Dhugaaf dubbachuu qofa
Ibsishaa mucaa bahaa
19/03/2025
Qabaadhu !
``````````````````````
Jaalala onnee
* Beekkumsa sammuu
* Obsa garaa
* Dhugaa arrabaa
* Ogummaa harkaa
Yoo Nama Taate
--------------------------------
* Jaalala baay'isi
* Beekkumsa ida'i
* Qabeenya hiri
* Inaaffaa hir'isi
* Ilaalcha walqixxeessi
* Hojii guddisi
* Teessuma xiqqeessi
Jaalalli Dhugaa
-------------------------------------
* Mi'aawaadhaa dhandhamadhu
* Urgaawaadhaa fuunfadhu
* Gammachuudhaa simadhu
* Icciitiidhaa eeggadhu
* Dorgommiidhaa itti hirmaadhu
* Qabsoodhaa injifadhu
* Abdiidhaa obsaan eeggadhu
* Qabeenyaa horadhu
* Bultiidhaa ijaaradhu
* Gaaddisaa jala boqadhu
¤ "Bareenni fokkataa jennaan?"jennaan " Yoo jaare"
¤ "Beekaan dogoggoraa ?"jennaan " Yoo aare"
¤ "Hiyyeessi duroomaa"jennaan " Yoo xaare"
eeyyeen jedhanii walii itti galu hayyoonni !!!
----------------------------------------------------
- -> waan dubbiftaniif galata keessan bakka bu'ee
hin banne,bakka kufee hin cabne,bakka hattuun hin
hannee fi bakka moofee hin shamne isiniif kaaheera
--> Kan nyaattan isinii haasifaayu,kan yaaddan isinii
haa milkaa'u..
●●●●●●
Dubartiin tokko erga laguu arguu dhaabdee ykn umuriin 45 fi isaa oli tahe maaliif yeroo wal-qunnamtii saalaa dhukkuba?
Dubartoonni tokko tokko sababa kanaaf yeroo mana yaalaa dhufan argaa jirra. Akkuma beekamu dubartiin tokko yeroo umuriin Ishee 45-55 ol tahu/ laguu arguu dhiistu hormooniin istiroojiinii jedhamuu hir'achaa deema. Hormooniin kun naannoo qaama saalaa dubartootaa jiisuu keessatti ga'ee guddaa qaba. Sababa hir'achuu hormoonii kanarraan kan ka'e naannoon qaama saalaa isaanii jiidhuu dhabuun/goguun akka yeroo wal-qunnamtii saalaa isaan dhukkubu godha. Kanaaf qorichoonni akkasumas kireemiin naannoo qaamaa saalaa dibatamu waan jiruuf mana yaalaarraa fudhachuun ni danda'ama.
Fayyaa hin dhabinaa
08/03/2025
Dubartiin waan 4 siif taati, garuu bakka nama 13 siif buuti!
1. Dubartiin Haadha
2. Dubartiin Obboleettiidha
3. Dubartiin haadha manaati
4. Dubartiin ilmoo keeti.
Takkittiin ishee garuu bakka nama 13 siif buuti.
1. Yeroo si gorsitu abbaa fakkaatti
2. Yeroo siif boochu haadha fakkaatti
3. Yeroo siif rifattu obboleettii fakkaatti
4. Yeroo siif tumsitu obboleessa fakkaatti
5. Yeroo mana bareechitu ifaa manaa fakkaatti.
6. Yeroo mana keessa dhaabattu utubaa manaa fakkaatti
7. Yeroo alaa dubbattu ollaa fakkaatti
8. Yeroo siif ergamtu ilmoo kee fakkaatti
9. Yeroo si Bashannansiiftu hiriyaa kee fakkaatti
10. Yeroo si qaqqabattu Doktora fakkaatti
11. Yeroo si waliin raftu haadha manaa kee fakkaatti
12. Yeroo Ilmaan siif deessu gosa siif taati
13. Yeroo ija keessa si ilaaltu daawwitii siif taati.
Kanaaf Dubartii !
Hiriyoota Keessaniif godhaa...
06/03/2025
02/03/2025
HUBADHUU SII FAYYADAA
▬▬▬▬▬▬▬
➲ Yeroo namni haasa'u addaan hin kutin.
❏ Nama tokko bifa isaatiin hin madaalin.
❏ Yeroo hunda iddoo dhuunfaa nama tokkoo kabaju.
❏ Waa'ee nama tokkoo gonkumaa waan tokko hin tilmaamiin.
❏ Yeroo dogoggorte dhiifama gaafadhu.
❏ Waa'ee nama dugda duubaan hamaa hin dubbatin.
❏ Yoo ulfaataa ta'ellee amanamaa ta'i.
❏ Oduu hin odeessinaa, oduu hin facaasinaa.
❏ Ija hin taaneen ilaalin ykn yaada hin malle hin kenninaa.
❏ Akka namni si itti ilaaluu barbaaddutti namoota biroo ilaali.
❏ Yeroo dandeessutti gargaarsa dhiheessi.
❏ Aariin kee gocha kee akka too'atu hin heyyamiin.
