Oromiyaa jiituu

Oromiyaa jiituu

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oromiyaa jiituu, Health/Beauty, guddinaa, Adama.

03/06/2022
17/03/2022

::::::======= ====:::::::
Amma dhagayii dhageefadhu
Guurii gurraa fudhadhu.
Gangalataa wadalaa
Daararraayiin dadhabee.
Saree guddisa badde
Gandarraayiin dadhabee.
Gowwaa gaagura onaa
Marageetiin dadhabee.

Karaan guddaan gooroodhaa
Gaangee qabeenyaan tolaa.
Diilalti Qunnee diinaa
Wayaa sabbooqaan tolaa.
Gammoojjii qoreen diinaa
Kophee qabeenyaan tolaa.
Guyyaa roorroon jabaatte
Lammii qabeenya tolaa.

Namni marxoo gabaabaadha.
Dhalaan haasa'uu hin toluu.
Namni mataa moluudhaa
Filaa kaayyaachuu hin toluu.
Namni ilkee seeleedhaa
Lafee qoqoruu hin toluu.
Sabni tokkummaa hin qabne.
Yoomuu gammaduu hin toluu.

Waraabu yuusaan sadii
Oggaa yuusaa galgalaa
Nu oollee ooltee je'aa.
Oggaa yuusa leeyliidhaa
Nu argannee argattee je'aa.
Oggaa yuusaa bariisaa
Nu gallee galaa je'aa.
Bineensi gaara bulullee
Egaa mariin bobba'aa.

Gaala gadoon dheeysanii
Qiciicaa lammii tiyyaa
Lubbuun tiyyaa teeysanii!!!!
Galamso wood

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Guddinaa
Adama
NONE