Fu'aad Gibee Tube

Fu'aad Gibee Tube

Share

Jaalalan siif qabuu yaa oromo koo

18/11/2025

As wr wb jarii achii wool anyatuu an asii nyaachaa โ€œWarra wal nyaatu keessaan, waa nyaatuโ€ jedhan sun dhugaa dha.

Otoo walii galanii lachuu ni qooddatu ture. Dhumarratti lachuu ni kasaaran.

Kanaaf ilaa fi lamaamen ajandaa keenya taโ€™uu qaba malee walitti duchiisuunii fi dutuun kasaaradha.
Hailu Gonfa

10/09/2023

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœGaafa tokko Ergamaan Rabbii ๏ทบ akkana jedhanii sahaaboota isaanii gaafatan, Mee eenyutuu beeka nama salaata ofii of jalaa hatu?

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœ Yeroo kana Sahaaboonnis yaa Ergamaa Rabbii ๏ทบ Namni akkamitti salaata ofii of jalaa hata jedhanii gaafatan?

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœErgamaan Rabbii ๏ทบ akkana jedhanii deebisaniif, Nama salaata of jalaa hate jechuun nama 'aa fi keessati duugda isaa sirnaan hin diriirsine jedhan.

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœErgamaan Rabbii ๏ทบ akkana jedhan Namni salaata keessa asii fi achi ija isaa oliif gadi oofu sheyxaanatu asii fi achi isa buta jedhan.

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœWantoota salaata keessati jibbamaa ta'an keessaa,
~Salaata keessa ija ofii gara samiiti fi bitaa fi Mirga oofuun jibbamaadha.

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœSalaata keessa harkaan mudhii qabatanii dhaabbachu.

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœSalaata keessa asii fi achi ilaaluu.

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœSalaata keessa of hooquu, asii fi achi jechuu, huccuu ol harkisuu fi gadi harkisuun jibbamaadha.

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœErgamaan Rabbii ๏ทบ akkana jedhan, Namni hedduun umrii isaa guutuu salaata irratti dabarsa garuu raka'aan takkas irraa hin qeebalamtu jedhan, Sahaaboonnis akkamitti jedhanii gaafatan?

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœ Ergamaa Rabbii ๏ทบ akkana jedhan, Nama salaataaf fuula Rabbii dhaabbate niyyaa isaa keessatti waan biraa yaadu jedhan.๐Ÿ˜ข

๐Ÿ“š๐Ÿ“šโœYaa Rabbii nuuf laafisi salaata kushuu'aan salaatuu.
Amiiiiiiiiin Amiiiiiiiiin Amiiiiiiiiin Amiiiiiiiiin Allhummaa Amiiiiiiiiin yaa rabbii โ˜˜โ˜˜โ˜˜โ˜˜
๐ŸŒบ๐ŸŒบ

About Advantage lookalike | Meta Business Help Center 30/08/2023

About Advantage lookalike | Meta Business Help Center Advantage lookalike (previously known as lookalike expansion) allows our system to reach a broader set of people than those you defined in your lookalike audience.

29/08/2023

Daqiiqaa 1 qofa fayyadamii Nabiyyii kee ๏ทบ irratti salawaata buusi!โค

22/08/2023

๐Ÿ’š๐ŸŒฟAS,,,,,,,,,๐Ÿ’œ
WR,,,,,,,๐Ÿ’œ
WB,,,,,๐Ÿ’œ
โ™ฅ๏ธโ™ฅ๏ธJalaale naabbi ๐Ÿ’š๐ŸŒฟMuhammad ๐Ÿ’š๐ŸŒฟุตูŽูŽู„ูŽูู‘๏ทบูˆูŽูŽุณูŽูŽู€ู€ู€ู„ูŽูู‘ู€ู…๐ŸŒฟโ™ฅ๏ธ ุตูŽูŽู„ูŽูู‘๏ทบูˆูŽูŽุณูŽูŽู€ู€ู€ู„ูŽูู‘ู€ู… ๐ŸŒฟโ™ฅ๏ธุตูŽูŽู„ูŽูู‘๏ทบูˆูŽูŽุณูŽูŽู€ู€ู€ู„ูŽูู‘ู€ู…
Naagafi rahaamani raabbikoti nuraa haajiratu

