Megersa Baye

Megersa Baye

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Megersa Baye, Health/Beauty, Adama.

Photos from Oromia Communication Bureau's post 30/01/2024
Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 28/01/2024
14/01/2024

Suuta jedheen deema garuu
Tasumaa Duubatti hin deebi'u

Photos from Dr Dawit Yadessa's post 31/12/2023
31/12/2023

HUNDEE DIIMAA
********************************************
1)Ga'umsa atileetii fooyyeessaa💪💪💪

Sababa kanaaf yeroo hedduu nyaata atileetidhaan sooratamuudha.
Odoo ispoortii ykn dalagaa humnaa hin egalle sa'aatii 2 hanga 3 dursitee hundee diimaa nyaachuu qabda.
Qaamni keenyaa ooksijinii sirritti akka itti fayyadamuu fii dafnee akka hin dadhabne nu godha.

2) dhiibbaa dhiigaa xiqqeessa

3) kulkulaa madaa ittisa /fight inflammation/

4) fayyaa sirna bulla'iinsa nyaataa fooyyeessa

5) Kaansarii tokko tokko namarra ittisa

6) Ulfaatina qaamaa hir'isa

7)Dandeetti dhukkuba ofirraa ittisuu ni dabala

8) dhukkuba sukkaraa haga tokko namarraa ittisa

9) Mi'aawaa waan ta'eef nyaata feete hundatti dabaltee nyaachuuf mijataadha!

Galatoomaa
Fayyaa argadhaa
Dr. Abdulfetah Ibrahim
Dr.Dr. Heeraan

08/12/2023

Paartii Badhaadhina Itoophiyaa Dhugoomsuuf Saganteefatee hojjetaa jiru
Kaayyoon waliigalaa sagantaa keenyaa Itoophiyaa roga hundaan badhaate dhugoomsuudha. Badhaadhinni saganteeffanneefi hojjetaa jiru siyaasaan, dinagdee fi hawaasummaadhaan dhugooma. Badhaadhinni siyaasaa eegnu maali? Badhaadhinni dhaabbilee demokraasii ciiccimoo walabaa fi aadaa demokraasii bu’uraarraa jijjiiran ijaaruuf hojjetaa jira. Adeemsa Kanaan walqixxummaa fi walabummaan lammiilee, mirgoonni demokraasii fi namoomaa akka mirkanaa’an ta’a. kun ammoo Itoophiyaa sab-daneettii; cimtuu fi tokkummaa keessoo ishii mirkanaa’e ijaaruuf bu’uura kaa’a. badhaadhinni siyaasaa tokko Kanaan ibsama.
Badhaadhinni dinagdee eegnu maali? Dinagdee guddinaan ariifataa fi hunda galeessa ta’e, addunyaarratti dorgomaa nutaasisu, fayyadamummaa haqa-qabessaa lammiilee fulla’insaan dhugoomsee fi yeroo dhumaatiif hiyyummaarraa adda nu baasu ijaaruuf saganteeffannee hojjetaa jira. Kanaaf, humnaa fi beekumsa qabnuun qabeenya uumamaa keenya misoomsuuf halkanii fi guyyaa tattaafachaa kan jirruuf. Bu’aas argaa jirra.
Inni sadaffaan Badhaadhina hawaasumaati. Badhaadhinni hawaasummaa maali? Badhaadhina hawaasummaa keessatti cichinee kan irratti hojjennu duudhaafii sonawwan gaarii akka biyyaatti qabnu bu’uura badhaadhinaa taasifnee itti fayyadamuu fi akka eegaman taasisuudha. Inni biraan lammiilee namuusa gaarii qaban, misooma qaamaa samuun dagaagan ijaaruudha. Fulleeffannaan maneen barnootaa babal’isuu ( Bu’uura boruu, ifa boruu fi kkf) kanarraa madda. Humna walootiin misoomni mirkaneessaa jiru sagantaa badhaadhina hawaasummaa keenya dhugoomsu.

