Dr Yusuf Abdela
contact us telegram @dryusuf1
join us on: https://t.me/dryusuf100
12/11/2025
Naannoo jinkaatti weerarri dhukkubaa haaraan (hemorrhagic fever) argamuu Ogeessoonni Naannoo sanii gabaasaa turan , amma Ministeerri fayyaas qorataa jiraachuu beeksisee jira . Dhukkubichi dura yoo eegalu akkuma dhibee busaa mallaattoo hoo'aa, mataa dhukkubbii , nama qorrachiisuu , ol deebisiisaa fa'aan kan nama eegalu yoo tahu, boodarra immoo guyyaa muraasa keessatti dhiiga garmalee afaanii funyaaniin namarraa bahuun kan lubbuu namaa baasu tahuutu gabaafame. Kanaaf hanga maalummaan dhukkubichaa qoratamee, too'atamuun isaas gabaafamutti Namoota mallattoo akkasii qaban yoo argitan of eeggannoo mataa keessanii gochaa qaama dhimma ilaaluufis beeksisuu hin dagatinaa.
Lakkoofsa bilbilaa bilisaa 8335 fi 952 irratti bilbiluun akkasuma dhaabbilee naannoo keessan jirutti beeksisaa.
ወቅታዊ የጤና ጉዳይን አስመልክቶ የተሰጠ መግለጫ
Website: moh.gov.et
Facebook: facebook.com/EthiopiaFMoH
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB
28/09/2023
Sumsung J7 prime
Black color
16GB by 4 RAM
Fingerprint
Used
Price: 4900 fixed
Contact :0974619363
Tel3gram:
12/09/2023
11/09/2023
HP Chromebook Laptop,
Intel Celeron Processor N3350,
Storage: 4GB RAM, 32GB eMMC,
Status : Used
Price: 17500
Call: 0974619363
Telegram:
10/09/2023
Hp elitebook 830G6
German brand new
X360 degree Rotate
core i7-8th generation
touch screen
ultra slim design☆☆☆☆☆
full hd 1920x1080
16gb DDR4 ram
512 gb ssd Storage
13.3 inch screen size
with key board light☆☆☆☆☆
has finger print☆☆☆☆☆
Price 57500 birr
Call : 0974619363
Contact us :
Join us on: https://t.me/ethioalibaaba1
10/09/2023
Platina 125cc Motor cycle
In Good condition
Plate snnpr
Adress: adama
Price: 20,000Br
0911372592
Telegram:
Join at: https://t.me/ethioalibaaba1
24/01/2023
صُمٌّۢ بُكْمٌ عُمْىٌۭ فَهُمْ لَا يَرْجِعُونَ.
kan asii gaditti argitan kun namicha abaaramaa biyya swedenitti sambata darbe quraana rabbii kabajamaa embassy turkii biyya san jiru afotti gubeedha. jedhama lammii biyya sweden yoo tahu nama irra deddeebiin quraana rabbii kabajamaa san akka asii gaditti argitan kanatti gubeedha. poolisii biyya saniitiin dabaalamee eegamaa gochaa kana kan raawwate paludan hanga ammaattis seera jala hin oolle jira.. kana duras akka lakkoofsa faranjootaa 2019 woggaa 4 dura qur'aanuma rabbii kana gubuudhaan biyyattii balaa fi jeequmsa hamaaf saaxilee ture. bulchituun biyya sanii magdalina anderson yeroo san ummata muslimaa dhiifama gaafattee waa baayyee kan sirreessite tahus amma gad baatee homaa ka jettu hin garre. namichis maaliif quraana gubde yoo jedhan kun mirga bilisaan yaada ofii ibsachuuti maal fiddan jechuun deebisa. jara rabbiin dura ija gurraafii qalbiin isaanii haqa hin argan jedheen san keessaa namichi isa irraa maayiiti. salphina jallinaa san malees ammas rabbiin salphina salphina irraan isaa haa dabalu!
06/05/2022
Hemorrhoid/kintaarotii ....
PART 1
kintaarotiin maali?
Kintaarotiin dhukkubbii hiddoota dhiigaa naannoo tessumaa jiran muudatuudha. Naannoon teessumaa uumamaan dhiiga onnerraa gara teessumaa dhufu gara onneetti akka deebi’uuf kan garagaaran hiddoota dhiigaa kanneen hemorrhoidal veinus plexus jedhaman qaba. Veenii kanneen namni hunduu uumamaan ni qabaata. Erga namni hunduu veenii kanneen uumamaan qabaatee Kintaarotiin namoota kaan qofa maa qaba? Kintaarotiin akka uumamuuf wontoonni sababa tahan (Risk factors) hedduun waan jiraniif. Wontoonni kintaarotiin akka nu qabuuf sababa tahan kanneen armaan gadiiti;-
1. Dhiira tahuu, umuriin 45-65 jidduu jiraachuu,
2. Maashaaleen hidda dhiigaa naannoo teessumaa utuban sababa garaagaraan laaffachuu: Fkn: umuriin fagaachuu, sigaaraa xuuxuu, alcohol dhuguu, uumamaan maashaa laafaa qabaachuu(connective tissue disorders) fi kanneen kana fakkaatan.
3. Ulfi jiraachuu: yeroo ulfaa gadaamessaan guddachaa deemuun dhiibbaa(pressure) karaa sagaraan bahuun(bowel) irratti uumuun gogiinsi sagaraa akka uumamu tasisa. Kunis dhiigni haala mijataan akka hin sochoone waan taasisuuf dhiita’uu hidda dhiigaa akka uumamu tasisa.