21/02/2025
Daawwitii Jireenya
Gaaf tokko hojjettoonni hundi yeroo biiroo gahan balbala irratti gorsa guddaa tokko "Kaleessa namni dhaabbata kana keessatti guddina keessan gufachiisaa ture sun du'aan boqote sirna awwaalchaa kutaa sana keessatti akka hirmaattan isin afeerra mana jireenyaa keessatti qophaa'eera" kan jedhu argan. Jalqaba irratti hundi isaanii du'a hiriyyaa isaanii tokkootiin gaddan, yeroo muraasa booda garuu namni guddina hiriyoota isaa fi dhaabbatichaa gufachiise sun eenyu akka ta'e beekuuf fedhii guddaa qabaachuu jalqaban.
Manicha keessatti miirrii gammachuu guddaa waan tureef, ergamtoonni nageenyaa namoota kutaa sana keessa jiran akka to'atan ajajanii. Namoonni baay'een saanduqa du'aa sana bira ga'an, gammachuun sun caalaatti ho'aa dhufe. Hunduu akkas jedhee yaade: "Gurbaan guddina koo gufachiisaa ture kun eenyu? Tole, yoo xiqqaate du'eera!" Hojjettoonni gammadan tokko tokkoon saanduqa du'aa sanatti dhihaatanii, keessa isaa yeroo ilaalan akka waan argan amanuu dadhaban. Isaanis akka waan namni tokko kutaa lubbuu isaanii isa gadi fagoo tuqeetti rifatanii fi callisanii saanduqa du'aa bira itti siqanii dhaabbatan. Sanduuqa du'aa sana keessa daawwitii tokkotu ture: namni keessa isaa ilaalu hundi of arguu danda'a.
Daawwitii cinaattis mallattoon: "Namni guddina kee irratti daangaa kaa'uu danda'u tokko qofa: innis Si'umaa " kan jedhu ture. Jireenya kee keessattii warraaqsa fiduu kan danda'u si qofa. Gammachuu kee, abjuu kee fi milkaa'ina kee irratti dhiibbaa kan godhu si qofa. Nama of gargaaruu dandeessu si qofa. Jireenyi kee yeroo hogganaan kee jijjiiramu, yeroo hiriyyoonni kee jijjiiraman, yeroo firri kee jijjiiramu, yeroo dhaabbati kee jijjiiramu hin jijjiiramu. Jireenyi kee kan jijjiiramu yeroo ATI jijjiiramte, yeroo ati amantii kee isa daangeffame bira darbitu, yeroo ati jireenya keetif itti gaafatamummaa kan qabu si qofa ta’uu hubattudha. "Hariiroon ati qabaachuu dandeessu inni guddaan isa ofii keetii wajjin qabdudha" .
Kan of jijjiiru suma mataa keeti
Bakka yaadde gahuu yoo feete oduu namaa ofirraa dhiisi!!!!
19/02/2025
Wanti ati qabdu qabaa barbaada!!!
📌 Ilaalchi gaariin dhalootaaf riqicha ta'u, namoota gaarii qabaa qabeenya isaanii eeggatan keessa jira.
📌 Qabeenyi guddaan kan mootummaan hin beekne ati duwwaan beekuu qabdu si keessa jira.
📌 Bara namni jireenya dhiisee bara lakkaa'aa jiru kanaatti amala qabeenya keef eegdu ta'u kudhaammattee kaayyoo
uumamteef jiraachuun gatii jabeessa guddaadha.
📌 Amalli ati qabdu qabeenya keef orma ta'uu danda'a. Amala qabeenya keef orma ta'e keessaa ba'i!
📌 Bara namni waan qabu miti ofiisaa of qabu dadhabe kanatti atimmoo of qabii waan gaarii si keessa dhokatee jiru achi baafadhu!
📌 Yoo qabaa isaa beekteef albuudni guddaan karaa kee duwwaa gara addunyaatti bahuuf qophaa'e tokko sii keessa jira; innis eeyyaama kee malee gara dhalootaatti achi bahuu hin danda'u.
📌 Beekumsa si keessa jiru gara hojiitti fiduuf bilchinni ati eenyummaa qabeenya kee baachuu danda'uuf aarsaa ta'uuf qabdu murtessaadha.
📌 Qabeenya guddaa si keessa jiru qabachuu dadhabuu keetiin ajjeessuu keerraa ofii kee lubbuun darbuu wayya.
📌 Jiraa du'aa baatee deemu hin ta'iin! Akka awwaalcha keessa isaatti du'aa baatu, alaan bifa qabu hin ta'in. waan qabdu sirriitti qabaachuu dadhabuun salphina.
📌 Karaa namni hunduu deemu irra nan deema yoo jette waan gaarii si keessa jiru ajjeessuu dandeessa.
📌 Jireenyaa fi adeemsa albuuda si keessa jiruuf karaa ta'u qabaadhu!
📌 Namoonni baay'een jireenya namaa akkeessuuf jedhanii harka duwwaatti hafan, baay'een immoo utuu hin bilchaatiin eenyummaa isaanii agarsiisuuf jedhanii namummaa isaanii gatan.
📌 Namni miira isaaf garbicha ta'e qabeenya keessa isaa jiru eeggachuu hin danda'u.
📌 Egaa ati qabeenya guddaa duuka uumamte. Qabeenya guddaa kana qabattee immoo maasii qabeenya kee balleessuu keessa hin taa'in.
📌 Addunyaa kana irratti namni qofaa isaa bakka guddaa gahe hin jiru. kanaafuu nama duukaa jiraachuu bari! Kunis ati mataan kee qabeenya dha.
📌 Amala waan qabdu siif qabu qabaadhu!!