14/11/2023

FAAYIDAALEE AVUKAADOO
Avukaadoon ilma namaatiif faayidaa baayyee qaba. Moggaasa "Kuduraa fayyaa ilma namaaf baayyee barbaachisu"(healthy fruit) jedhamees beekkama. Avukaadoon qabiyyee baayyee of keessaa qaba:- fknf Viitaminoota, Albuudota garaagaraa fi kanneen biroo heddu eeruun ni danda'ama.
Faayidaaleen Avukaadoo lakkoofsan heddu ta'anis isaan keessaa muraasni:-
1.Dandeettii dhibee dandamachuu qaama keenyaa (Immunity)dabaluuf
2.Bullaa'insa nyaataa si'eessuuf
3.Foolii badaa afaanii (halitosis) ni hir'isa
4.Fayyummaa qaamoota keenya jiraachuuf baayyee barbaachisaa ta'an:- Tiruu, Garaacha, Onnee,Kalee fi ija keenyaa ni eega.
5.Fayyaa lafee keenyaas ni eega, darbees dhukkubbii busaa qaamaa ( arthritis) ni ittisa
6.Fayyummaa gogaa qaama keenyaa fi rifeensa keenyaa ni eega, kana gochuun gogaan keenya akka bareeduu fi Miidhagu ni gargaara.
7.Dhibee Kaanserii garaagaraa kanneen akka Kaanserii mar'ummani, Garaachaa, Rajiijii,fi Fixee gadameessaa ittisuuf ni gargaara
8.Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e qabaachuuf ni gargaara; akkasumas dhibeewwan furdina garmaale waliin walqabatanii dhufan hir'isuufis ni gargaara
9.Gogiinsa garaa darbees dhibee Kintaarootii ittisuufis ta'ee yaaluuf fuduraa fi kuduraaleen hunduu gahee qabaatanis abukaadoon garuu isa hangafaa
10. Dhiphina fi yaaddoo hamaa(Depression) ni hir'isa.
11.Dubartootni ulfaa yoo fayyadaman rakkoo yeroo ulfa isaan muudachuu danda'u kan akka ol- guuru fi haqqee hamaa (Hyperemesis gravidarum), bahuu ulfaa(abortion) ni ittisa, akkasumas daa'ima fayyaa qabu argachuuf baayyee gargaara.
Kanaaf avukaadoo kan isiniif danda'amu yoo ta'e guyyaa guyyaan ganama ganama ija tokko tokko ykn ija tokko tokko torbanitti guyyaa 3 nyaachuun gahaadha.
Yeroo Avukaadoo fayyadamtan qulqullinna keessan sirriitti eeggachuu hin dagatina.
Hirmaannaa keessaniif guddaa galatoomaa!!!
Galatoomaa!!!

14/11/2023

Mareen Biyyaalessaa Aadaa Ilaaf-Ilaamee Cimsuun Ijaarsa Biyyaalessaa Tumsa
-----------
Itoophiyaan biyya sabdaneettii, saboonni, sablammoonnifi uummattoonni Afaan, Aadaa, amantaafi ilaalcha garaa garaa qaban keessatti argamanidha. Hariiroofi walitti dhufeenyi hawaasummaa uummattoonni kunneen barootaaf uuman biyyi keenya qormaatilee keessaafi alaan uumaman damdamattee akka har'a geessu taasiseera. Kunis, biyyi keenya birmadummaafi bilisummaa ishee kabachiiftee turuun fakkeenya akka taatu taasiseera.

Haatau malee, seenaafi dhugaawwan waloo akka biyyaatti waliin qabnu irratti xiyyeeffatamee sirnaan hojjetamaa waan hin tureef jaalalliifi kabajni biyyaa, ilaalchi sabdaneessummaa obbolummaaf walqixxummaa sabaa, sablammootaafi uummattoota sirnaawaa akka ta'uuf waan hin hojjetamneef biyyi keenya baroota ishee walwaraansa keessa turtu taasiseera.

Kunis, ilaalcha sabummaafi biyyaalessummaa jidduu jiru madaallii sirnaawaa akka qabaatu waan hin taasifneef tokkummaa biyyaalessaa, ijaarsi biyyaafi sirnaa irratti dhiibbaa guddaa uumaa dhufeera. Aadaan mariin dubbii hiikuu waan hin dagaagneef wal dhibdeewwan turanis karaa humnaan hiikuuf yaaluun ykn qawween qofa fala argachuu qaba jechuun aadaa siyaasaa keenya yeroo dheeraaf dhuunfatee tureera.

