Bilisee Worra Tuulamaa

Bilisee Worra Tuulamaa

Share

Gabdummaan Gadhummaadha!!

Photos from Bilisee Worra Tuulamaa's post 03/10/2022

Nice time 🖤❤🤍

Photos from Bilisee Worra Tuulamaa's post 03/10/2022

Happy Irrecha 🖤❤🤍

15/09/2022

Oduu Injifannoo ‼️🇪🇹💪

Gootichi Rayyaan ittiisa biyya Itoophiyaa tarkaanfii fudhateen Hogganaa murna Garee shoroorkeessaa TPLF Kan ta'e Jeneraal Migibeey Hayilee haleelamuun siiolitii ergamu mirkanaa'eera dabalatan Bakki dahoo Hooggantoonni TPLF itti leenji'anii fi keessa dhokatan gammoojjiin Tanbeen guutummaan guututti Gooticha Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaatiin to'atameera!

Injifannoon Itti Fufa...

13/09/2022

🖤❤🤍

Photos from Bilisee Worra Tuulamaa's post 11/09/2022

Baga Bacaqii Gannaa Baatanii Booqaa Birraa Geesse Meski koo❤ 🌻🌻🌻

10/09/2022

Baga Geessani 🌻🌻🌻 2015

Barri Haaraan Kan Nagaa
Kan Jaalalaa fi Badhaadhinaa
Nuuf Haa Ta'u 💕🙏

Happy New Year 🇪🇹

08/09/2022

Finfinnee 🥰

Photos from Bilisee Worra Tuulamaa's post 06/09/2022

Baalee Roobee!🥰

04/09/2022

!!

Yeroo Hawaasni Baay'een Oromoon eenyummaa keenya tahuu hin hubatinitti, Bara 1961(G.C) Jaarraa Abbaa Gadaa maqaa saba guddaa awwaalame kanaan seenaa saba Keenyaa keessatti kan jalqabaa tahe Magaalaa Harar (Biyyoo Adaree) tti gadi dhaabuun, gahuumsa siyaasaa Oromoo keessatti qabu fi sochii qabsoo kabachiissuu mirga dhala namaatiif tokko ja'ee Biyyoo Adareeti jalqabe.

Gamtaan kun maqaa eenyummaa saba kana calaqqissu "Gamtaa Barattoota Oromoo" jadhun gad dhaabbachuun isaa, samuu dargaggoota Oromoo hedduu booji'uu kan danda'ee fi rakkoo ummanni kun keessa jiru jalaa baasuuf, dhaloota yeroo sanii keessatti kaka'uumsa guddaa kan uume ture.

Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa fi sadarkaa tokkooffaa adda addaa Magaalaa Harar Keessatti argaman irra daddeemuun, ijoollee Oromoo hanga nama 51 tahan calalee walitti sassaabuun gamtaan kun akka hundaa'u kan godhe (Jaarraa Abbaa Gadaa) ture. Bara 1961 (G.C) keessa yaa'ii ji'a onkololeessaa taa'ameen, Jaarraa Abbaa Gadaa Dura taa'aa gamtichaa , kan amma Georgia keessa jiraatu Barreessaa gamtaa kanaa, , kan amma London keessa Jiru fi hundeessaa dhaaba ABO keessaa tokko kan tahe, kan yeroo ammaa Torontoo keessa jiraatu fi , yeroo ammaa hayyuu beekamaa seenaa addunyaa kan tahan miseensoota babeekamoo Gamtaa Barattoota Oromoo Magaalaa Harar kana turan.

Gamtaan kun erga hundeefamee booda iddoo itti wal gahii taasifatanii fi shaakkallii itti gaggeefatan hin qaban ture. Yoo mana nama dhuunfaa oromoo tahetti marii taasisan mootummaan siyaasaan walqabsiisee waan dhiibbaa irra dhaqabsiisuuf, yeroo dorgoomiin kubbaa miilaa Kilaboota Magaalaa Harar jidduutti gaggeefamtu guyyaa Saftii fi Alhadaa eeganii, akka deeggartoota tapha Kubbaa Miilaa fakkaatanii Istaadiyoomii Kubbaa Miilaa magaalaa Hararitti hogu taphni gaggeefamu isaan marii isaanii gaggeefachaa wal ijaaraa turan.YOOM ASGEENYE SALPHATTI!!

