Dr. Heeran

Dr. Heeran

Share

Welcome to Dr. Heeran page.
#Dr_Heeran
#Dr_Heeraan

Photos from Dr. Heeran's post 31/08/2026

MATAA DHUKKUBBII ( HEADACHE)

Waggaa tokko keessatti hawaasni harki 50 (50%) mataa dhukkubbii yoo xiqqaate ni mudata. Hawaasa keessaa namni 90% tahu umrii isaa keessatti yoo xiqqaate altakkaa mataa dhukkubbiin ni mudata. Kanaafuu waa’een mataa dhukkubbii dhiiraa dhalaa; xiqqaa guddaa; adii gurraacha osoo hin jedhiin namoota hundaa kan ilaallatuufi namoonni hedduun hubannoo irratti argachuu kan barbaadanidha.

Mataa dhukkubbiin gosoota gurguddaa lamatti qoodama. Inni tokkoffaan “Primary headache” kan jedhamu yoo tahu inni kun dhukkuba biraa waliin osoo wal hin qabatiin ofumasaatiin of danda’ee yoo mataan nama dhukkubu jechuudha. Inni lammaffaan “ secondary headache” kan jedhamu yoo tahu inni kun ammo dhibee biraa qaama keenya keessa jiruun ykn dhukkuba biraan walqabatee kan nu dhukkubudha.

Inni lammaffaan sababa dhukkuboota hedduu dhufuu waan danda’uuf mallattoo dhukkubaati malee dhukkuba ofdanda’e miti. Akkasumas gargaarsi godhamu dhukkuba jalqabaan jiru sanarratti waan hundaa’uuf waa’eesaa haasa’uun hubannoo addaa kennuun rakkisaadha. Kanaaf hawaasa keessatti yeroo baayyee “ mataa dhukkubbii” jennee kan haasofnu sun harki caalu “ primary headache” waan ta’eef waa’eesaa akka armaan gaditti ilaalla.

Mataa dhukkubbii kan “primary headache” jedhamu bakka hedduutti hiramee ilaalamus warren gurguddoon sadan; ka’umsi isaanii fi mallattoon isaanii gargaarsi godhamu kan armaan gadiiti.

1. Tension Headache: inni kun dhukkuubbii mataa kan guutummaa mataa keenyaa dhukkubuu fi dhukkubbiin isa salphaa ta’e, yeroo baay’ee hojii keenya guyyaa guyyaa irraa nu dhorkuu hin dandeenyedha. Inni kun qorichoota hawaasni yeroo baay’ee mataa dhukkubbiif fudhatu akka paracetamol fi kkf ( ordinary pain killers) yoo fudhanne kan nu dhiisudha. Ka’umsi isaa guutummaa guutuutti beekamuu baatus muddamuu, dheebochuu fi beela’uu faa waliin walqabata.

2. Migraine Headache: inni kun dhukkubbii mataa hamaa ta’ee namoota muraasa qofa muudatu yoo ta’u dhukkubbiin isaa baayyee hamaa fi kan hojii irraa nama hambisudha. Mataa dhukkubbii isa armaan oliirraa adda kan isa taasisuu mallattoolee biraa kan akka balaqqamsiisuu, nyaata jibbisiisuu fi ijaan ifa ilaaluu dadhabuu of biratti qaba. Yeroo tokko tokko dhukkubbiin kun dhufuun isaa dura mallattoolee akka ija ofiitti balaqqeessa’uu, sararawwaan zig zag fakkaatan ija ofiitti mul’achuu fi haasaa’uu dhabbabuu fi kanneen biroo argisiisa. Dhukkubbiin isaa daqiiqaawwan ykn sa’atii muraasaaf qofa kan turuudha.

Dhukkubbii kana kan namatti kaasan: garmalee yaadda’uu ykn muddamuu, dhugaatii alkoolii, beela’uu fi dheebochuu, baay’ee rafuu ykn hirriba dhabuu, marsaa laguu yoo dhufu (dubartootaaf), sagalee garmalee olga’ee nama jeequ, ifa cimaa ilaaluu, waan foolii badaa qabu fi kkf dha. Akkuma dhuunfaa keenyaatti waan nutti kaasnu beeknee irraa fagaachuu qabna. Jireenya keenya guyyaa guyyaa irratti sana irra darbee miidhaa kan fidu yoo ta’ee fi qoricha xixiqqaa mataa dhukkubbiif fudhannuun yoo dhiisu dide hospitaala deemnee qoricha hakiimaan ajajamu fudhachuu qabna.

