Rabbii ﷺ niin gaafadhe ja’e: dalagaa tamtuu irra caalaa ja’een? Salaata yaroo issiitti salaatuudha naan ja’e, eeganaa hoo tamiin ja’een? Haadhaa fi abbaaf tola ooluudha naan ja’e, eegasii hoo tamiin ja’een? Karaa Rabbii keessatti loluudha naan ja’e.

3. Sunnaa Salaata Fardiillee haa jabeessinu.

Hadiisa sowbaan (R.A) odeesse keessatti Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan jedhe Sujuuda heddummeessuun sirra haa jiraatu, ati sujuuda takka Rabbiif sujuuddee Rabbiin sadarkaa ol siifuudhu malee sin dhiisu, dilii sirraa haqu malee sin dhiisu

4. Sadaqaa kennuu Baay'isuu .

Sadaqaan dalagaa gaarii keessaa jaalatamtuudha. Rabbiin sadaqaa Osoo duuti isinitti hin dhufne kennaa jechuun nu ajajee jira.

Rasuullis ﷺ Sadaqaan qabeenyarraa humaa hin irriftu” jechuun dubbatee jira. Muslimoota hiyyeeyyi kudhanan kana keessa yaadachuun itti arjoomuun barbaachisaadha.

5. Zikrii Heddummeessuu

Ergamaan Rabbii ﷺ Akkana jedhan:- Guyyaan dalagaan kheyirii hojjatamu hundi Rabbiin biraatti akka Ibaadaa guyyaa kurnan Zulhijjaa kana keessatti hojjatamutti jaalatamu hin jiru, kanaaf guyyaa kanniin keessatti Rabbiin tokkochoomsuu ( Laa Ilaaha Illaallaah ) jechuu ,Takbiiraa (Allaahu Akbar ) fi Rabbiif galata galchuu (Alhamdulillaah) jechuun Zikrii hedduumeessa jedhan

Ibnu Umarii fii Abuu Hureeyraan Magaalaa keeysa bobboohaa akka namni dhagayutti Takbiiraa jechaa turan. Namnis Isaan jalaa qabee Allaahu Akbar je’a.

Kudhanan kana keeysa Takbiiraadhaan sagalee ol fuudhanii jechuun jaalatamaadha.

6. Halkan Salaatuu fi Halkan Keessaa Rabbii Kadhachuu

Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhe:- Rabbiin
Keenya halkan gara dhumaatti tokko sadaffaan yommuu hafu halkan hundaa gara samii duniyaatti bu’uun, ni jedha, ‘Eenyutu Na kadhata, isaaf Nan awwaadhaa; Eenyutu waa Na gaafata, Nan kennaafii; Eenyutu araarama Narraa barbaada, Nan araaramaafii?

7. Haadhaa fi Abbaa keenyatti tola oollu.

Ibnu Mas'uud irraa odeeyfamee (R.A) Ergamaa Rabbii ﷺ niin gaafadhe ja’e: dalagaa tamtuu irra caalaa ja’een? Salaata yaroo issiitti salaatuudha naan ja’e, eeganaa hoo tamiin ja’een? Haadhaa fi abbaaf tola ooluudha naan ja’e, eegasii hoo tamiin ja’een? Karaa Rabbii keessatti loluudha naan ja’e.

8. Quraana Qara’uu Baay'isuu

Qur’aana qara’uu fi dhaamsa isaa hubachuuf yaaluun, akkanumas erga hubatanii booda itti dalaguun qalbiin namaa akka tasgabbooftu taasisa. Duniyaa fi Aakhirattis akkaa Milkooynuuf sababaa Nuuf tahaa. Kanaafuu guyyootni kurnan zulhijjaa kun Qur’aanaa qara’uu jabaachuu qabna.

9. Towbachuu

Towbaan Islaamummaa keessatti waan haalaan barbaachisaatti, Rabbiin Ilmi namaa badii raawwateef gama isaa deebi’ee, yoo araraama gaafate ni jaalata. Qur’aana isaatin akkas jedhe

Allaahaan Isinirratti Towbaa deebi’uu Jaalata.
Ammoo warri fedhii Isaanii jala deeman Isin akka jallina guddaa jallattan fedhan.

Kudhanan kana keessatti waan Ibaadarraa nuuf laafe yeroo biraa itti fufuuf yaaluu qabna.

Guyyaan kudhanan kuni sadarkaa addaa qaba malee Ibaadaan hoggayyuu numa jirti, Sunnaan hoggaa hunda sawaaba keenya dabalti, waajibni silaa dhiisuu hin tahu.. kanaaf Ibaadaa irratti jabaachuu qabna.

Dalagaa gaariin hedduudha tana malees hunda itti jajjabaachuu qabna.

Rabbii nama itti fayyadamee dabarsu Nuu haa taassisu

Share godhii yaadachiisi.

https://t.me/ibsaadhuga

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Dubai?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa
Dubai