Abdi Hussen
beautiful ❤️❤️
27/08/2026
🥊🏆 MMA ITOOPHIYAA: DARGAGGOOTA BIRATTI JAALALLI ISPOORTII DABALAA JIRA!
Ispoortiin MMA Itoophiyaa keessatti jaalala guddaa argachaa jira. Waldorgommiiwwan Joon, Liqaataa fi dorgomtoota biroo gidduutti gaggeeffamanis fedhii dargaggootaa daran kakaasaniiru.
Keessumaa Joon fi Zeeddoo gidduutti har’a gaggeeffamuuf jiru hawwii guddaan eegamaa jira. 🥊🔥
Fuuldurattis deeggarsi mootummaa fi qophii dorgommiiwwan sadarkaa Afrikaa fi addunyaatti taasifamuun, dargaggoota Itoophiyaa keessatti carraa guddaa uumuu danda’a.
👉 Oduu ispoortii fi odeeffannoo haaraa argachuuf Page keenya FOLLOW godhaa, SHARE keessanis hin dagatinaa!
Godina Harargee Lixaa Aanaa Cirootti, Hojii Mana Barumsaa Dijiitaalaa gochuuf hojjatame.
25/08/2026
Barnoonni Daandii Injifannooti!
*****
Godina Harargee Lixaatti Hojii Barnootaa Dijiitaaleessuuf hojii hojjatamaa jiruun Aanaa Cirootti Mana Barumsaa Dijiitaal Laayiibiirarii taasisuuf hojii hojjatamaa jiruun guyyaa har'aa Mana Barumsaa Ijafaaraatiif Koompitaraa Afurtama Qarshii Miliiyoona 5'n olitti tilmaamamu wal harkaa fuudhinsa kan taasisan bakka Itti Gaafatamaa Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Obbo Awwal Abdallaa, Bulchaa Bulchiinsa Aanaa Ciroo Obbo Yasin Mahammed Ibrahim, Hoggansii Godinaa fi Aanichaa, akkasumaas keessummoonni Naannoo argamanitti gaggeeffamee jira.
Akkasumaas guyyumaa har'aa Mana Barumsaa Bu'uura boruu Ganda Ijafaaraa keessatti ijaaramaa jiruu Sadarkaa irraa jiruu Koree kun daawwate jira.
Lammii dorgomaa ta’e, jaalala biyyaa fi naamusa gaarii qabu horachuun guddina biyya tokkoo keessatti baay’ee murteessaa yoo ta'u, kun ammoo sirna barnootaa qulqullina qabuu fi dhaqqabamaa ta’e diriirsuun mirkanaa’a. Sirni barnootaa biyya keenyatti hojiirra oolaa ture rakkoo qulqullina hamaa, dhaqqabamummaa fi haqa qabeessummaa kan hin qabne ta’uurraa kan ka’e dhaloota dorgomaa, naamusaa fi jaalala biyyaa qabu horachuun rakkisaa turus yeroo ammaa kana hundeerraa jijjiiruuf hojjetamaa jira.
Godinni keenyaa galma Badhaadhinaa hawaasummaa milkeessuuf qabame adda durummaan bahachuuf gama barnootaatiin dhaloota biyya ofii jaalatuu fi egeree biyyaa bu’uura jabaarra dhaabuuf dhaloota irratti hojjechuun murteessaa ta’uu hubachuun tarkaanfiiwwan akka biyyaatti fakkeenyummaa qaban hojiirra oolchuuf hojjatamaa jira.