3. Cluster Headache: inni kun mataa keenya bakka lamatti qoodee gamtokko ykn bitaa ykn mirgaa qofa kan dhukkubu yoo tahu gama dhukkubu sanaan ija keessaa bishaan akka imimmaanii gadi dhangalaasuu fi funyaan cufuudhaan adda ta’a. dhukkubbiin isaa garmalee hamaa fi kanneen armaan olii lamaan kan caaludha. Yoo jalqabu suuta jedhee osoo hin taane, akka tasaa takkaadhumatti akka ibiddaa kan namarra bu’udha.

Guyyaa keessaa sa’atii walfakkaataa irratti namatti kan dhufuu fi yeroo tokko tokko hirriba keessaa illee nama kaasa. Ka’umsi dhukkuba kanaa tasuma kan hin beekamne dha. Kitaabonni tokko tokko garuu sanyiidhaan ni darba jedhu. Dhukkuba kana fayyisuun dadhabamus qorichootni dhukkubbii isaa hir’isanii fi daddafee akka hin dhufne taasisan ni kennamu.
GALATOOMAA.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 31/08/2026

Daa'imman keenyaaf kunuunsaaf eeggannoo akkamii yoo taasifne fayyaa isaanii eeggachuu dandeenyaa?

1. Harma hoosisuu irratti. Aannan haadhaa addunyaa kana irratti daa'ima amma dhalateef bakka nyaataa fi dhugaatii bu'ee kan tajaajiluu gita kan him qabnedha. Daa'imni dhalate/tte tokko haga ji'a jahaatti aannan harmee ishii qofa soorachuu qabdi. Keemikaala vaayiresii fi baakteeriyaa garaa garaa lolan of keessaa qaba. Allerjii, asmii, infekshiinii garaa garaa kan akka teesiisaa, ittisa. Daa'imni aannan harmeesaa hodhee guddate sammuun isaa kan hin hodhiin caalaa qaroomaa ta'a. Kan nama dhibu aannan guyyoota jalqabaa ba'u furdaan silga (clostrum) jedhamu ujummoo nyaataa daa'imaa kan nyaata agree hin beekne barsiisuudhaaf kan dursee dhufu kanaaf baay'ee barbaachisa.
2. Aduutti ho'isuu. Torbanitti yoo xiqqaate guyyaa afur ganama ganama daqiiqaa soddomaaf daa'imman keeenya aduutti baasuu qabna. Lafeen daa'immanii jaabaatee guddachuuf vitamin D dirqama barbaachisaadha. Vit D ammoo kan oomisha gogaa daa'immanii keessatti gargaarsa aduutiin.
Isa kana hedduun Keenya ni beekna garuu dogoggorri yeroo hedduu uumamu daa'ima too aduutti ho'isnu dibata akka vaasiliinii fi dhadhaa itti dibna. Kun tasumaa ta'uu him qabu. Dibata yoo dibuun barbaachise erga aduutti baafnee booda. Daa'ima too aduutti baafnu dibata tokko males uffata tokko malee qullaa isaanii baasuu qabna.
3. Talaallii yeroo yerootti kennamu akka salphaatti ilaaluu hin qabnu. Talaalliin kennamu dhukkuboota akka Hepatitis b virus, tetanus, Tuberculosis, measles, diphtheria, pertussis, streptococcus pneumonia, fi kanneen biroo irraa daa'imman Kenya irraa ittisa.
GALATOOMAA!

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 31/08/2026

FAAYIDAA JIINJIBILA
********
Jinjibilli keemikaala "Gingerol" kan faayidaalee armaan gadii kennu of keessaa qaba.
1. Feedhii (appetite) nyaataa nuuf dabala.
2. Balaqqama (balaqqama konkolaataa keessaa dabalatee) nurraa ittisa.
3. Dhukkuubbii marsaa laguu ni hir'isa.
4. Nyaati garaa keessaa daakamuu dhabuu (indigestion) nurraa eega.
5. Dhukkubbii maashaa keenyaa erga ispoortii hojjannee booda nutti dhufu hir'isa.
6. Dhukkuba kulkulfannaa buusaa fi lafee (Ostheoarthritis) jedhamu dhukkubbii isaa xiqqeessa.
7. Sukkaara qaama keenya keessaa gadi buusuun dhukkuboota karaa sana dhufan nurraa dhorka.
8. Qabiyyee qaamaa yoo baay'ate dhukkuba.
********