Gamtaan Barattoota Oromoo yeroo duraatiif magaalaa Harar keessatti hundaa'e kun, Aadaa fi seenaa Oromoo leellissuu, Dhimma Hawaas-Siyaas-dinagdee Oromoo irratti hubannoo hawaasa oromoo cimsuu, Sabboonummaa Oromoo daraarsuun,dhaloota eenyummaa ofii beekee, ittiin boonuu fi alagaaf gadi ja'ee hin jiraanne uumuu kan jadhu kaayyoo godhachuun sochoo'aa turan. Deeggarsa qaama biraa tokkoon malee, Baasii, Kaka'uumsaa fi qindeessummaa ofiitiin, Bara 1961 (G.C) waltajii galma siiniimaa magaalaa Hararitti aggarsiisa Aadaa Oromoo seenaa Itoophiyaa keessatti isa jalqabaa tahe qopheessuun, agarsiissuu dandayanii jiru.

Dargaggoonii fi barattootni Oromoo Magaalaa Harar sodaa tokkoo malee sabboonummaa guddoon agarsiisa Tiyaatira Aadaa Oromoo yeroo duraatiif waltajii angawwoonii, keessumooni gurguddaani fi hawaasni hedduun argamanirratti gaggeessuun, daawwattoota hunda raajii keessa galchan. Daawwattoonii Baayyeen kolfanii, ittiin gammadanii jiru. Kunimmoo Afaan Oromoo afaan qonnaa fi deeraa keessaa qofa osoo hin tahin, afaan Artii fi bashannansiisaa, akkasumas afaan barnootaa fi teeknooloojii tahuusaa, carraa Itoophiyaaf ittiin agarsiisan uumuu dandayyee jira gamtaan kun. Kun immoo mataa isaatiin milkaa'ina guddaa dha. Haalli kun hamillee cimtuu fi kaka'uumsa guddaa dargaggoota Oromoo Keessatti waan uumeef, bilisummaa ofiitiis milkeessuuf jaarmayni dhaabbata Siyaasaa cimaan ummata Oromootiif akka barbaachissu muuxannoon sochii gamtaa barattoota Oromoo kanarraa argame kan jechaan ibsame dhumu hin turre.

Erga Jaarraa Abbaa Gadaa fi Ahmad Mahammad Yuusuf faan barnoota sadarkaa lammaffaa xumuuran boodas, Sochiin Gamtaa Barattoota Oromoo Magaalaa Harar tun cimaa deemuun hanga bara 1965 (G.C)ti Tuuta Hawwissoo Aadaa Hararghe cimtuu taatee sadarkaa "Kifilahagari" Harargheeti sochoo'uullee haalli itti gahuu dandeesseetu ture jadhu namoonni keessa turani fi kan ammaas lubbuun . Kana malees, tan bara 1962 (G.C) booda uumamte keessatti miseensooni Gamtaa Barattoota kana keessa turan, hundeefamuu baandii afran qallootiif gahe qabu ture. Gaafa kan bara 1967 (G.C) san keessatti, qabsaa'oota Harargheerraa dirmachuun yeroo san Oromoota Baalee cinaa dhaabbatan kaneen akka Jaarraa Abbaa Gadaa faan warra Gamtaa kana keessatti hirmaannaa guddaa qabaachaa turani dha. Bara 1969 (G.C) gara biyya Somaaliyaa fi Yamanitti baqachuun, keessaa adda duroonni ijoollee Gamtaa Barattoota Oromoo Magaalaa Harar Kana Keessa turani dha.

Gamtaan Barattoota Oromoo Magaalaa Harar kan adda durummaa gooticha Jaarraa Abbaa Gadaatiin jalqaba bara 1961 (G.C) hundeefame kun, seenaa oromoo keessatti Gamtaa Barattoota Oromoo isa jalqabaa tahu isaa qofaan osoo hin tahin, qabsoo Bilisummaa Oromoo bifa ammayyaatiin eegalamuu keessatti bu'uuraa fi asxaa guddaa gamtaa kaayee dha.

godhaa. ..

04/09/2022

Eebbisaa Addunyaa!
~
Eebbisaa goota koo
Abbaa kaayyoo jabaa
Dhalootni harrayyuu
Waa'ee kee lallabaa
Duratti utuu fiigduu
Gaaffi sabaa fuutee
Rasaasi si nyaatee
Du'a gootaa duutee
~
Sagalee kee sanaan
Diina maraachiftee
Bosonattis seentee
Iddoodha kaachiftee
Booruu abbuuqachaa
Ija mukaa nyaattee
Oromoo Saba keef
Lubbuu kanke laattee
~
Kan har'a dubbannuu
Seenaa boollaa qonnee
Lafarra harkifamtee
Duutees hin boqonnee
Lafeen kee caccabee
Nuuf haa galatoomuu
Goota jechaan oliii
Si yaadanna yoomuu....!

🖤❤🤍

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

Adama
Adama
2022