Guji Pictures

Guji Pictures

Share

Never blame anyone in your life � �

14/07/2026

With Guji Pictures – I just made it onto their weekly engagement list by being one of their top engagers!

13/07/2026

Boordii Boyyaaleesaa guyyaa 14n dabalatee 60%n isiniif hin galin maqaa keessan koment jalatti mention godha!

11/07/2026

.🤔
Eebbifamtoota Mirkaneessa Gahumsaa (COC), Qormaata Bahiinsa (Exit Exam) Malee Digrii Fudhataniif Qormaanni Gahumsaa Laatamuufi!

Fulbaana bara 2010 hanga 2015 (A.L.I) gidduutti, dippiloomaa duraanii (12+2), 10+3 ykn leenjii teeknikaa fi ogummaa sadarkaa 4ffaa erga xumuranii booda, qormaata mirkaneessa gahumsaa sadarkaa 4ffaa (COC) osoo hin fudhatin gara digrii jalqabaatti seenuun lammiilee eebbifamaniif qormaanni gahumsaa akka laatamuuf ifoomeera.

Akka wixinee qajeelfama fooyya'iinsaa Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii FDRI qopheesseetti, waggoota kana keessatti qormaata bahumsaa osoo hin fudhatin ogeeyyii digrii jalqabaa, digrii lammaffaa (MA) fi digrii sadaffaa (PhD) fudhatan, ulaagaa Ministeerichi baasuun qormaata madaallii sadarkaa barnootaa qoratamanii yoo darban qofa ragaan barnootaa isaanii kan mirkanaa'uuf ta'a.

Abbaan Taayitichaa yeroo ammaa kana wixinee fooyya'iinsa qajeelfama kana irratti qaamolee dhimmi ilaallatu irraa yaada sassaabaa akka jiru beeksiseera.
Dhaloota Hegeree HORDOFAA ME

Photos from Guji Pictures's post 10/07/2026

ODUU GAMMACHIISAA:
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa Sirna Barnootaa Digirii Sadaffaa (PhD) ‘Gadaa and Governance Studies’ dabalatee Hojiiwwan 19 Irratti Ragaa Mirkaneessa Mirga Abbummaa Argate.

Yuunivarsiitii Bulee Horaa Waxabajjii 28, 2018(YBH) - Yuunivarsiitiin Bulee Horaa hojiiwwan baldhaa Inistiitiyuutii Qo’annoo Gadaa fi Aadaa jalatti hojjatamaa tureen milkaa’ina seena-qabeessa ta’e galmeessiseera. Yuunivarsiitichi hojiiwwan qo’annoo fi qorannoo sirna barnootaa /curricla/ Gadaa fi Aadaa adda addaa walitti dhufeenya qaban 19 irratti raga mirkaneessa Mirga Abbummaa (Copy right) argachuu isaa beeksiseera.
Milkaa'inni argame kun sirna barnootaa sadarkaa adda addaafi moojuloota Sirna Barnootaa Digirii Jalqabaa (First Degree) hanga Sirna Barnootaa Digirii Sadaffaa (PhD) akkasumas Moojuloota Barnootaa 16 walitti dhufeenya qaban of keessatti kan qabateedha.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa beekumsa ganamaa fi qabeenya aadaa Oromoo eeguu, qorachuu, guddisuu fi beekumsa ammayyaa waliin walitti hidhuun hojii fakkeenya ta'u hojjechaa jira. Keessattuu, Sirna Gadaa hanga Digirii Sadaffaatti (PhD) barsiisuun yuunivarsiitoota biyyatii
keessa jiran hundaaf angafa ta'uu isaa mirkaneeesseera.

"Sirni Gadaa sirna bulchiinsa dimookiraatawaa Oromoo ganamaa, kan uummatichi jaarraa hedduun dura kalaqee ittiin of bulchaa turee fi har'as ittiin of bulchaa jiruudha."
Yuunivarsiitichi seenaa fi duudhaa Sirna Gadaa osoo hin jijjiiramin dhaloota irraa gara dhalootaatti akka darbuuf xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jira. Kanaafis:inistiitiyuutii Qo'annoo Gadaa fi Aadaa hundeessuun sadarkaa barnootaa hundatti ogeessota hedduu oomishaa jira.
Dabalataanis Milkaa'inni mirga abbummaa kun eegumsa, dagaagina fi ce'umsa beekumsa ganamaa gara dhaloota dhufuutti dabarsuuf humna guddaa uuma.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa hojii kanaan qabeenya Aadaa fi seenaa naannichaa eeguu bira darbee, guddina saayinsii fi barnoota tiyooriin deeggarameef bu'uura cimaa kaa'ee jira.
Walumaagalatti,hojii kana galma yaadame