Mootummaan rakkoo kana hundeerraa furuun siyaasni biyya keenyaa gara siyaasa yaadaatti akka ce'uuf falli jiru maree biyyaalessaa ta'uu hubachuun itti amanamee hojiin erga eegalamee bubbuleera.

Marii biyyoolessaa kana keessatti Oromoos ta'ee sabni kamiyyuu akka sabaatti ajandaa akkamii qabatee gara marii biyyaaleessaatti deemuun rakkoo jiru karaa ilaaf-ilaameen furachuun ijaarsa biyyaafi sirnaa keenya xumurra waan jedhurratti sirriitti mari'atamuu qaba. Dhibdeefi garaa garummaa yaadaa karaa ammayyaa'aa ta`een furuuf qaamni hunduu qophiifi tumsa barbaadamu taasisuu qaba.

Muuxannoon biyyoota hedduus kan agarsiisu rakkoo bara hedduu keessa turan keessaa ba'uu kan danda'an karaa marii biyyaalessaa hunda hirmaachisaa ta'eenidha.

20/10/2023

WANTOOTA KUDHAN MAATIIN DAA'IMMAN/IJOOLLEE WALIIN GOCHUU HIN QABNE.
============================================
1. Itti Iyyuu/lallabuu (screaming)

Daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuun/lallabuun madaa (goddaannisa) sammuu fi miiraa yeroo dheeraa taheef kan saaxiluu fi reebicha caalaa akka hamaa tahetti amanu hayyootni tokko tokko.
Daa'imman yeroo itti iyyan sirni narvii isaanii deebii kennuu waan dhaabuuf sammuun isaanii waan itti iyyamuuf san fudhachuu dhaaba. Kuni immoo daranuu itti dabalanii akka iyyan nama godhus sammuu daa'immanii caalatti hadoochaa adeema.
Haaluma kanaan daa'imni itti iyyamaa guddate rakkoo xinsammuu fi dhibee sammuu kan akka dallansuu baay'isuu, ofitti amanamummaa dhabuu, mukuu, dhiphinaa fi rakkoo haala namoomaa (personality disorders) garagaraatif saaxilamuu danda'a. Kanaafuu daa'immanitti sagalee olkaasanii iyyuu irraa of qusachuun yoo tasa itti iyyine tahes of tasgabbeessun sossobanii dhiifama gaafachuun barbaachisaadha. Dhiifama gaafachuun miira itti dhagahamerraa fayyisuun cinatti dogoggora uumame sirreessuun akka danda'amuu fi itti gaafatamummaa kan barsiisuudha.

2. Komachuu/quba itti qabuu (blaming)

Komatuun hariiroo ni laaffisa, ofitti amanamummaa gadi buusa, ijoolleen yeroo waan badaa hin hojjennellee ittisa irratti akka argaman kakaasa. Anas b. Maalik, yeroo sana daa’ima waggaa 10 ture, akkana jedhe: “Ani waggaa sagal Rasuula صلى الله عليه وسلم tajaajileera waa’ee waanan hojjedhe, maaliif akkas akkan godhe, ykn waa’ee waan ani hin hojjenne, ati maaliif hin goone jedhee hin beeku. ” Yeroo mucaa keessaniif yeroo dubbattu wanti afaan keessan bahu qeeqa, komachuu fi ajaja qofa ta'ee fi faaruu, jechoota jaalalaa, jaalala ykn bashannana baay'ee xiqqaa ta'e yoo jiraate akka warraatti nama isaan barbaadan osoo hin taane mucaa isaaniif madda gadhee taata jaalala ykn deeggarsa argachuuf gara koottaa.

3. Ajaja baay'isuu (nonstop order)

Osoo hin amansiisin, osoo hin barsiisin ykn fakkeenyummaan itti hin agarsiisin ajaja itti baay'isuun daa'imman roobootii akka gochuuti, gaafa guddatan waan ajajaman kamiyyuu gaaffii tokko malee osoo itti hin amanin kan raawwatanii fi fakkeessaa jiraatu. Daa'imman waan itti himan caalaa waan itti agarsiisan irra qabatu waan taheef fakkeenyummaan itti agarsiisaa barsiisuun caluma jedhanii ajajaa oolurra filatamaadha.


