Abdi Abrahim
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Abdi Abrahim, Health/Beauty, Addis Ababa.
23/04/2022
Guyyaa tokko,Barataa yuunversiitii tokkoo fi Piroofeesera isa barsiisutu waliin bashannana ture. Barsiisichi sababa barataa isaa kana baay'ee jaalatuuf yeroo boqonnaasaa baraticha ofitti waamee waliin taphatu turan.
Gaaftokko garuu osoo mana bashannanaa tokko jala taa'anii buna dhugaa jiranii halaala isaaniitii nama
lafa qulqulleessu tokko argan.Namichi kopheesaa ofirraa baasee lafa kaa'uun miila qullaasaa hojjeta ture.Yeroo kana baratichi, "piroofeeser! har'a baay'ee mukoofnee jirra. Kottaa kophee namicha sanaa fuunee dhoksina. Yommuu inni barbaadee dhabus akkam akka tahu dhokannee ilaallee kolfinee ittiin mukuu baana" jedhe.
piroofeeserichis,"namni kun hiyyeessa nama waan tokko hin qabne dha. Umrii kanaan kan namaaf gugguufu dhabeeti malee jaalatee miti. Nuti immoo qarshii hedduu qabna. Qarshii kanarraa
hanga tokko fuunee,osoo inni hin argiin dhokannee kophee isaa keessa yoo keenyeef hoo? yeroo qarshicha argus akkam akka tahu dhokannee ilaalla, malee rakkina namaarratti gammaduun gaarii miti.Osoo rakkina nama oolchine caalaa mukuu baana.Isa jireenyatu dhamaasa, nuyi ammoo maaliif dhiphina biraa idaanaaf?" jedhe.
Akkuma inni jedhettis walii galanii qarshii isaaniirraa osoo namichi hin argiin dhoksanii kophee isaa keessa kaa'anii dhokatanii taa'an.
Namichis gaafa hojiisaa xumuree koota isaa uffatu gara kopheetti deebi'e. Kophee tokko yommuu diratus kophicha keessaa waan tokko isa quuqe. Ofirraa baasuun lafatti gadi hurgufe. Wanta gadi hurgufamee lafa naqame yoo argu nahee amanuus ni dadhabe. Bifuma walfakkaatuun kophee isa lammataa keessaas qarshicha arge. Qarshichis xiqqaa miti ture.Innis bakkicha sanaa asiif achi ilaale, kallattii mara hubate, erga nama homaa dhabee qarshicha kiisii(giphii) isaa keessa kaawwate.
Achiis, "yaa gooftaa koo beela'uu haadha warraakoo argiteeti mitii, qullaa deemuu keenya argite mitii, beelli ijoollee koo sitti mul'ate mitii,imimmaan keenya argite mitii,ganamaaf galgala namaaf dhama'uu keenya argite mitii, dafqee buluu koo hubatte mitii? Yaa waaqayyo gooftaa koo galatoomi. Silaas yeroo rakkinaatti kan nama furu sidha, situ birmataa kooti galanni siif haatahu" jedhee gammadaa qajeele.
Yeroo kana baratichi osuma namicha ilaaluu imimmaan fuulasaa irra yaa'e. Barsiisaan isaas imimmaan fuula baratichaarraa otuu haquufii,baratichi harka barsiisaa sanaa ofirratti qabee,
"barsiisaa hanga har'aatti akka kanaa na barsiistanii hin beektan.Dhuguma iyyuu nama rakkate haala salphaan rakkina oolchuutu gammachuu,
gammachuu caalu dha. Kanatu boqonnaa sammuuti baay'ee natti dhagahame isin dhuguma nama
addaati, naaf jiraadhaa" jedhe.Isaan lamaanuu gocha isaanii kanatti hedduu gammadan. gootee barnoota kana akka dabarsitu abdiin qaba!
Click here to claim your Sponsored Listing.