Fate mohammed
Uummanni keenyaa follow godha
28/02/2025
Faayidaalee TIMIRAA
***********************
* Timirri dafee waan daakkamuuf, ittiin lulluuqachuun garaacha keenna kan soomaan ooleef gaariidha.
* Timirri yeroo sooma lulluuqannu nyaannu dafee beela nu baasa. Nyaata heddus yeroo tokkoon akka hin nyaanne nu godha.
* Timira nyaachuun garaachi keenna bullaayiinsa nyaata biraatiif dhangala'oo barbaachisan gadi lakkisuun akka qophaahu godha.
* Hamma "Glucose ykn sukkaaraa” ol'aanaa ta'e of keessaa qaba; humnas ni kenna.
* Fiber (nyaata qaamaan hin bulloofne) guddaa waan of keessaa qabuuf gogiinsa garaa ni hirdhisa.
* Dabalataan Timirri Vaayitaamiinoota (Folic acid, B6, A) fi albuudota akka Pootaashiyeemii, Maangaaniizii, Kaalshiyeemii, Maaginiziyeemii, Ayiranii fi Koppeerii of keessaa waan qabuuf:
~ Jabinna lafeetiif
~ Dhiibbaa dhiigaa haga tokko hirdhisuuf
~ Hirdhinna dhiigaa woyyessuuf
~ Fayyummaa ijaa fi sirna narvii keenyaaf faayidaa guddaa qaba.
---
---
Ramadan Kareem!
Baga Nagahaan Geessan!
---
©Dr. Nuredin Luke
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
HTTPS://CHAT.WHATSAPP.COM/EYEOEMHXYSHGBRRTEIENI7