10/07/2026

Uffata Aadaa Oromoo Gujii
====================================
Aadaan sabni tokko eenyummaa isaa ittiin ibsatu, duudhaa, safuu fi seenaa isaa ittiin eeggatuudha. Akkasumas, seenaa fi kaka'umsa sabni tokko karaa qabatamaa fi hafuuraan dhalootaa irraa gara dhalootaatti ittiin dabarsuudha.
Aadaa Oromoo Gujii keessaa inni beekamaan tokko aadaa uffataati. Uffanni aadaa mallattoo kabajaa, safuu fi eenyummaa uummata Gujii ti. Akka bakkaafi yeroo itti uffatamutti garaagarummaa qaba; fakkeenyaaf yeroo cidhaa, fuudhaaf heerumaa, yeroo gaddaa, yeroo jaarsummaa fi yeroo ayyaanaaf mana firaa deeman uffanni itti uffatamu wal hin fakkaatu. Akkasumas, uffanni dhiiraa, dubartootaa fi daa'immanii addaddummaa mataa isaa qaba.

Uffata Aadaa Dhiiraa Oromoo Gujii
➦Gonficha
➦Bullukkoo
➦Borroo Leelashii
➦Teerrisa
➦Marata
➦Lukkee
➦Ejjaa
➦Malkiinaa
➦Coraa Tamboo

Uffata Aadaa Dubartootaa Oromoo Gujii
➦Bonkoo
➦Canafoo
➦Qoloo
➦Qophiisoo
➦Abuyyadii
➦Bayyanii
➦Teetiroonii
➦Sabbata
➦Hanfalaa
➦Shinshinii

Kanneen armaan olitti eeraman malees, gosoonni uffata aadaa Gujii hedduun ni jiru. Isinillee maqoota hafan yaadattan nuuf barreessaa. Aadaa keenya waloon tikfachuun, guddisuun fi dhalootaaf dabarsuun gahee keenya hundaati.

Horaa Bulaa! Deebanaa!

09/07/2026

MAQAA WAAN KANAA HIMAA MEE🤔

09/07/2026

"Baddeessaan baqu dammeessaa; gurrattii dooqa baddeessaa; guntunni kee nama macheesaa!!"

Photos from Guji Pictures's post 09/07/2026


Bosonni Magaadaa lafa heektaara kuma 11fi dhiibbaa 931te'u irratti argama.

Bosonni kun Godina Gujii Lixaa Aanaalee Bulee Horaafi Dugda Daawwaatti gandoota Saddeetiin marfamee argama.
Mukkootti uumamaa akka Birbirsaa, Woddeessaa, Gudubaa, Gagamaa, Xilloo,Motoqomaa, Ceekataa, Agaansa, Anoonuufi Ejersi bosona kana keessatti baay'inaan argamu.

Bosonni kun bakka argama bineensotaafi simbirroota gosa garaa garaa yoo te'u, karaa guddicha Bulee Horaa irraa gara Magaala Fincaawaa geessuuf miidhagina addaati.

Hawaasni bosona kanaaf eegumsa godhuu akka qabu dhaamsa keenna.

keennaa numatti tikfata🖐️🌞

08/07/2026

Oromoon Gujii yoo Durra Ykn Dubartii Eebbisu waan jedhee Eebbisu laalika kunoo!....Uwuyi G3 koo! ❤️🕊️

Eee.... 🙏

🌿 Intaa hin badin karaa te'i
🪨 Hin cabin dhakaa te'i
🌳 Jirma jirruu te'i
🏡 Qa'ee dhaxxe le'i
👶 Dhalii Haqaaqadhu
👨‍👩‍👧 Dhala Kee ergadhu
🌾 Quttoo ke Elmadhu
🐄 Horii Quba tari
🌲 Hidda Qilxuu ta'i
📈 Guddaa Ba'adhu
💪 Diqqaa Dande'i
🗣️ Worra dhaxxu Afaan beeki
👴 Jaarsa ke Afaan beeki
🤲 Abbayyaa si Duraa baqaxxu
🕊️ Dumaa Hoolee te'i
☕ Qaltuu Bunaa te'i
🍞 Buttee ta Raafattu te'i

💬 Addee Abbayyaa tanaa hikkaan isaa nama furmaata te'i jechuu! 🌿

07/07/2026

Oromo ooltan

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Addis Ababa