Kejela osmen

Kejela osmen

Share

๐ŸŒฟOfitti amanuun riqicha milkiiti
Ofitti amanii hojjadhu waan hundaa๐ŸŒฟ

24/01/2026

Cooman bite malee
Ani waadeen beeku
Adda baana jedhee
Ani yaadeen beeku
~
Ani yooman shakke
Akka garaa murattu
Yaadaaf ilaalcha kee
Akka narraa fudhattu
~
Badiin koo maaluma
Har'a kan na gattuuf
Garaa narraa murtee
Har'a kan na gantuuf
~
Badii kiyya naaf himi
Waan natti mufatteef
Balbala onnee keetii
Waan natti cufatteef
~
Badii koon wallaalem
Ol yaadee gad yaadee
Waadaa diiguu keedha
Kan gubee na waadee
~
Kaleessa maal jennee
Gaafa waliif kakanne
Rakkoo keenya maraa
Gaafa waliin daganne
~
Addan baanu jettee
Kakatte gaafa sana
Garuu ooltee bultee
Dagatte yaada sana
~
Har'a me maalumaaf
Kan nutti adda baanu
Silaa walumaan ture
Kan nutti tabba baanu
~
Fira dhabaa na gootee
Har'a erga na joorsitee
Bor an si arguun hawwa
Carraan kee si koorsitee
~
Iddoof bakka deemtutti
Naaf jiraadhu nagaa kee
Garuu an har'aa kaasee
Dagadheera maqaa kee
~
......โœ๏ธ

23/01/2026

Kontomaa sangaa buudee
Daarimuu hidha cuuphee
Gannaalee bu'u dhoggate
Jeneraal Xulaa Duubee!.

Yoo lafa na gaafatte
xiixxuun xinniqqee tana,
Yoo maqaa na gaafatte
Jen.Xulaan Duubee ana.

Janna qawwee sunqate
seenaa seesee bulfate!๐Ÿ’ฅ

14/01/2026
08/01/2026

Peace ๐Ÿ•Š๏ธ in My brother

07/01/2026

God

30/12/2025

โ‰๏ธof dhaggeeffachuu jedhuun maal?
๐ŸŒนYaa 70 Koo (silent time) jechuun yeroo ati waa'ee jiruuf jireenya Kee uumaa Kee wojjiin haasoftuudha. of dhaggeeffadhu!!๐Ÿ–๏ธ

30/12/2025

๐Ÿ•ธ๏ธJecha jedhame hojiirra oolchuuf yaali
jireenya Kee jijjiiruuf kaayyoo keef moo'ami
jireenya 7'n jiran keessatti of toowwadhu(control habit)
isaanis
1. jireenya fayyaa
2. jireenya hawaasaa
3. jireenya maallaqaa
4. jireenya mul'ataa
5. jireenya maatii
6. jireenya beekkusmaa
7. jireenya amantii
isaan kana keessatti of toowwadhu eessa akka jirtuu of beeki
waan dhalatteef osoo hin beekin jiraachuun jireenya hiikka dhabeessa waan ta'eef
nagaan turaa
follow me

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

๐ด๐‘‘๐‘Ž๐‘š๐‘Ž
Addis Ababa

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00
Saturday 09:00 - 17:00
Sunday 09:00 - 17:00