Sultex Jemal

Sultex Jemal

Share

Hireen Qooda Rabbiiti
Carraaquun Dirqamakee
Bakka kamuu jiraadhu
Hin Dagatin Rabbii kee!!

12/09/2026

Baga Gammaddee
Qaali koo sin dagadhu
Hamaan kamuu sin arginii
Waggaa kumaa Jiraadhu

Aartiin Uumamaan tola
Kennaa Rabbii ganamaa
Sirraan barruu eegalee
Jabaan duruu jajamaa

Mee keessoon na dubbisi
Jajjabinaa naaf kenni
Jedheen dhaamsa ergadha
Waliif qoricha Namni

Kana biraan naaf ga'aa
Lata kena'ii Aagaa
Ati naaf fakkeenyadha
Kanaaf waamee si raagaa!!

02/09/2026

Daldalaa fi Amantii !!

Hayyuun keenya Sheikh Jemal Aliy guyyaa Sabtii (September 5) Halkan sa'atii 3:00 irraa jalqabee TikTok isaaniirratti sagantaa Guddaa muuxannoo isaanii itti nuuf qoodan qabatanii nu Eegaa jiru.
Ofiifis qooda irraa fudhannee, Hiriyoota keenyas itti haa afeerru...

Gaafii Sh. Jamaaliif dhiheessuu barbaaddan comment irra kaayuu dandeessan. Obboleessi keenya U. Najjaash Mohammad Walitti qabee sheekaaf kan dhiheessu taha In shaa Allaah.

Photos from Sultex Jemal's post 27/08/2026

Jabaa koo!!
CONGRATULATIONS 🎊

Jabina keenyaan jirra
Baguma si qabaannee
Umrii naaf dheeradhu
Egereef si Abdanne !!

Bu'aa bahii jiruu
Hundumaa dandeesse
Dadhabbii kee arguuf
Baga Har'a geessee

Kaayyookeef hojjette
Mul'ata kee eegdee
Ammallee jabaadhuu
Qabsoon of wareegdee

Ifaa Biyyaaf Maluu
Egereef sii Eegnaa
Hamaan sin arginii
Waadaa sirraa qabna!!

08/08/2026

Bakka Dhiigani hin Fiigani!
jedhu mitiiree!!!
........loading inshahallah

08/08/2026

Qaawwaa barbaaduun ifa hin mulisu.

08/08/2026

HUNDA HIN HIMATANI DUGDA HIN DHUNGATANI !

Mammaaksa oromooti!

07/08/2026

Jiraachuu keetti baay'ee gammadi. Hamaas ta'u gaarii arguu kan dandeessu yoo jiraatte qofa. Ati hin jirtu taanaan hamaanis gaariinis sibira hin jiru. Haalli ulfaatus ulfaachuu baatullee jiraachuukee qofaaf gammadi!

05/08/2026

Jiruun TANUMA

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Boolee
Addis Ababa
01025