Shumi Gonfa Oromo
Truth my dream
Goota haalo abba ofii dachan baafatee
26/11/2024
27/08/2024
Warri kun eenyu isaan?
Tarii, namoota tokko tokkoof diraamaa fakkaachuu mala. Kaaniif ammoo ayyaana Irreechaas itti fakkaachuu danda'a. Garuu akkas miti!
Warri kun, warra laftisaanii aramaa fi daggalli jalaa weerare. Warri kun warra Okolee isaaniitti Sarariitiin mana ijaarratte. Warra Gootaraa fi Gumbiin isaanii jalaa onee kuusaa Hantuutaa ta'edha. Warra bariifi dhiha lafaa sagalee rasaasaa akka oduu Raadiyoonii fi muuziqaa dhaggeeffatani. Warra hirriba malee bulanii fi tasgabbii malee yaadaa fi yaaddoof kaadhimamanii jiraatani. Warra manaa fi nama ofii dhabani. Warra manni barnootaa jalaa cufamee, ilmaan isaanii qalamaa fi baarulee lafa keessee cooligaa jirtudha. Warra obsee, obsee, obsee dadhabedha. Warra namarraa abdii kutee Waaqatti iyyataa jirudha.
Ofii jarri kun eenyu?
Isaan warra lafa akaakilee fi abaabilee keenya tiksanii asiin gahani. Warra aadaa fi seenaa keenya nubarsiisani. Warra lafee fi dhiiga isaanii gabbaraa lafaa fi nafa keenya har'aan gahanidha.Warra seenaa, duudhaa fi afaan keenya kunuunsee nuun gahedha. Warra kanatu...
Isa kaleessaa qofa miti bar!
Warri kun hanga har'aattiyyuu abidda laboobu gidduu taa'ee Aannan, Dhadhaa, Killee, Xaafii, Qamadii, Buna, Garbuu fi Misira magaalaa sooraa as gahe. Osoo baadiyyaaf magaalaatti sooruu, osoo ija tokkoon ilaaluu ofiif ammoo daddarbame. Kana mara osoo obsuu, osoo gorsuu, osoo dhoksuu nama isa dhaga'ummoo dhabe. Nama garaa isaaf laafu dhabe. Uummata miskiina kana!
Amma gamnaafiin karaarratti bahe. Alagaa mitii,ilmaan inni na jiraachiftiif dhalfatee barsiifatellee baadiyyaaf magaalaatti dhaga'uu didnaan Waaqatti iyyataa jira. Adaraa keessan; paartileen siyaasa Oromoo uummata keessaniif dursa laadhaa. Biyyi uummataan biyya jedhamti. Biyyi nama hin qabne, Gaagura Kanniisa hin qabnedha. Uummata har'aa fi boru bulchitaniif gurra kennaa!
Miidiyaaleen Oromoo fi ogeessonni miidiyaa miidhama fi iyyata uummata keenyaarratti hojjedhaa. Ajandaan uummata caalu matumaa hin jiraatin.
Egaa, ani kanarra waanan jedhu
27/08/2024
Sirna gadaa oromoo
Madda nagaa fi tasgabbii uumaamoota
Mallattoo tokkuma fi jaalala.
Sirna gadaa jabeessa
25/02/2023
Waa sadii, waan sadii sitti hin fakkatin:
Dubbachuun, beekumsa.
Obsuun, walaalummaa.
Nama kabajuun, sodaa sitti hin fakkatin
09/02/2023
Dur yeroo sirban "maal gochaa buute salaalee biyyaa badhanni jiru kilashiin baroodnan deebiin hin jiru" jedhu ture
Yeroo amma hoo jettani akka na gafanneemoo
09/02/2023
Du'ee kahee jechuudha
“Kanin qalame gaafa Waxabajjii 15 ti. Achii booda nan du’e. Yommuu warri na qale sun narraa siqan ‘a’aaa’ jedheen lubbuu horadhee ol ka’e. Yommuun ol ka’u ammas deebi’anii na qalan.”
Gaazexeessaa: “Waan duute se’anii si dhiisanii deemanii?”
Namicha: “Lakki, du’uu du’eera. Duunaan na dhiisanii deeman.”
Namicha kana yaadattu mitii? Erga qalamee du’ee booda ka’ee gaaffii deebii gochaa jira😀
Seenaa isaan himataniifi kitaabni isaan barreessan waan akkasiiti!
09/02/2023
“Bara 1969 ulfaa’een, bara 1987 da’e. Waggaa 18 gadameessa koo keessa taa’e. Dhalatee waggaa lamatti qotiyyoo camadee qote.”
😀
08/02/2023
What is coming is better than what is gone!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
FINFINNEE
Opening Hours
| Monday | 09:00 - 17:00 |
| Tuesday | 09:00 - 17:00 |
| Wednesday | 09:00 - 17:00 |
| Thursday | 09:00 - 17:00 |
| Friday | 09:00 - 17:00 |
| Saturday | 09:00 - 17:00 |
| Sunday | 09:00 - 17:00 |