4. Sodaachisuu (threatening)

Sodaachisuun/doorsisni diddaa daa'imman agarsiisan yeroof irra aanuf fayyadus turi turii keessa daa'imman ni miidha. Ilaalchi doorsisaan horatamu miira dhugaa hin tahinii fi fakkeenyummaa qabu yoo tahu daa'imman jireenya sodaan guutame akka jiraatan ykn yoo doorsifaman malee homaa akka hin hojjennetti amanaa jiraatu.

5. Itti Kofluu/qoosuu (sarcasm/making fun)

Daa'imman itti koflanii rifachiisuu fi qaanessuun daa'imman sodaachaa miira of shakkiin guutamee fi ofitti amanamummaa hin qabneen akka guddatan isaan taasisa.

6. Arrabsoo/Abaarsa (cursing)

Daa'imman arrabsuu fi abaaruun arrabsoo fi abaarsa isaan barsiisuudha. Wanta ittiin isaan arrabsine san dursa haadha fi abbaa irratti, itti aansee miseensa maatii biroo, hiriyyoota isaanii fi namoota alaa biroo irratti fayyadamu. Kunimoo ijoollee naamusa hin qabnee fi guddis-badii kan isaan taasisuu fi hariiroo namoota waliin qabaatan irratti dhiibbaa uuma.

7. Walbira qabuu/madaaluu (comparing)

Daa'imman keessan nama kamiinuu waliin hin madaalinaa, keessattuu obboleeyyan. Wal bira qabuun miira hinaaffaa, aarii fi of ittisuuf (self defense) isaan saaxila. Ofitti amanamummaa gadi aanaa horachuun nama biratti fudhatamaa ykn gaarii akka hin taanetti amananii guddatu. Karaa tahe kamiinuu.namoota biroo irraa fudhatamumma fi xiyyeeffannoo argachuuf garmalee tattaafataa jiraatu.

8. Gorsa Itti Fufiinsa Qabu (continuous advice)

Dandeettiin xiyyeeffannaa daa'immanii daqiiqaa 3 hanga 5 waggaa umrii isaanii kan hin caalleedha. Fkn. daa'imman umriin isaanii waggaa 3 tahe daqiiqaa 9 hanga 15 caalaa waan tokkotti xiyyeeffatuu hin danda'an. Sa'aatii dheeraaf itti fufiinsaan gorsuun akka nuffanii ergaa barbaachisuuf xiyyeeffannaa hin kennine godha.

9. Amanuu dhabuu (mistrust)

Daa'imman amanuu dhabuu fi yeroo hunda akka isaan waan sirrii tahe gochuu hin dandeennetti shakkii itti baay'isuu fi waanuma hunda jala deemanii qulqulleessaa oolun ofitti amanamummaa isaanii kan miidhuu fi of danda'anii waan tokko murteessuf akka rakkatan isaan godha. Dabalataanis shakkii kan baay'isaanii fi ofittis tahee namatti amanamummaa guutuu waan hin qabaannef hariiroo fi walqunnamtii iftoomaa tahe hin qabaatan.

10. Reebuu/dhaanuu (beating)

Reebichi, akkuma qoricha dhukkubbii yeroof dandamachuuf fudhachuu, rakkoo mucaan sun uumu irraa yeroodhaaf maatii dandamachiisa malee rakkoo mucaa san wal'aanuu ykn fayyisuu hin danda'u. Inumaayyuu warra malaa fi tasgabbiin amala daa'immanii sirreessuf yaalu caalaa warri ijoollee reebu amalli ijoollee yeroo gara yerootti tohannoo isaanitiin ala ta'aa deema.
Ijoolleenis daran hammaachaa deemuun badii fedhan raawwachuuf kan of duuba hin deebinee fi ofii isaanitiifis amala reebichaa (abusive behaviour) qabatanii guddachuun waanuma hundaa reebichaan argachuu akka danda'anitti yaadu.

Maddi: Dr. Hesham Al-Awadi, barreessaa kitaaba "Ijoollee Naannoo Nabiyyii: Akkamitti Nabi Muhaammad[S.A.W] Sahaabaa Dargaggoota Guddise."
============================================
Galatoomaa!
Horaa Bulaa Deebanaa!
Fayyaaf Nagaa Hin Dhabinaa!
Dr Abdi K Gada

Photos from Abiy Ahmed Ali's post 07/06/2023
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Adama