Basha Abebe
Qalbeefadhuu Dubbichaa!
14/08/2022
Waaqayyoo tiksee kottii
Ani homaa hin dhabuu
03/06/2022
!
Nagaan hunduma keessaniif haa ta’u 🙏
Har’a yaada dhuunfaa namoota tokko tokkoo irrattan dubbachuu barbaade!
Yoo isinitti tole akkuma fixxaniin warra kaan biraan naaf ga’aa!
Innis
Namoota hedduutu naaf bilbila gama tiin walqabatee ani garuu baay’ee isaa dhaggeeffadheeman dhiisa male godhee hin beeku! Yaada namootaa
Inni amma na dubbachiise fi na kolfisiise garuu kaan irraa adda!
Waan irra deddeebi’eefan dubbadhe malee
Har’as akkuma yeroo kaanii nama guddaa ani akkasitti hin yaannetu akkas naan jedhe
✍️
“Erga gaafa faarfannaan ke ( warra biyya lafaa irratti darbuuti ka’e eegalee sirrii ta’uu ken bare” naan jedhe!
Waaqayyo isa haa eebbisu✅
baay’een keessan Wayita Tv fi FM irratti dhageessan naaf bilbiluun yaada dhuunfaa keessanii ibsachaa turtan 🙏
Garuu kuni meeqan keessan gufachiise?
Ani maal gochuun qaba?
Yoo isaan jaallatan………
Warri hin amaniin akkaataa ati ittiin fi ke walsimsiifte unuuf raajeffannaa dha! jechuun (gaaffii fi deebiif) illee naaf bilbilaniiru
Kabajuman Amantoota keenyaaf qabuufan dide malee yoon deemee yaada ko ibsadhe cubbuu hin qabu ture ✅
Walumaa galatti
Ani Isa naaf fannifameef qofan jiraadha✅
obboloota hafaniif naaf qoodaa
03/06/2022
𝗢𝗯𝘀𝗮
N̳a̳m̳a̳ b̳a̳a̳y̳'e̳e̳ d̳h̳a̳b̳n̳e̳e̳r̳r̳a̳a̳m̳
Haadha manaatu galgaleefatee manatti gale.battaluma mana ol seenten balbalaa kutaa rafitii ishee yeroo bantu namoota lama siree isheerra ciisan argite.
Miilli afur wayyaa qorraa jalaan gadii ba'ani mul'atu. Battaluma sana ulee guddaa maddishee jiru tokko kaftee
namoota wayyaa qorraa ofin maranii ciisaa jiran kana humna qabdu
hundumatti fayyadamuun reebuu jalqabdi.
Erga amma isaan socho'uu dadhabanitti rebdee quuftee booddee gara kutaa saalonii yeroo deemtu abbaan manaa ishee soofaa irra taa'ee kitaaba dubbisaa jira ture.
Achii abbaan manashee " Hi sweety
maatinkee dhufaniiru,kutaa ciisicha keenyaa ciisaa jiru nagaa gaafatettaa?" Yeroo jedhuun,haati manaa rifaatudhan gaggabdee lafa
dhoofte jedhama!.
Obbolaa koo mee kan keenyammo teenye haa ilaallu kaa daqiiqaa
tokkoofillee obsuu dadhabnee fira,michuu, maatii,tajaajiltoota dhabne
meeqatu jiru.wanta baay'ee utuu gargar in baafatin, namoota gaggaarii meeqa tumne ajjeesaa oolla.
Al takka takka Gaafa teessoo ho'iffannee,isa tokkoo hamiidhan
unkutteessinu,isa tokko ol baasnee maqaasa walirra tuula oollu,ani
dhuguma kiristiyanaare dhuguman moodela koo kiristoosin godhadheere
inni jedhu sammuu keenya keessa dhufu qaba.
Mee of haa gaafannu garummaan namni godhu akka hammeenyatti
lakkofne hamiidhan ajjeesaa oollamoo garummasa lakkoofne gammadaa oolla?
Meeqan keenyatu ilaalcha sirrii ilaalaa jira?
Obbolee koo harkasaa kan nyaata keetti diriirsu hundi nyaata koo najalaa butuufi in jedhin namoota gurshuun kan isaan quubsu baay'eetu jiruuti.yaada sirrii qabaadhu!!
Michuu koo Bishaan birciqqoo walakkaa yeroo argitu " hirruudha"jechuu keerra "bishaan walakkaa qaba" jechuun sitti haa baramu.
Wanta tokko ykn nama tokko wanta inni dhabe dhiiste wanta inni qabu
ilaaluu yoo jalqabde Ilaalchi ati ofiikeef qabduyyuu gaarii ta'a.
Tarkanfii tokko fudhachuukeen duras Ija sammuu keen wanticha sirreessiti ilaali, dhaabadhuu itti yaadi.sababnisas bara kana namni
baay'een ofumasaaf ofisaa deebisee miidhaa jira.
Murtoo jireenyaa kee guutuu gaabbii sitti ta'aa hafu fudhachukeen dura wanta gootu hundumaa dhaabadhuuti yeroo baay'ee itti deddeebi'i itti yaadi.miidhasa fi faayidaa isaa adda baafadhu. Utuma wantichi hammina ta'eyyuu hammeenya gaaridhaan deebisuu bari.
Ilaalcha sirrii sirrii,wanta gaarii gaarii yaadun boqonnaa namaaf laata ummurii namaas ni dheeressa.
kottaa ilaalcha Kenya qofaan yaaduu dhiisnee Sammuu kiristoosin haa yaannu!!
👉¹⁷ Namni dafee aaru waan hojjetu hin beeku.namni hubataan garuu in obsa;
²⁹ namni dheekkamsatti suuta jedhu, hubannaa guddaa qaba;namni dheekkamsatti ariifatu garuu,gowwuma bakkeetti in baasa.
³⁰ Yaadni nagaa qabu namummaa namaatiif jireenya in kenna;hinaaffaan garuu lafee in bososiisa.
Fak. 14
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
Follow me❦
Ammaas Waaqayyoo
Haraara Qabeessa.
Basha Abebe Send a message to learn more
18/01/2022
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Ambo
STUDENT