Wabii kalifa
Tokkumaan humnaa Eelktirikatii
JECHOOTA_SAFUU_OROMOO...!!!!
******************************
👉 Oromoon manni yoo gubate, manni gubate hin jedhu. "gabbate" yookiin "bishaan keessa taane" jedha malee.
👉 Oromoon dubartiin takka yoo ulfoofte, dubartiin ulfoofte hin jedhu. "Garaatti hafe" jedha malee.
👉 Oromoon Manguddoo/Jaarsa dogoggoreen, doggore/dogoggorte hin jedhuun. "Ni mucucaatan" jedhaan.
👉 Oromoon Daa’immni takka yoo duute, duute hin jedhu. "Ni deebite/bushootte" jedha.
👉 Oromoon saree maraatte takkaan maraatte hin jedhu. "waan saree kaastee" jedhaan.
👉 Oromoon nama gurraan hin dhageenyeen, duudaa hin jedhuun. "Ni dabarfata" jedhaan.
👉 Oromoon dubartiin yoo ulfi irraa jige garaa bu'e hin jedhu. " irraa bahe" ykn " Ofiin hiikamte " jedhaan.
👉 Oromoon Namni yoo deege deege hin jedhuun. "ulee darbe" jedhaan.
👉 Oromoon nama qaroo dhabeeyyii ta’e tokkoon ballaa hin jedhuun. "Ija qara" jedhaan.
👉 Oromoon Daa’ima tokko yoo ibiddi gube ni gubate hin jedhuun. "daaraatu dhaye/daaraa dhawe " jedhaan.
👉 Oromoon Nama tokko yoo budaan nyaatte, budaan nyaatte hin jedhuun. "ijatu arge/ija fuudhe" jedhaan.
👉 Oromoon yoo manni gubate, Manatu gubate hin jedhu. " bishaantu keessa yaa’e/bishaan bobeesse" jedhaan.
👉 Oromoon yoo namni du'e, ebalu du'e hin jedhu. "Afaan bishaan dide/boqate" jedhaan.
👉 Oromoon Shamarran dubrummaa hin qabneen, durbummaa hin qabdu hin jedhuun . “uumaa dhabde/bantii hin qabdu” jedhaan
Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu ​​natti dhaga'ama! Birgeedii Badhoo Dachaas, Hafiiz Mk Oro
23/11/2024
18/10/2023
KENNAA UUMAMAA
๏ Namaaf, meeshaa hunda caalu, kan uumama hundaayyuu ittiin to'atu, sammuu kenne.
๏ Sammuun namaa kun neuroonii Biliyoona dhibba (100,000,000,000)
๏ Narvii gargaartuu (glial cells) Tiriliyoona kudhan (10,000,000,000,000) kan qabuu fi
๏ Diyaamenshiinii 1450cm³ qaba
๏Sammuun namaa gurra lamaan gidduu jiru sun, yaadannoo (memory) miliyoona 2.5GB ol kuusuu kan danda'uu fi aangoon isaa (power) 20W dha.
➲Namni meeshaa isaa kana walqixa itti hin fayyadamne; gareen tokko sammuu isaatti fayyadamuun argannoo addaa uumee, waan amanuufuu nama rakkisu kalaqee, addunyaan kun namaaf mijattuu akka taatuuf gahee isaa bahe; biyya isaas jijjiire.
๏Gareen biraa immoo kutaa sammuu isaa kana keessatti maal akka hojjetu erga taa'ee xinxalee booda, yaadaa fi qaamaan olii gadi gulufee, jibba, tuffii, hinaaffaa gadaantummaa, haaloo, hin danda'uu, dhibaa'ummaa, dhiphina, tuffii, hamii fi kan kana fakkaatan walitti funaanuun gara sammuu isaa geessee, mana hidhaa guddaa tokko ittiin ijaare marmaratee keessa ta'a
13/09/2023
11/08/2023
Dhukkubbii ilkee
**************************
Dhukkubbii ilkaanii manatti akkamitti of yaaltan?
1. Bishaan hoo'istanii burciqqootti erga naqxanii booda soogidda walakkaa fal'aana shaayi itti naqaatii achi booda afaaniin lulluuqqadhaa
2. Haayidiroojiin perooksaayidii pharmaasi bitattanii afaaniin lulluuqqattanii achi booda ofirraa tufuu. Haayidiroojiin perooksaayidiin kun baakteeriyaa ajjeessuu fi irgoon keenya akka dhiigne godha!
3. Cabbii irra kaayu. Cabbii uffatatti maruun yoo xiqqaate daqiiqaa 20f itti qabdanii taa'uu qabdu. Keessattu ilkaan yoo sababa dhohichaatiin kan miidhamtu taate.
4. Qullubbii tumtanii xiineessitanii bakka isin dhukkubu sanitti godhuu ykn alanfachuun dhukkubbii isin irraa wayyeessuu fi baakteeriyaa afaan keessa jiraachuun ilkaan keenya miidhan ajjeesuuf fayyada!
5. Zayita qurunfudii bishaan tiqqo itti dabaluun afaan lulluuqachuunin dhukkubbii ofirraa wayyeessuu dandeessu
Hub: malootaan asiin oliitti isiniif hime kana keessaa kan isiniif mijjatu fayyadamuu dandeessu!
Fayyaa ta'aa
Dr Abdulfetah Ibrahim
Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
Akka Arkattu Barbaadda?
Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
Me Kharuma Salphaan
Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim
Link kana tuqaa
Galatoomaa
Rakkoon cufaminsa gabaatiin ummata bahaa qoraa
jirtu akkuma itti fuftetti jirti.
Keellaan saamichaa kan dachii guutee gabaa
dhabamtee ummanni ifiifuu waan nyaatu dhabee
rakkachaa jiru tanatti inni saamicha isaa akkuma itti
fufetti jira, qaamni dhimmi isa ilaallatu kana mara
ummata bal'aa kana tuffatee deebisaa ummataaf
dhabuun waan hedduu gaafii namatti horuudha.
Ummanni mootummaa gibiree jiraatu biyyuma isaa
keeysatti qabeenya isaa bikka meeqatti qaraxee
jiraachuun mootummaa ummata nyaatu malee
mootummaan ummataaf yaadu hin jiru waan nama
jachisiisuudha.
Yaa Badhaadhina ummanni balaa beelaa tan isin
tolchitaniin isin jalatti dbumaa jira, maaf ummata
kanaaf deebii dhabdanii calliftan?
Dubbii tana itti yaadaa deebii nuuf kennaa, dinnaan
ammoo mootii isin gubbaatti himata isinitti banuun
keenya hafa hin qabu!
01/05/2023
Lubbuu du,arraa haftu hin jirtu
Duuti dawaa hin qabu
Yaaliin fedhe nama hin hanbisu
Qabsaa,aan zarhun wadaajoo yaalii yeroo dheeraa booda kaleessa galgala gara biyya deebii hin qabnee fuula Rabbi deemeera
Maatiifii hawaasa inni falmaafii ture Rabbi obsa hakennuufi.
29/04/2023
Daawwatoota keenya kabajamoo,
Qophii “Dirree Waloo” har’aa irratti marii hayyootaa yeroo gabaabaa booda LIVE isinii dhiheessina. Isaanis:-
Dr. Bayaan Asoobaa
Obbo Baqqalaa Garbaa
Ambaasaadar Unatuu Bilaattaa
Dr Nasruu Hasan
Galatooma.
Click here to claim your Sponsored Listing.