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 30/08/2026

Faayidaa urgoo/itiittu fayyadamuu
============================
1- urgoo fayyadamun rakkoo coomni naannoo garaa (rumen) keessatti kuufamuu ofirraa balleessuuf gargaara.
2- Baakteeriyaa faayidaa qabu kan bullaa'insa nyaataaf gargaaru fi dhiita'uu ofirraa baasu of keessaa qaba.
3- Cooma qaamaa hin barbaachisne ni gubaa fi maashaalee cimsa.
4- Nyaata wal'aansaa ta'ee fi dhukkuba kaansarii mar'imaani hir'isuuf gargaara.. dandeettii sochii sirna ittisa qaamaa guddisuuf
5- Hamma kolestroolii dhiiga keessa jiru gadi buusa
6- Infeekshinii paraasitii ni gargaara
7- Pirootiinii dhiibbaa dhiigaa gadi buusuuf gargaaran of keessaa qaba
8- Nyaata salphaatti daaku keessaa isa tokko
9- Sarara ittisa cimaa kan kolestrooliin dallaa ujummoolee dhiigaa keessattuu kanneen onnee fi sammuu sooran irratti akka hin kuufamne dhaabu.
10 Garaacha ni jabeessa, baasa garaa ni hiika, ho'a ni tasgabbeessa
11-Dhukkuba tiruu ni gargaara tiruu, dadhabbii kaleef fi daakuun garaachaaf ni fayyada.
12- Farra cirraacha ujummoo fincaanii fi kalee keessatti.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 30/08/2026

CIREE HAA NYAANNU

Kana booda jiruutti jarjaree ciree kiyya dhiisee hin deemu! Faayidaa ciree nyaachuun qabu kana mee laalaa!
1. Ulfaatina qaamaa qixa sirrii irratti eega.
2. Dandeettii waa yaadachuu (memory) keenya sirriitti dabala.
3. Halkan gaafa rafnee jennu, ganamatti sukkaarri qaama keenya keessaa hir'atee waan buluuf, sukkaaraa dhiiga Keenya keessaa olkaasuun fayyummaa deebisa.
4. Lafa jiruutti ykn lafa hojiitti, barumsatti akkasumas hojii bobbaanu hundumaa irratti si'a'inaan akka hojjennu nu taasisa!

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 30/08/2026

Namni maaliif umurii malee harrii baasaa?
》Umamaan keemikaalli hydrogenperoxide jedhamu rifeensa keenya keessatti argama. 》Enzaayimiin catalase jedhamu keemikaala kana gara bishaanii fi oksiijiiniitti akka diigamee bahu godha.
》Umuriin akka guddaataa deemeen enzaayimiin catalase nama keessaa dhumaa deema. Hydrogenperoxide rifeensa keessatti kuufamaa deema.
》Hydrogen peroxide halluu rifeensaa gara adiitti jijjiiraa deema.
》Umurii malee rifeensi kan addaatu yoo waantonni armaan olii kun daddafanii raawwatamanidha.
》Umrii malee rifeensi addaachuun dhukkuba miti! Garuu bareedina (cosmetics) waliin waan walqabatuuf halluuwwan garaagaraa fayyadamuun ni danda'ama.
》Umrii malee rifeensa addaachuun aarii (stress) waliin wal hin qabatu
》Qorannoon tokko tokko hir'ina vitaamin B12 tu fida jedhanii heeru!

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 30/08/2026

Faayidaalee hirriba gahaa rafuu
1. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu
qaamaa dabala (stronger immunity).
2. Dandeettii waa yaadachuu keenyaa dabala
( improve memory)
3. Dandeettii waan haaraa kalaquu
(creativity) dabala.
4. Sammuun akka sirriitti yaadu ykn waa
tokko irraatti sirriitti xiyeeffatu fi murtoo
gaarii akka merteessu gahee guddaa qaba
5. Garmalee qallachuufi garmalee furdachuu
irraa nu eega (weight control)
6. Jireenya jaalalaa keessatti saalqunnamtii
gaarii tahe geggeessuuf (keessumatti
dhiiraaf) gahee guddaa qaba.
fi kanneen biroo illee ni qaba.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 30/08/2026

RAAFUU (CABBAGE)
Faayidaa isaa.
-Fayyummaa gogaa keenyaaf
-Cooma keessumattuu kan garaa irraa ittisuuf
-Fayyummaa rifeensa keenyaaf
-Vit E fi sulfarii gahaa argachuudhaaf.
-Madaan akka dafee fayyuuf ni gargaara
-Gogiinsa garaa hir'isa
-Dhukkuba Alzheimer fi cataract ni hir'isa.
-Kaansaroota tokko tokko irraa nama eega.
Hub. Yoo baay'inaan nyaatan rakkoo ucuba mormaa namatti fiduu dada'a.

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Photos from Dr. Heeran's post 29/08/2026

Sababa Aarii Yeroodhaaf Of Hin AjjesinTasgabbaa'ii Jiraadhu.

Yeroo tokko tokko baayʼee aara. Tarii namni nu miidhe, nu sobe ykn hamaatu nu ilaale ta'a. Garuu dhugaan jiru kunooti: aariin bara baraan hin turu. Jireenyi ni itti fufa.