25/07/2023

FAYYUMMAA SAMMUU KEENYAAF
************************************
Adaduma umriin namaa dabalaa deemuun jijjiiramni sammuufi qaama namaa irratti ni muldhata. Haa ta'u malee dandeettii waa yaadachuu fi irraanfachuu dhabuu keenna, akkasumaas fayyummaa Sammuu keennaa gabbisuuf wontoota armaan gadiitti eeraman gochuun bu'a qabeessa:
---
1. Sochii Qaamaa Dhaabbiidhaan/Itti Fuufiinsaan Hojjachuu

Sochiin Qaamaa (Ispoortiin) faayidaalee hedduu qaama keenyaaf qaba. Sochiin qaamaa haala dhaabbannaa/itti fuufiinsa qabuun hojjatamu fayyummaa sammuu keenyaaf, umrii wojji sammuun keenya hojii ishii haala gariin eegdee itti haa fuuftuuf nu gargaara. Kanaaf torbaanitti yoo xiqqaate guyyaa shaniif, guyyatti ammoo daqiiqaa 30-60tiif sochii qaamaa/ispoortii (fiigicha, daakkaa, deemsa ariifannaa, daansii, kubba miilaa fi kkf) dalaguun fayyaa qaamaafi sammuutiif bu'aa gaarii qaba.
---
---
2. Hirriba Gahaa Argachuu

Hirribni fayyummaa sammuu keenya irraatti gahee guddaa taphata. Hirriba gahaa ta'e rafuun wontoota sammuu keenyaaf hin barbaachifne qulqulleessuun, dandeetti waa qayyabachuu, yaadachuufi madaaluu keenya ni fooyyeessa. Kanaaf guyyatti wolitti aansuun sa'aa torbaa hanga saddeetii rafuun fayyummaa sammuu keenyaatiif barbaachisaadha.
---
---
3. Nyaata Keenna Sirreessuu

Nyaanni nuti nyaannu fayyummaa sammuufi qaama keenyaaf shoora taphatu qaba. Nyaata keenya keessatti fuduraaf kuduraa baay'isuun, midhaan, yoo argame qurxummii fayyadamuun fayyaa sammuutiif dansaadha. Akkasumas nyaata keenya keessaa fooniif sooqida daran hirdhisanii fayyadamuun fayyummaa Sammuutiif gaariidha.
---
---
4. Sammuu Keenya Shaakalsiisuu/Si'eessuu

Sammuu keenyaaf shaakalliin barbaachisaadha. Hojiilee sammuu si'eessan garagaraa hojjachuun (fkn kitaaba dubbisuu, taphoota (game) yaada sammuu barbaadan taphachuun, dhimmota yaadaaf dandeetti waa yaadachu gabbisaniin sammuu keenya si'eessuun, waa haaraa barachuuf xaaruun) fayyummaa sammuutiif barbaachisaadha.
---
---
5. Hawaasummaa Irratti Hirmaachuu/Qabaachuu.

Hariiroo hawaasummaa garii ta'e qabaachuun Muukuu (Depression) fi Stress (Cinqaa) nama irraa hirdhisa. Nama jaalatan, hiriyyaafi kan wolitti dhihaatan kan biro wojji dabarsuun fayyumma sammuu gabbisuuf dansaadha.
---
---
6. Dhiibbaa Dhiigaafii Sukkaara Qaamaa To'achuu

Dhiibbaa Dhiigaa ol'aanaa ykn Dhukkuba Sukkaaraa yoo qabaanne of eeggannoo isaaniif barbaachisu hunda gochuun hamma dhiibbaa dhiigaa fi/ykn sukkaara qaama keenyaa to'achuu. Dhiibbaan Dhiigaa Olka'aa ta'eefi hammi sukkaara qaamaa hin to'atamne miidhaalee garagaraa sammuu irratti fida.
---
---
7. Kunuunsa Ofiif Godhamu

Tamboo/Sigaaraa aarsuu dhabu ykn dhaabuu. Hamma Alkoolii fayyadaman daran xiqqeessuu ykn dhaabuu. Araada garagaraa irraa fagaachuu. Bashannanuu. Of dhiphisuu dhabuu. Qulqullinna qaamaa eeguu. Gaarii uffachuu. Gaarii dubbachuu.
---
---
Ulfaadhaa, horaa, bulaa, deebanaa!
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
ยฉDr. Nuredin Luke

Dr Gado

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Alem?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address

Addis Alem