Gammachuu Siraja
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Gammachuu Siraja, Health/Beauty, Addis Ababa.
Akkamiti bara bahuu jennaan
"Mofaa hodhatani
Dofaa gorfatani"
bara bahuu jedhe oromoon!
19/05/2023
J I M A A N Q A B E E N Y A B I Y Y A A T I
O K S I J I I N A H A R A R G E E T I
MURTII XUMURAATI !!!
Harargee keeysatti jimaan madda galii jiruu fii jireenya hawaasaati. Jiruun hawaasaa guutumattuu jimaarratti hundooyti. Jimaa gurgurachuun midhaan nyaataa bitama. Jimaa gurguraniiti tajaajila jiruuf jireenyaa hundi itti dhimma bahama.
Jimaan madda galii hawaasaa qofa osoo hin taane biyya teenyaaf galii galchuu keeysattiis sadarkaa 4ffaa irartti arkamuu isaa warruma isa balaaleyfatu kanaatu ragaa bahe. Duuba jimaan wirtuu lafee duuydaa tan guddinaa fii misooma biyya keenyaati jechuudha. Gaafana jimaa balleeysuun mukha if jalatti muruu hin taatuu ree?
Kanaaf qaama jimaa keenyatti gufuu tahuu barbaadu hunda hanga wareegama lubbuu itti kafaluutti irratti qabsaawuuf qophiidha. Hayyoonni amantii, manguddoon biyyaa, ogeeyyiin gara garaa, hoggansi mootummaa, dhaabbileen adda addaa, miidiyaalee, rogeeyyii fii namoonni dhunfaa hundi beekkomsaa fii dandeeytii qabaniin qabeenya biyyaa teenyaa fii ummata keenya murna dhunfaa gurmaawee dantaa dhunfaatiif bololu kanarraa baraaruuf qabsaawuun dirqama.
Jimaa buqqaafna je'e murni karoora baafatu matuma ifiitiifuu buqqa'uuf ta'a. Gabaa jimaa dhoorkaniif jimaan hin buqqaafamu.
J I M A A N J I R U U T E E N Y A
Q A A M N I I S A T U Q E D I I N A K E E N Y A
Barento Mohammed
FUGUG, Oromiyaa
Caamsaa 17, 2023
19/05/2023
Harargee Magaalaa Awwadaay wiirtuu daldala Jimaa fi Magaalaa sa'aa 24:00 guutuu osoo hin rafin Jimaa daldaluudhan beekamtu!❗
Jiruuf jireenyi hawwaasa keenya Harargee Oomisha Jimaa fi daldala Jimaadha. Uummati keenya Harargee Jimaa Oomishee ittin jiraata. Qe'ee isaanii keessatti,balbala nama hundumaa duratti kan argitu Jimaadha. Kana jechun hawwaasni kun madda galii biraa hinqabu. Maddi galii hawwaasa kanaa Jimaadha. Yeroo darbee gaafa miidiyaa hawwaasaa kana gubbaadhaa waa'ee Jimaa dubbachaa turan namoota baay'eetti hoomaa fakkaachuu dhiisuu danda'a. Garuu dhugumaa yoo jenne Jimaan uummata keenya Harargeef bu'uura isaaniti
Jimaan namoota biraaf waan hiikaa hinqabnee fi hoomaa waanuma faayidaa hinqabne fakkaachuu danda'a.Garuu,Jimaan uummata keenya Harargeef jiruuf jireenya isaaniti.!
Saamii Karrayyuu
Mohammed Bin Aljazeera Fageenyarra dhuftani rakkoo teenya nu wajjiin qoodachuu keessaaniif Galatooma Ulfaadha Obboloota koo!
Click here to claim your Sponsored Listing.