Osoo aartee murtoo guddaa yoo goote—kan akka ofii ykn nama biraa miidhuu—yeroo booda gaabbuu dandeessa. Namoonni hedduun yeroo aarii tokko qofa keessatti lubbuu isaanii balleessaniiru.

Mee akkamitti akka sun akka hin taane itti dhaabnu haa barannu.

Aariin Maali?

- Aariin miira. Saffisaa fi jabaatee dhufa, garuu ni deema.
- Yeroo baay'ee miira biroo kan akka gadda, sodaa, ykn salphina dhoksa.
- Aariin hamaa miti—garuu wanti ati ittiin gootu dhimma qaba.

Yeroo Aarte Maal Gochuu Qabda

- Dhaabbadhuu hafuura baafadhu. Hafuura gadi fagoo yeroo 10 fudhadhu.
- Bakka aarii irraa fagaadhaa. Bakka ykn nama si aarsu dhiisii deemi.
- Osoo tarkaanfii hin fudhatiin dura eegi. Osoo aartee filannoo gurguddaa hin godhin.

Yeroo ammaa kana waan hunda sirreessuu hin qabdu. Yeroo ofiif kenni.

Wal loluu dhiisanii haasa'aa gochuu

- Nama amanattu—hiriyaa, miseensa maatii ykn gorsaa wajjin haasa’i.
- Miira kee dabtara keessatti barreessi.
- Namoota biroo osoo hin komatin maaltu akka sitti dhagahamu dubbadhu. Fakkeenya: “Ati na miidhe” jechuu mannaa, “Miirri natti dhaga’ama” jechuu wayya.

Haasa’uun akka salphaatti akka sitti dhaga’amuu fi sirriitti akka yaaddu si gargaara.

Dogoggora Dhaabbataa Hin Hojjetinaa

- Hojii kee hin dhiisin, hariiroo kee hin xumurin, yommuu aartu of hin miidhin.
- Aarii kee to’achuu akka hin dandeenye yoo sitti dhaga’ame gargaarsa gaafadhu. Ati kophaa kee miti miliyoonotatu si waliin jira.

Barbaachisaa: Abdii kutachuuf fedhiin yoo sitti dhagaʼame nama tokkotti bilbili.

Aarii Gara ciminaatti Jijjiiruu

- Jijjiirama gaarii gochuuf aarii keetti fayyadami-daangaa kaa’i, dubbadhu, of eegi.
- Irraa baradhaa. Gaafadhu: Maaliif akkas aare? Maaltu na barbaachisa?
- Yeroo qophooftu dhiifama godhi—namoota biroof osoo hin taane, nagaa keetif.

Ergaa Xumuraa

Ati Aarii kee ni caalta. Ati cimaa, qaroo, jireenya guutuu qabudha. Yeroo tokkoon dhukkubbiin egeree kee akka si jalaa hin fudhanne.

Tasgabbaa'ii Lubbuun jiraadhu. Seenaan kee akka hin banne.
Dr. Heeran

Photos from Dr. Heeran's post 29/08/2026

Nyaatamuu ilkaanii (Dental Caries) Maaliin dhufaa?
Akkamiin ofirraa ittisuu dandeenyaa?
Nyaatamuun ilkaanii (dental caries ) kan nutti dhufu yoo ilkaan keenya asidii baakteriyaa ilkaan keenya gidduutti walhoraniin
hubamudha. Kana ittisuuf maal gochuu qabnaa?
1. Saamunaa ilkaanii flouride of keessaa qabuun guyyaatti al lama
ilkaan keenya ququlleeffachuu. Yoo kan altakkaa qulqulleeffannu
ta'e galgala qulqulleffachuu qabna.
2. Bishaan uumamaa dhuguu. Kana jechuun yeroo hundaa highland
(bottled water) dhugna yoo ta'e flouride hanga isa uumamaa waan
hin qabneef miidhamuu dandeenya.
3. Nyaata sukkaara olka'aa ofkeessaa qaban fi miyaawaa ta'an
baay'isuu irraa of qusachuu
4. Nyaata ammaa ammaa itti deddeebi'anii nyaachuu dhiisuu.
5. Ilkaan keenya gidduutti nyaata hartuu ilkaanii (tooth brush)
dhokatee hafu waan akka fo'aa (kirrii) qal'oo ishiitiin of keessaa
baasuu qabna (flossing).
6. Ogeessa ulkaanii (dentist) yeroo murtaa'e keessatti deemanii
haasofsiisuu
GALATOOMAA!
Fayyaan faaya

👉 https://t.me/addlist/ut7QxD02wyE3ZDQ0

Category

Telephone

Website

Address

Addis Ababa
Ababa