Qabsaawaa Sabaaf Diiniti

Qabsaawaa Sabaaf Diiniti

Share

السلام عليكم ورحمةالله وبركاته

14/08/2022

Nama Ajaa'ibaa Kana Beektuu?!

Osoo kitaaba qofa dubbisu osoo namatti hin makamin,osoo magaalaa hin dhaqin Waggaa 13 kitaaba qofa wajjiin ture !

Yeroo boqonnaa giddu galeessaan sa'aatii 24 keessaa yeroon inni kitaabaaf kennu sa'aatii 13-15 ni gaha !!

Kitaaba Ibnu Teymiyah
( مجموع الفتاوى )
Kan jedhamu osoo umriin 15 gadi jiru yeroo lama irra deebi'ee dubbise.

Kitaabni kun Jildii (Mujallada) 37 qaba. Fuula 18,835 ni gaha. Kana yeroo lama irra deebi'e Sheikhi ! Kitaaba kana ofiif dubbise ani.

Osoo umriin isaa waggaa 18 hin gahin Kitaabota islaamummaa keessatti gurguddaa tahan jahan ( Sunana Sittah ) kan jedhamu qoma isaatti qabate.

Guyyatti Hadiisa 30-50 qayyabata (haffaza) jedhan!

Kitaabota jahan kana keessatti hadiisa kuma jahaatu (6000) galmaa'e !!
Irra deddeebiin kan dhufaniin wajji dachaa kana ni tahu jechuu dha!

Kitaaba guddicha Ibnu Hazmi barreesse, kan Gaafiiwwan 2312f deebii qabu, Kan fuula 9999 gahu yeroo hedduu irra deebiin dubbisee jira !

Kitaaba " Kuusaa Beekumsaa " jedhamu Musannaaf Ibnu Abdirrazzaaq (مصنف ابن عبد الرزاق ) jedhamu kan Nassii (النص) 19,202 qabu yeroo hedduu irra deebiin dubbisee jira !

Kitaaba Fiqhii Imaamu Shaafi'ii akka addunyaatti beekkamu kan Al-Umm (الأم ) jedhamu yeroo saddeet irra deebiin dubbisee jira!!

Kuni kitaaba sheikhni dubbiserraa isa muraasa siif hime. Namni kitaaba kanneen beeku ilmiin sheekhaa hagam hanga geessu ni hubata!

Umrii isaa irraa waggaa 26tti fatwaa fi barsiisummaaf qaadhimame !
Dhalatee waggaa 26tti ture !!

Sheikh Abdul Aziiz Bin Marzuuq Al-Xariifii jedhama.
Baatii Zul-Hijjah 7tti Hijraa 1396 Biyya Kuweetitti dhalate. Lammummaa biyya Su'uud Arabiyaas ni qaba.

Hadiisa Nabiyyii irratti dandeettii adda tahe badhaafame. Hayyuu guddaa Su'uud Arabiyaa keessatti adda durummaan beekkamuu dha. Ministeerummaa dhimmaa Islaamaa Su'uud Arabiyaa keessatti qorataa shari'aa tahuun muudamee ture.

Beekumsa Shari'aatii fi xiinxala adda tahe qabaachurraa Ibnu Teymiyyaa jaarraa kanaa jedhama.
Hayyuun Ardii kanaa Dr Zaakir Naayik Akkas jechuun dinqisiifate:" Hayyuun guddaan ani beekumsa isaa akka addunyaatti dinqisiifadhuu fi wantooa hedduu irattis isaan mari'adhuu dha Sheikhni kun " jedhe!

Hanga ammaatti kitaaba 21 ol addunyaaf gumaachee jira.

Umriin isaa waggaa 45 keeysa jira !

Kitaaba isaa keeysaa 4 kan dubbiserraa:
1. الفصل بين النفس والعقل
2. صفة صلاة النبي صلى الله عليه وسلم
3. فصول في العقيدة
4. سطور من النقل والعقل والفكر

Aalima galaana ilmii jala lixee warqiin bahe. Wal xaxa (khilaafa) ulamootaa adda banee hiikee lafa naqee sirreessee hodhe . Qabxiiwwan ifni isii golgolaa'e duungoo ragaatiin ibsee addeesse. Waan ijji isaa laalte sammuun isaa harkaa qabdi. Waan harki isaa barreesse addunyaan sammuu qabdi. Jecha mi'aawaa fi ilaalcha gadi nama lixuun bulbulee addunyaa jala afe!

