Adisu Ayana

Adisu Ayana

Share

Dubii dhugaa labsuuf

24/01/2024
Photos from Pastor Desta's post 16/12/2023
15/12/2023

Fayyaa Ilkaan Keenyaa Eeggachuuf
*****************
1. Ilkaan keessan yeroo kamiyyuu akka meeshaatti tasumaa hin fayyadamiinaa (fkn, Waa baqaqsuuf, qaruuraa banuuf, qeensa qubaa ittiin kutuuf fi kkf).

2. Rigaa (brush) ilkaanii jajjabaataa hin fayyadamiinaa. Rigaan ilkaanii jajjabaataan ilkaan sirritti qulqulleessa jedhanii yaaduun fayyadamuun dogoggora. Kanaaf rigaa ilkaan lallaafaa fayyadamaa.

3. Ilkaan ofii sirnaan miicachuun dirqama. Kunis guyyaatti yeroo 2-3 ni gorfama. wantoota ilkaan keessatti hafan akka foonii fi kan biroo dafanii keessaa baasuun dirqama.

4. Waantoota akka karameellaa, Loomii hedduu nyaachuu, buna sukkaaraan, alkoolii fi waan sukkaarri itti baay'ate hedduu nyaachuu/dhuguu dhiisuu.

(American Dental Associations).
Fayyaa ta'aa!!

15/12/2023

“Mucaa koo nyaatan kaa, wayyoo mucaa koo nyaatan kaa!”

Dr Israel Tilahun jedhama.
Gurbaa qaxalee, qulqulluu ilma Oromoo, ilma warra guddaa! Magaalaa Finfinnee keessa maatiisaa waliin jiraata.
Reefuu umriin waggaa 29. Hin fuune - hin dhalchine!

Carraa Ameerikaa jiraachuufi hojjechuu argatee, si’a baay’ees deemee ilaalee, “Ammaaf biyyuma abbaa koo keessatti uummata koo tajaajiluu wayya” jedhee dhiisee deebi’e.

Dr Israel dheengadda gara hojiisaatti ariifachaa ture. Deemee dhukkubsataa yaaluuf! Kan dhibame fayyisuuf, kan madaa’eef madaa qoorsuuf! Kan abdii dhabeef Waaqaa gaditti abdii ta’uuf! Konkolaataasaa hoofee gara hojiitti fiigaa ture.

Daandii gubbaatti utuu konkolaataa kan biraa cinaa darbuuf jedhuu akka tasaa konkolaataansaa ispookiyoo konkolaataa kan biraa sanatti bu’ee cabse. Ispookiyootu cabe. Qarshii 5000 yookaan 8000 yoo baay’ate! Kanuma. Ispookiyoo sibilaafi daawwitiirraa hojjetametu cabe!

Namni konkolaataa ispookiyoon cabe sana keessa ture utaalee bu’ee kanas sanas utuu hin jedhiin meeshaa isaa baafate! Rasaasa nyaachifate! Dr Israelitti dhukaasee mataa keessa rukkute! (Ispookiyoo namaa cabsite jedhee poolisiiti rukkute kan jedhanis jiru; dhugaansaa bulee ni mul’ata). Kamittuu gurbaan dhukkubsataa du’arraa oolchuuf fiigu ofiisaa daandii walakkaatti ajjeefame. Finfinnee, daandii walakkaa! Sababa ispookiyoo konkolaataa!

Kun yakkaa hadhaa’aa magaalaa Finfinnee keessatti guyyaa saafaa raawwatame ta’ee osoo jiruu, abbaan yakkaa kana raawwate ifatti hin baane. “VIP” dha jedhu, isa nama caalu; isa waan fedhe godhu!
Maqaansaa hin dhahamu, odeeffaannoonsaa hin beekamu, beekames hin himamu. Cufamaadha!

Harmeensaa aadde Seenaan ni boossi! Ijishee hin qooru, afaanshee haara hin galfatu, “Mucaa koo nyaatan kaa, wayyoo mucaa koo nyaatan kaa…”

Lubbuun dhala namaa, isheen Waaqayyo uume; isheen qaaliin haga kanaa gatii dhabde!

Nagaan boqodhu Dr Israel Tilahun!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Welega
Addis Ababa
AD