Baraaf Jara

Baraaf Jara

Share

I'm passionate of my community .

Photos from Prosperity Party - ብልፅግና's post 07/05/2026
Photos from Etv Afaan Oromoo's post 04/05/2026
04/05/2026

Duudhaan Oromoo Mareefi Marabbaadha!

Odeeffannoo dabalataa argachuuf;

Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/

Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------.

01/05/2026

ብልፅግና ፓርቲ ለህዝብ ተወካዮች ም/ቤት የቀረቡ ዕጩ ተወዳዳሪዎችን ዝርዝር በቅርቡ ማስተዋወቅ እንጀምራለን!

ማህበራዊ ሚዲያ ገፆቻችንን ይከታተሉ!

ኢትዮጵያን ወደ ተምሳሌት ሀገር!

Photos from Oromia Prosperity Party / OPP /'s post 01/05/2026
Photos from Oromia Communication Bureau's post 18/04/2026
06/03/2026

Sagaleen Uummataa Biyya Ijaara
==

Biyyi kamiyyuu bu’uura cimaa irratti akka ijaaramtu kan taasisu humna qabeenya uumamaa qofa miti.
sagaleen uummataas dhimma murteessadha. Sagaleen uummataa yaada, fedhii fi hawwii hawaasni qabu ibsuu qofa osoo hin taane, kallattii mootummaa fi misooma biyyaa murteessuu keessatti shoora guddaa qaba.

Biyyi sagalee uummataa kabajju fi dhaggeeffattu bu’uura dimokraasii cimaa irratti ijaaramtee guddina itti fufiinsa qabu galmeessuu dandeessi.
Sagaleen uummataa dhimmoota biyya akka biyyaatti itti fufsiisuu danda'an hedduu keessatti barbaachisaa yoo ta'u addatti filannoorratti hirmaannan uummataa dhimma ijoodha.

Filannoon karaa uummanni mootummaa isaaf ta'u ittiin filatu, yaada isaa ibsatuu fi gara fuulduraatti kallattii biyyaa murteessuu danda’u keessaa isa ijoodha. Kanaaf filannoon dimokraasii dhugaa cimsuuf, mootummaa uummataan filatame ijaaruu fi nagaa biyyaa tiksuuf bu’uura jabaa ta’ee tajaajila.

Haaluma kanaan, Itoophiyaan yeroo ammaa filannoo marsaa 7ffaa gaggeessuuf qophii bal’aa taasisaa jirti. Filannichi dimokraatawaa, nagaa, haqa qabeessaa fi hirmaachisaa akka ta’uuf mootummaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiru.

Qophiin taasifamaa jiru kun sagalee uummataa kabajuun mootummaa uummataan filatame ijaaruu keessatti tarkaanfii guddaa akka ta’u agarsiisa.Filannoo dimokiraatawaafi fudhatamummaa qabu gaggeessuuf carraaqqiin taasifamu hojii mootummaan hojjatu qofan hin milkaa'u. Tumsaafi hirmaannaa uummataa bal’aa barbaada.

Uummanni sagalee isaa ittigaafatamummaadhaan fayyadamuun, nagaa eeguudhaan akkasumas hirmaannaa cimaa gochuun dirqama lammummaa isaa bahachuu qaba. Sagaleen nama tokko, tokko fakkaatus humna guddaa qaba. sagaleen walitti qabamu kallattii biyyaa murteessu danda’a.
Seenaa biyyoota hedduu keessatti sagaleen uummataa jijjiirama guddaa fideera. Sagaleen uummataa, mootummaa fooyyeessuu dimokraasii jabeessuu, akkasumas misooma biyyaa saffisiisuuf humna guddaa qaba. Kanaaf sagaleen uummataa dhugumaan humna biyya ijaaruu danda’u keessaa isa guddaadha.

Walumaagalatti, ijaarsi biyyaa hojii mootummaa qofa osoo hin taane hojii waliinii uummataa fi mootummaa ta’uu qaba. Yeroo uummanni sagalee isaa bilisaan ibsatuu fi murteewwan biyyaa keessatti hirmaatu biyyi sun bu’uura jabaa irratti ijaaramti. Kanaaf sagaleen uummataa dhugumaan biyya ijaara, dimokraasii jabeessa, egeree ifa ta’es uuma. Kanaaf, sagalee keenyaan biyya keenya haa ijaarru; hirmaannaa keenyaanis dimokraasii haa cimsinu.

Odeeffannoo dabalataa argachuuf
Facebook: https://www.facebook.com/oromiabc
kallacha Oromia: https://m.facebook.com
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
You tube: https://www.youtube.com/
-------
TikTok: tiktok.com/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/

06/03/2026
Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Asella?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Address

Oromia Region
Asella