Boorataa Booree Baasu
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Boorataa Booree Baasu, Health/Beauty, Finfinnee Oromia, Addis Ababa.
22/11/2022
22/11/2022
Dhugaa Addunyaa kanarra jiran:
1,Kan fuudhe ~ maal qaba osoon laaxxee(single)ta'ee,
2,Inni laaxxeenimmoo ~ yooman fuudhee boqodha,
3, Sooressimmoo ~ yoomuma sammuunkoo kan boqotu,
4, Hiyyeessimmoo ~ yoomuman sooromee jireenya gaarii jiraadhaa,
5,Jaarsi ~ maalqaba osoo dargaggummankoo naaf deebitee,
6, Dargaggeessimmoo~ maalqaba ijoollummaankoo deebitee itti gaafatamummaa malee waan hunda raawwadhee ykn taphadhee
7, Ijoolleenimmoo ~ yoomi kanan nama guddaa ta'u,
8, Inni lubbuun jiru ~ maalqaba osoon jireenya kana obbaafadhee,
9,Kan du'emmoo~ maalqaba osoon altokkoof duubatti deebi'ee waanin balleesse sirreessee ykn gaarii hojjedheera ta'ee, jedha!
=============
✅ Dhalli namaa sadarkaa jireenyaa kamirrayyuu osoo jiraatee, kan harkasaarra jiru caalaa, kan nama biraa hawwuu hin dhiisu.
✅ Kan dhabde osoo hin taane, kan siif hafe ilaali.
" Yeroo sana gammachuu isa dhugaa dhamdhamachuu eegalta.''🏃♂🏃♂🏃♂
👉Waanan dubbiserraa...
።።።።።።።።።።።።
22/11/2022
Maraatuu haqaa!
—
Gaafan qullaa deemu
Ati uffattee deemta
“Maraatuu” naan jechuu malee
Maafan akkan maraadhe
Na gaafattee beektaa?
Maal taate jetteettaa?
Ani afuuffee miti
Kan qilleensaan guutame
Ani hattuu miti utuu waan namaa hawwuu
Kan sammuu fuudhame
Ani albaadhessa miti
Kajeeltuu waan raqaa
Ani maraatuudha
Maraatuu ilma haqaa!
Jireenyaan wal dhabee
Jiraa hin jirre ta’ee
Dhugaafan maraadhe
Dhugaafan raata’e!
-
Sobatuu hiita’ee akka tulluu guddaatti
Ol jedhee dhaabbate
Biyyimmoo itti yaa’ee galgalaafi ganama
Ho’asaa qaammate
Sobaaf walga’iin taa’amee
Hiriirri ba’ameefi
Cidhi itti godhamee - itti shubbifamee
Harki dhahameefi!
Namni soba kabaje
Namni soba faarse
Qumbii itti firfirse
‘Ixaana’ itti aarse!
-
Dhugaanimmoo haqaaqamee
Karaarraa jaallate
Akka muka qiinqaniin nyaateetti
Soofamee qallate
Ni ukkaamame - ni sakaalame
Dhoksaatti affeelamee
Dhoksaatti akaa’ame
Dukkana walakkaa
Gorduuba kaa’ame!
Aarsaa dhugaaf ba’etu
Jallinaan qorqame
Kan kabajni maluuf
Kabaja dhorkame!
—
Hammeenyiifi gidiraan
Kokkeettii na qabe
Biyya abbaa koorrattan
Abbaa ta’uu dhabe
Galaana imimmaanitu
Jiraa na awwaale
Madaan koo baayyannaan
Hooqqachuu wallaale..
Waa’een maraatummaafi
Waa’een caba kootii
Gaaffii deebii dhabe
Gaaffii saba kooti!
21/11/2022
Ajaa'ibaa!
fi
Mucaa daa'ima waggaa 7 hin gahin irraa haati duute. Yeroo muraasa booda abbaan isaa jaartii biraa fuudhe. Jaartiin abbaa isaa kun haadha biddeenaa mucaa kanaaf taate.!
Guyyaa tokko abbaan isaa "haadha kee kan duraatii fi kan ammaa jidduu garaagarummaan jiru maali?!" Jechuun daa'ima kana gaafate. Daa'imni kun yaaddahaa #"haati tiyya kan duraa ni sobdi. Soban irraa baradhe. , tan ammaa tun dhugaa malee hin beektu" jechuun deebiseef!
Abbaan isaatiis deebiin isaa akka malee Ajaa'ibee #"mee akkamitti akkas jetta haadha keedham Jechuun gaafate". Yeroo kana daa'imni kun #"haati tiyya kan na dhalte yoo bakka akkanaa dhaqxe, yoo waan akkanaa hojjatte nyaata sitti hin kennu naan jetti. Garuu, yeroon ani waan isheen irraa nadhoorkite kana hojjadhees nyaata inuma naaf kenniti. Garuu kan ammaa kun ajaja ishee yoon dide akkuma jette nyaata naaf hin kennitu. Kunoo ammaayyu guyyaa lama nyaata naaf hin kennine!" Jechuun abbaa isaaf deebise.!!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Addis Ababa