Raya Media
๐๐๐๐ฒ๐ฒ๐๐ ๐๐ข๐ข๐๐ข๐ฒ๐๐ ๐๐ข๐ฆ๐๐ ๐๐ฃ๐๐๐ซ๐ฌ๐ ๐๐ข๐ฒ๐ฒ๐๐๐!
๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช๐ช
19/02/2026
01/12/2025
Pirezidaantiin keeniyaa Wiliyaam Ruutoo Dilbata Kaleessaa waldaa kessatti wangeela lallabaa oolani!
Kana dursaa akkas jedhani turaani
"Bara 2032 Pirezidaantumma irraa
yeroon soorama bahu guutummaatti wangeelaa lallabuf of kenna. Wangeela yeroo hundumaa lallabuun waamicha kooti." Siyaasni wan akka tasaa na argatedha, garuu waamichi koo akkan wangeela tajaajiluuf, akkan isa ol kaasuuf, akkasumas saba keenya gara Waaqayyootti akkan deebisudha."
26/11/2025
Itiyoophiyaan nageenya naannawa tiksuuf ulaa galaanaa argachuu qabdi jette. Dr.Abiyyi guyyuma guyyaan aaga nu dhageessisa. Kun gama tokkoon dippilomaasin keenya hagam akka guddate agarsiisa. Gama biraan immoo cimina gaggeessummaa Dr.Abiyyi addatti kan agarsiisudha. Lammileen Itiyoophiyaa hundi milkaayina argamaa jiru kanaaf baga gammaddan. Oromoon immoo jabaa ilma kee Abbichuun jabeeffadhu.
Raya Media
26/11/2025
Aarri volkaanoo naannoo Affaar kan Itiyoophiyaa Wiixata ganama dhohee Galaana Diimaa qaxxaamuree gara Yaman fi Omaanitti darbe.
Volkaanoon kun sa'aatii hedduu dhohee ganda Afderaa naannoo sana jiru aaraan uwwise.
"Akka boombiin tasa darbatameetti dhoo'iinsi sun dhagaโame " jechuun ibsu jiraattonni haala itti dhoo'e yo himan. Aarri furdaan maayilii 9 (kiilomeetira 14) samiitti ol ka'e.
Amma ammoo balalii rophilaa nu dhoowwe jechuun Hindii himatte. Oduu guddaa addunyaa ta'eera.
Lubbuun namaa darbe jiraatuu dhabulle bulchaan naannoo sanaa Mohaammad Seid dhohinsi kun tiksitoota beeyladaa irratti dhiibbaa dinagdee fiduu danda'a jedhaniiru.
Raya Media
19/11/2025
Oduu Ammee!
Addi Bilisummaa Oromoo karaa Hayyuu duree dhaabichaa, Jaal Daawud Ibsaa akkasumas Kongireesiin Federaalawaa Oromoo karaa Hoogganaa paartichaa, Dr Mararaa Guddinaa haala nageenyaa Oromiyaa irratti Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa waliin marii'achuuf xalayaadhaan beellama gaafatanii jiran. Marii fi Marabbaan uummata Oromoo gidduutti akka deemu uummatni Oromoo bal'aan hawwaa kan jiru yoo tahu,yeroo kanatti dhaabotnii fi hooggantootni dhaabichaa kana murteessuun marii taasisuuf gaafachuun isaanii guddaa nama gammachiisa. Yeroo kanatti tokkummaan Oromoo lalisee, dagaagee humna Oromoo gargar facaasu facaasuudha qaba. Maanguddootni, haadholiin siinqee fi abbootiin Gadaa gargaartummaa yaadaa rakkoo fidde akka aadaanis xumuruudhaan daranuu dhaabotni Oromoo wal tumsuun dantaa Oromoo fi Oromiyaa akka tiksan waamicha taasisna.
Obbo Shimallis Abdiisaa karaa qajeeltoo hooggantootni kunneen eegalan ofitti fudhachuun tokkummaa uummata Oromoo tarkaanfii tokko akka tarkaanfachiisan, duulli nageenya Oromiyaa keessaa eegalame wal tumsa hundaan akka galma gahuuf qaamotni hawwan akka tumsanis waamicha taasisna.
Nagaa Lammiilee Oromiyaaf!
Emaltu Oromia News EON
Abiy Ahmed Ali
Demeke Negassa Kube
Oromia Police Commission
National Election Board of Ethiopia NEBE แจแขแตแฎแตแซ แฅแแซแ แแญแซ แฆแญแต
Sagalee Bilisummaa Oromoo
Gamtaa Qeerroo Dargaggoota Oromoo/The Oromo Youth Aka Qeerroo Union
Shimelis Abdisa
14/11/2025
Sababni weerara dhibee Jinkaatti mudatee beekkamuu Ministeerri Fayyaa beeksise.
******************************************
Ministeerri Fayyaa sababni dhukkuba bifa weeraraatiin Magaalaa Jinkaatti mudatee Vaayirasii "Marburg" jedhamuun taโuu qorannoon mirkaneessee jira. Baattuun vaayirasii tanaa ammoo gosa shimbira halkanii (Fruit Bats) kan fuduraa fi abaaboo soorattu hoggaa ta'u, gaafa namni fincaan, hancufa ykn dhangalaโaa ishii keessaa bahuuf saaxilame vaayirasichi gara namatti dabra. San booda nama irraa gara namaatti, tuttuqaa dhangalaโaa qaamaa of-eggannoo hin qabneen daddabra. Kanaaf Tatamsa'ina isaa ittisurratti haa xiyyeeffannuun dhaamsa kiyya.
Dr. Hamzaa Jamaal
07/11/2025
โผ๏ธ
=====
Konkolaattoonni TPLF Meeshaalee Waraanaa Gurguddaa baatanii gara naannoo Affaaritti imalaa turan Diroonii Itiyoophiyaatiin barbadeeffaman.
Meeshaalee waraanaa Moorteraa fi kannneen biroo fe'anii gara Daangaa Affaaritti socho'aa osoo jiranii Simbiroonni Yilmaa Mardaasaa Bishooftuu irraa ka'uun daaraatti dabaltee deebite. Bulchiinsi yeroo naannoo Tigiraayi Jeneraal Taaddasaa Warradaa ibsa sodaa guddaa of keessaa qabu baasee jira.
Hidhattoota TPLF haleellaa diroonii rukutaman keessa loltoonni Shaabiyaa jiraachuunis beekameera. Hima didduun du'a hin diddu!
07/11/2025
very talented actor ๐ ๐ ๐
06/11/2025
Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa fi Humni Dimokraatawa Galaana Diimaa Affaar qindoominaan Sochii taasisaa jiruun Daandii Ganda Meegalee Xoonsaa qabachuun dhagayame.
Yeroo ammaan tanaa Daandiin Affar irraan Assaab geessu Daandiin Buree banaa yoo tahu, Kaayyoon Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa gara imaluuf qophii xumuruun dhagayame.
Gama biraatiin Humni Waraa-ana addaa Tigraay kannee mootummaa TPLF morman Ab Ala irraan Addi Gudohm seenuuf sochii jalqabuun dhagayame.
Abiy Ahmed Ali
22/10/2025
Namoonni maqaan keessan akka armaan gadiiti bareedee akka siniif hojjatamu barbaaddan Maqaa keessan comment irratti barreeffadhaa.
22/10/2025
Namoonni maqaan keessan akka armaan gadiitti akka siniif hojjatamu barbaaddan comment jalatti maqaa keessan barreessaa.
Anas waa'een
Amboo
na ilaallata๐๐๐
Click here to claim your Sponsored Listing.