B.Zeman Kemal

B.Zeman Kemal

Share

Of Tahi

Photos from B.Zeman Kemal's post 06/03/2023

Dhimma Ab/salaam H/bakaree Yeroo Mana Hidhaaturetti Qaroon Isaa lamaan Garmalee dhibamuu Isiniif Ibseera

Ijji Ab/Salaam Tokko Jaamtee Akka Jirtuufi Kan lammataatis Hatantamaan yaala kan Arganne Yo Tahe Akka Jaamtu Dr Itti Himeera Yaaala Kanaafis br 43250 Gaafatamee Waan Jiruuf Deeggarsa Mallaqaatifi Dua'i Keessaniin Akka Bira Dhaabbattan Kabajaan Isin Gaafanna

M.Hospital Vision ophthalmology speciality
Yeka sub city Wereda O9 Gurd Shola Athletic federation BIDG..

Abduselam Account 1000110266662
Lakk.bilbilaa 0911753875

26/02/2023

Foontu foonii Hadoodaa
Lammitu Lammiif Dhiiga

BORANA

14/12/2022

Daandii dhugaa waakkatee
Gowwaan dharaaf lallabus
Bu’uurri hamilee koo suphee miti
Tasa hin cabus hin dabus!

09/11/2022
05/11/2022

Achi Utaaltus Oromoodha
As Utaaltus Oromoodha
Eessa Abbaa Keetitiin Baataree
Yaa Ilmaan Abbaan Abaare
Jedhee Kan Ganamaan Geerare
JL Surraa Gindaabati
Itti Marsee Barii Ganamaatin

04/11/2022

Dhiiga qulqullootaa
Dhiiga uummata nagaa
Dacheerra lolaastan
Akka bishaan lagaa…

Dhalataa ol adeemaa
Kan bor biyya dhaalu
Lafeen faffacaanaan ollaafi firri yaa’ee
Dhabe waan awwaalu!

Harka isin nyaachise
Biyyoo nyaachiftani
Gadameessa isin baate
Gadda baachiftani!

Gatiin dhiiga nagaa
Dirree gubbaa iyyu
Ni hafa hin se’iinaa
Hin hafu yoomiyyuu…

Lubbuu cicciramtee
Dabaan boolla galtu
Lafarrattis, Waaqarrattis
Inuma kaffaltu!






Waaliif Iyyaa Yaa sab

28/10/2022

Qullaan eenyu jennaan;beekan nama dhaloota gane jedhee deebise.Gowwaan immoo nama huccuu hin uffatin jedhe.Kamtu sirriidhan ni mul'ata silaa....??

©Harkaan lafa qabannee warra lafa keenya qabate dhabama goona....

© Korma gaafa dheeraa qe'ee gandaarraa baroodu abdachuurra jibbittii xiqqoo karra ofiirraa barooddu abdachuu wayya.Dhaamsa manguddootati dubbiin tun.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Asella?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Dereba
Asella
TOKKUMMAANHAASOSSOONU