Oborra Media Network

Oborra Media Network

Share

Yoo nama taate, dhala namaatiif gaarii yaaduutu madaala namummaa kee mirkaneessa.

24/05/2025

Waa'ee Baankii Siinqee ilaalchisee aanaa keenyatti wanni ta'aa ture waan baay'eedha. Jalqabumaa baankiin tun baankii shiraa ykn tan shimeeti jennee akka shakkinu kan nu taasise hojjetaa mootummaa ta'ee namni account baankii siinqee hin bananne hojjetaa keenya ta'ee itti fufuu hin danda'u jechuudhaan doorsisa kaabineen yeroo hedduu waltajjiirraa dubbattuudha.
Fuuldura mindaan hojjetaa fi durgoon akkasumaas baasiin hundi gara baankii siinqee waan deebi'uuf dirqamtanii account isaa baafattan nuun jedhan.
Dubbiin ammaas akkuma jedhame ta'aa jirti. Gaafa waajjirri faayinaansii aanaa baajata hoji adeemsisaaf qabame kanneen akka durgoo, suphaa ykn bittaaf fi kkn kan oolu baasee kafaluuf dhaqu manaajarri baankichaa yoo baay'ate qarshii 50,000 ol baasuun dhaarkaadha jedhee dararaa meeqaan kanumaahuu dhoorka. Maallaqni seenuu malee bahuuf seerri baankichaa dhoorkaa kaa'e.
Itti aansee nu biratti maallaqa Inshuraansii fayyaa ummatarraa guuramee baankii daldalaatti galaa turees hatattamaan gara baankii siinqeetti akka deebi'u murteessan.
Inumaahuu miseensa ta'uudhaa fi maammiila baankii siinqee ol guddisuuf namoota account baankichaa banaachuu qabu jedhanii karoora baasanii gubbaa irraa hojii caalaa dhimma kana gadi fageenyaan qorachuu irraa kan ka'e hawaasa magaalaa fi qonnaan bulaa baadiyyaa irraa sababa qusannaatiin account isiniif bannee irra isiniif keenya jedhanii dirqamaan maallaqa ummatarraa guuraa ba'an.

Baankiin kun kanaan dura WLQO (Waldaa Liqii fi Qusannoo Oromiyaa) tureeti boodarra gara baankii siinqee jijjiirame. Warri gaafa san xiqqaattullee dabtara baafatee achitti qusachaa turees yeroo ammaa erga baankitti jijjiiramte as kan dhabees hedduutu jira.
Kanaafuu kaayyoon baankii siinqee tun nuuf hin galle.

05/05/2025

Ibiddi kaaliqaa sun Izrael irraa dhaame moo?

14/04/2025

Faallaa kanaatiin "Gurmaa'iinsi Gandaa" hiikkaan isaa haala naannoo keenyaatti arginuun wal bira qabnee jechaan yoo ibsinu👇👇👇👇👇

Kenna Tajaajilaa Harkifachiisa
Nageenya booressa
Misooma gufachiisa
Haqa hawaasaa Ukkaamsa
Bulchiinsa gaarii ajjeesa
Karoora xiiqii fashaleessa.

01/04/2025

♥️
♥️
♥️
❤️❤️❤️
The Evolution of : A Legacy of Engineering Excellence
Introduction
Bayerische Motoren Werke AG, commonly known as BMW, is a renowned German automobile and motorcycle manufacturer celebrated for its performance-oriented vehicles and cutting-edge technology. Founded in 1916, BMW has become synonymous with luxury, innovation, and driving pleasure. This article explores the history, evolution, and impact of BMW on the automotive landscape.
History and Foundation
BMW was established in Munich, Germany, originally as a manufacturer of aircraft engines during World War I. The company's first product was the BMW IIIa aircraft engine, which gained acclaim for its performance and reliability. However, the end of the war in 1918 led to a ban on aircraft engine production in Germany, prompting BMW to diversify its offerings.— bersama Tasty Besty Food 1M.
In 1923, BMW shifted its focus to motorcycles, launching the R32, which featured a revolutionary flat-twin engine and shaft drive. This motorcycle laid the foundation for BMW's reputation in the two-wheeled segment, eventually leading to several racing successes in the years that followed.
The Automotive Era
BMW entered the automotive market in 1928 with the acquisition of the Fahrzeugfabrik Eisenach. The first BMW car was the BMW 3/15, based on the Austin Seven. The introduction of the BMW 328 in the 1930s marked a turning point for the company, establishing it as a manufacturer of high-performance sports cars. The 328 gained recognition in motorsports, winning the Mille Miglia in 1940.
However, World War II led to significant challenges for BMW. The company was forced to redirect its production to support the German war effort, resulting in severe damage to its factories and infrastructure. After the war, BMW faced the daunting task of rebuilding and redefining its identity.
Post-War Recovery and Growth
In the post-war years, BMW focused on producing small, affordable cars. The BMW 501 and 50

27/02/2025

Harargee keessatti keessattuu deeggarsa raayyaatiif jedhamee maallaqnii fi sangoonni ummatarraa funaanamaa ture. Itti fufee dubbiin maqaa deeggarsaatiin ummata dirqisiisanii maallaqa irraa funaanuu akkuma jirutti ta'ee dubbiin Aanaa Gooroo guutuu tun aanota hundarraa adduma turte. Maallaqa seeraan naga'ee hin qabne dila guuramaa ture dhiisaatii kan seeraan nagaheen qophaa'ee guuramuu sanuu seera caphsanii guuramaa ture. Kan abbaa irraa fuudhamuu fi kan naga'eerra jiru wal qixaa miti. Kan nagahee hin qabne immoo deeggarsa mootummaaf galu madditti deeggarsi warra dhunfaatiin funaanamaa ture. Abbaa warraa tokko irraa erga fuudhamee booda kophatti maqaa biraatiin haawwan irraa guuraa turan.
Qoteebulaa harki qunca'ee ooyiruu akaaffatu kan gatiin jimaan jalaa kufee galii biraa hin qabne, kan ooyiruu xiqqoo qabu oomishni inni waggatti argatu walakkeessa waggaa hin jiraachifne kana gaafa dirqisiisaa hidhaa fi reebichaan dararaa maallaqa irraa guuran jiruun maaltu hafeef ree gadi taa'ee Rabbii isaa itti kadhachuu qofa ta'e. Yeroo deeggarsa gaafatame kennu hunda warri qalamaan galmeeffachaa ture baay'een akka himanitti wagguma kana keessa kafaltii gibiraa fi inshuraansii dabalatee deeggarsa nu fuudhaa turan hunda hogguu walitti ida'u toora qarshii 20,000 (kuma diigdam) ol ta'uu hima. Deeggarsa wahii qarshii 1000 na gaafatanii waaniin kafaluuf dhabee guyyaa sadii na hidhanii wabiidhaan hoggaan bahu osoon ani kanaahuu hin kafaliin ammaas deeggarsi biraa gubbaan dhufee irratti naaf dabalame jedhee kan booyaa of abaaraa turees jira.

27/02/2025

Gooroo Guutuu
Wan aja'iiba
Modeela galiitin Busiin uummata irra funaname wajjiira galiitii galuu qaba male wajjiiri bulchiinsa Chapa mootummatin fudhu hin qabu kun yakka guddadha hannaf akkatii Aanaa gooroo guutuu qunciisani fixaan!!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Address

Bole
Adama