Ani akka Jaahila tokkootti barataa isaa kan akkaan isa dinqisiifatuu fi barumsa isaa hunda jala deemee funaanaa jiru irraa tokko!

Waan si ajabu; Galaanni beekkumsaa kun mana hidhaa Su'uud Arabiyaa jira!

Galaana hidhame kana RABBIIN dhiyootti gadi nuuf haa dhiisu.

13/08/2022

Qur'aana qulqulluu xureessuudhaan kitaaba barreessee kan ture Salmaan Rushdii haleellaan irra gahe.

Salmaan Rushdii dhalataa hindii yoo ta'u addunyaarratti barreessaa beekamaadha...haa ta'u malee kitaabni isaa "The Seatan Verses" ykn "Keeyyatoota Sheyxaanaa" jedhu keessatti Qur'aana qulqulluu xureessuun akka laakkofsa alaa Bara 1988 gabaadhaaf dhiheessee ture.

Sababa kitaaba isaa kanaafis hawaasa muslimaa addunyaa biraa jibbaansa guddaa kan horate Salmaan ALA 1989 hoogganaa Shii'aa Iiraan Ayaatollaan nama isa ajjeeseef doolaara miiliyoona sadi waadaa galanii turan.

Kanumaan wal qabatuunis waggoota 30 oliif eegduun ramadameefii ija ummataa jalaa dhokatee jiraachaa ture.

Salmaan kaleessa galgala wal tajjii namoota 2500 ol hirmaachise kan New York keessatti gaggeeffamaa ture tokko irratti haasaa taasisuuf gara wal tajjiitti affeerame.

Waggoota hedduuf isaa eegaa kan ture hirmaataan wal tajjichaa tokko gama wal tajjiitti fiigee bahuudhaan morma isaa dabalatee iddoo 10 ol waraanuu isaa miidiyaalee addunyaatu gabaase.

Battaluma sana heelikoptaraan fuudhamee gara hospitaalaatti geeffamuu isaas ifa godhanii turan...maal irra akka jiru garuu hamma ammaatti wanti barame hin jiru.

Haa ta'u malee Nageenyi Salmaan haala yaachisaa irra jiraachuu hirmaattota wal tajjichaatu dubbata.

Maqaa mirga waan fedhan dubbachuutiin amantaa irraa akka fedhan tarkaanfachuun gatii nama kafalchiifti.

Yoo qajeeluma fedheef Rabbiin hidaayaa isaaf haa kennu ta'uu baannaan as hin deebisiniin du'aa'ii hawaasni Muslimaa isaaf godhu!.

Aamiin!.

Maddi: Toora Miidiyaa

08/06/2022
22/04/2022

السلام عليكم ورحمةالله وبركاته☝☝☝

Har'a gaaffiin koo kan isiniif gumaachuuf dhufe👇👇👇

👉LEEYLATUL QADRI JECHUUN MAAL JECHUUDHA?
👉ABBOOTIIN KEENYA DURAAN LEEYLATUL QADRIIN MAAL JECHUTTI HIIKKATAN??

Gals

Mobile uploads 03/04/2022
23/03/2022

SAFUU EEGGADHAA!!!

koottaa haa eeggannuu
Seeraaf ,aadaaf ,safuu,
Karaa qajeelaa deemnaan
Bar sin argatu gufuun,
Itti cubbifamtaa
Eegi Aadaaf Safuu

Sila yeroo kana
Maal tahuu ni beektaa?,
Shahwaa fedhii lubbuu
Jaluma sussuktaa?,
akka yaada kootti
Silaa suuta deemtaa,
Duraan ariifattus
Mee suutaan ejjattaa?

yaa hiriyoota koo
Koottaa wal qabannaa,
Ji'a ramadaanaas
Wajjumaan simannaa,
Masjiida mukaayes
Waliin mukuu baafnaa,
Kan garaan beelayes
Nyaachifnee obaafnaa

Yatiimaaf beelayaa
Koottaa ni qabannaa,
Yaadaaf rakkoo isaa
Mee irraa qoodamnaa,
Firee timiraatiin
Yaamnee faxarsiifnaa,
Xiqqoma qabnurraa
Sadaqaa godhannaa

Photos from Qabsaawaa Sabaaf Diiniti's post 20/03/2022

السلام عليكم ورحمةالله وبركاته
AHLEEN WASAHLEEN YAA IKWAANII WA AKAWAATII FILLAAH🙋🙋🙋🌹🌹

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Daabee Solloqqee
Adama