4. Gogiinsa garaa ykn constipation yeroo dheeraaf qabaachuu. Nyaata fiber xiqqaa qaban(low fiber diet) nyaachuu fi dhangala’aa ykn bishaan gahaa fayyadamuu dhabuu.
5. Yeroo dheeraaf taa’aa ooluu—prolonged sitting and sedentary life
6. Yeroo mana fincaanii teennu sagaraan akka dafee nurraa bahuufhumnaa ol ittanuu(straining).
7. Qufaa yeroo dheeraa(chronic cough) qabaachuu
8. Qorichoota itituu dhiigaa hirrisan(anti platlet and anti coagulants) fayyadamuu.
9. Baasaa/ garaa kaasaa/ yaasaa yeroo dheeraa qabaachuu(chronic diarrhea)
10. Xannachoonni/ixiiwwan naannoo teesumaa keessatti uumamuu(pelvic tumors).
11. Ulfaatina garmalee qabaachuu(obesity) garmalee furdaa tahuu.
12. Maatiin ofii dhibee kana qabaachuu(family history).
13. Cinqamuu/gadda yeroo dheeraa( stress and dipression) qabaachuu Fa’adha.
Kintaarotiin dhibee akka biyya keenyaattii fi akka addunyaattis namoota miiliyoonotaan lakkaahaman hubudhaan beekamuudha. Akka data garaa garaaibsutti 10% namoota addunyaa kanaa kintaarotii qaba. Kana jechuun namoota 800,0000,000(miliyoona 800) oltu dhukkuba kana qaba. Namoota dhibee kana qaban percentii 40 ol mallattoo dhukkubichaa hin agarssisan (asymptomatic) dha. Kanneen mallattoo qabanis Namoonni baayyeen naannoo teessumaa waan taheef himachuu saalfatanii ofirra tursisu, gaafa isaan humnaa ol tahee himachuuf gara mana yaalaa deeman dhibichi sadarkaa hamaa irra kan gahe tahee mullata. Sababa kanaaf dhibee fi yaalli wolgituu dhabuun baayinni namoota dhibee kanaan rakkatanii haalaan dabalee mullata. Kanaaf kintaarotiin gosa meeqatu jira, sadarkaa meeqa qaba, mallattoolee akkamii agarsiisa, mallattooleen hamoon maal faa, akkamitti ittisuu dandeenya, akkamitti yaalamuu dandeenya waan jedhamu beekuun dursinee akka ofirraa ittisnuu fi akka yeroon yaalamnuuf nu gargaara.
Kintaarotiin gosa saditu jira :
kintaarotii keessoo(internal hemorrhoids), kintaarotii alaa(external hemoorhoids) fi
kitaarotii makaa alaa fi keessaa(mixed type). Kan kessoo yeroo baayyee dhukkubbii kan hin qabnee fi isa yeroo hunda nama mudatuudha. Kan alaa immoo haalaan baayyee kan nama dhukkubuufi yeroo hunda nama hin mudanneedha. Darbee darbee immoo makaan kana lamaanii nama mudachuu danda’a.
Kintaarotiin keessoo haala inni nama miidhuun sadarkaa afurtu jira.
-Sadarka tokkoffaan kan meeshaa yaalaa anoscopy qofaan mullatuu fi mallattoo xiqqaa qabuudha.
-Sadarkaa lammaffaan kan iitayee gara alaa bayuufii ofumaan gara keessaa deeb’uudha.
-Sadarkaa sadaffaan kan yeroo mana fincaanii teennu iitayee gara alaa bayuu fi gargaarsa harkaatiin gara keessaa deeb’uudha. Sadrakaa afraffaan kan yeroo hundaa iitayee gara alaa bayuufii harkaanis namaa hin deebine kan miidhaa guddaa geessisuu danda’uudha.
Mallattooleen inni agarsiisu akka wolii galaatti sagaraa wojji dhiigni mullachuu, yeroo sagaraaf teenyu nama dhukkubuu, naannoon teessumaa nama hooqsisuu, dhiita’uu naannoo teessuma keessaa fi darbee darbee sagaraa tooyachuu dadhabuu fa’a tahuu danda’a.
Mallattoolee kunniin kan kintaarotii agarsiisan tahanis yeroo tokko tokko dhibee wolfakkaatoo biros tahuu danda’a. keessattuu namoota 40 olii yoo tahan,mallattooleen kunneen dahuumsa booda yoo mullatan, dhiitaan eegeen ala yoo tahe, maatii duraa keessa mallattoo wolfakkaataan mudatee jira yoo tahe. dhukkubbiin kan yeroo namaa hin kennine yoo tahe ogeessi qorannoo waan kanaaf gargaaran gochuun akka adda baasu gochuun barbaachisaadha. Hangana yoo jenne dhibee kun yoo nurratti mullate akkamitti yaalamna , yoo nurraatti hin mullatin immoo akkamitti ofirraa ittisuu dandeenya kanneen jedhan kutaa lammaffaadhaan ilaalla. Kanarratti gaaffii fi yaanni yoo jiraate ni fudhanna.
Galatoomaa
Dr Yusuf
Kabajamtoota hotdoftoota page kanaa yeroodhaaf gadda ajjeechaa haacaaluu fi qerroowwan bilisummaa oromoo akkasumas gadda hidhamtoota siyaasaa keessa waan jirruuf yeroof dhimma fayyaan wolqabatu maxxansuu irraa of qusannee jirra. Bara barri nagaye maxxansa jalqabna horaa bulaa, bilisummaan wolitti haa dachaanu!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Telephone
Website
Address
Addis Ababa