Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee

Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee

Share

Waldaa dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 08/12/2023

Baga Gammaddan Baga Gammanne!!

Sadaasa 28/2016

Godinni Jimmaa Godinaalee Naannoo hunda keessaa madaallii hojii kenna tajaajila Lammummaa Gannaattiin qindoomina Jaarmiyaalee Dargaggootaa fi Waajjira Dargaggoo fi Ispoortiitiin hojjatameen raawwii hojii gaarii galmeessen sadarkaa 1ffaa dhaan beekkamtiin kennameefi jira.

Irra deebiidhaan Hoggantootni, Dargaggoonni, dargaggeettini fi Ummanni Godina Jimmaa hundi baga gammaddan!

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 12/11/2023

Sosochii sassaabbii bittaa boondii hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa guyyaa tokkotti qarshii miliyoona 5 tti qaamolee hawaasaa garaa garaatti gurgurame ooleera.
*******
Godina Aanaa Nadhii Gibeetti:- Sosochii bittaa boondii guyyaa tokkotti qarshii Miliyoona 5 tti qaamolee hawaasaa garaa garaatiin bituudhaan sagantaan sassaabbii bittaa boondii guyyaa har'aa xumurameera.

Sagantaa kanarratti Jilli Itti Gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadiiriif Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Obbo Kadiir A/Imaamiin durfamu irrarti argamaniiru.

Bulchaan Bulchiinsa Aanichaa Obbo Kadiir A/Imaam sosochiin bittaa boondii Aanichatti sadarkaa olaanaarra jiraachuu eeruun, sosochii kana bifa guutuu ta'een milkeessuuf, bifa arjoomaafi miira jaalala biyyaa giddu galeessa taasifateen caalmatti sosochii kana raawwii olaanaan keessaa bahuuf hojjatamaa jiraachuu ibsanni jiru.

Itti Gaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadiir Akka jedhaniitti bu’aan itti fufiinsa qabu Hidha Haaromsa Guddicha Ummata keenyaaf injifannoo guddaa waan ta’eef akkuma kaleessa xiiqiidhaan jalqabne har’as xumuruu qabna jedhaan. Dabalataan sosochii bittaa boondii yaroo jedhametti raawwannee raawwii olaanaan keessaa bahuuf qaamoleen hunduu tumsa barbaachisu taasisuu qabu jedhaniiru.

Qaamoleen hunduu fedhiidhaan hirmaannaa hoo'aa taasisuu qabus jedhaniiru.

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 12/11/2023

Har'a qusachuun milkaa'ina boruutiif tarkaanfii bu'uuraa ta'uu hubannee waan qabnu haa qusannuu, Aanaa Nadhii Gibeetti:- Guyyaa tokkotti qarshiin mill. 30 qusatame.
*********
Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti Guyyaa Tokkotti Qarshiin Mill. 30 baankii siinqeetti qusatamuu dande'eera.

Qusannaan kunis Waldaalee IMX, Daldaltoota, Abbootii Qabeenyaa, Afooshaalee, dhaabbilee mootummaaf miti mootummaa fi jaarmiyaalee Dargaggoota aanichaa irraa qusannaan kun baankii siinqeetti qarshiin , mill.30, qusatamuu isaa Itti gaafatamaan waajira Carraa hojii uumuuf ogummaa Obbo Tediros Abarraa ibsaniiru.

Sagantaa qusannaa kanarratti Jilli Itti Gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadiiriif Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Obbo Kadiir A/Imaamiin durfamu irrarti argamaniiru.

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 12/11/2023

Miseensa Inshuuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uun fayyaa ofii eeggachuun cinatti wabii fayyaa lammii ofiif ta’uudha, Aanaa Nadhii Gibeetti:- guyyaa tokkotti miseensotni IFH 10,000 haaromfatan.
****
Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti:- Bakka Jilli Gaafatamtuu Damee Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa
Aadde Najaat Kadiir fi Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Obbo Kadir Abbaa Imaamiin durfamu, bakka Hooggansi Aanaa fi Godina keessummoonnii garaagaraa hawaasni Aanichaa argamaniitti, guyyaa tokkotti namoonni 10,000 Inshuraansii, fayyaa haaromfataniiru.

Fayyaa hawaasaa eeguudhaaf hojjechaa jirra jechuun waajirichii yeroo ammaa kana dhibeen busaa gandoota tokko tokko keessatti mullataa waan jiranuuf hawaasni of eeggannoo gochuu akka qabuu fi Saaphana siree seeraan fayyadamuu akka qabu Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa Aanichaa Obbo Samu'eel Siraaj dubbataniiru.

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 12/11/2023

Midhaan gahe sassaabuudhaan qisaasamarraa haa baraarru, Aanaa Nadhii Gibeetti:- Qindeessummaa Liigii Dargaggoota Godina Jimmaatiin eegalame.
*******
Aanaa Nadhii Gibeetti:- Jilli Itti gaafatamtuu Ijaarsa Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Aadde Najaat Kadiiriif Bulchaa Bulchiinsa Aanichaa Obbo Kadiir A/Imaamiin durfamu, Duulli Sassaabbii Oomisha Boqolloof Misoomaa Xaafii Karaa hirmaannaa Ho'aa ta'een gaggeesse.

Bulchaan Bulchiinsa Aanichaa Obbo Kadiir A/Imaam Kanaaf, oomishaaleen sadarkaa sassaabbii irra qaqqaban yeroodhaan galanii qisaasamarraa akka baraaraman akkasumas dhamaatiin qonnaan bulaa bu’aa madaalawaan akka guduunfamu gochuun daran murteessaadha jedhan.

Itti Gaafatamaa Liigii Dargaggoota Godina Jimmaa Obbo Yaasiin Mahammad Hojii misooma midhaanii irratti akkuma tokkummaaf qindoominaan hojjachaa turre ammas bifa gurmaaheen daboo waliif baanee oomishaalee sassaabbiif qaqqaban kanneen yeroodhaan galchuudhaan qisaasama sababa roobaatiin muudachuuf malu irraa haa baraarru jedhan.

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 07/10/2023

Fulbaana 26/1/2016 (WKGJ)

Godina Jimmaatti Konfaransiin Dubartootaa Aanoolee godinichaa hunda irraa waliitti dhufan hirmaachisee marii taasifama jiraachuu I/G Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa'immonni godinichaa Addee Laxifaa Abbaa Tamaam ibsaniiru.

Marii Konfaransii kanaa irrattis Kabajamoo Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir argamuun Dubartoonni Siyaas-dinagdee biyya keenyaa keessatti iddoo guddaa akka qabanu ibsuudhaan,
Bara kanaa karaa qinda'aa ta'een hojii dinagdee damdaneessa sadarkaa hundatti milkeessuuf sochiin Dubartootaa keenyaa ol'aanaa akka ta'e marii kanaa irratti argamun dhaamsaa isaani dabarsaniru.

I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Masarat Hayiluu akka jedhanitti Dubartoonni Godina Jimmaa hojii Paartii Badhaadhinaa lafa qabachiisu keessatti ga'een keessan ga'e leencaati jechuudhaan galateeffatani, cimina keessan kana qusannaa baankii keessaan baankii Siinqeetti qusachuudhaan gama dinagdeetiin dabaluu qabdu jechuudhan ergaa dabarsaniiru.

Hirmaattoonni marii kanaas waltajjiin akkasi guyyaa seena qabeessa kanatti gaggeeffamun akka isaan gammachiise ibsuudhaan bakka jiranitti dubartoonni godinichaa akkuma duraani ambasaddara nageenyaafi misoomaa ta'anii akka hojjatan himaniruu.

07/10/2023

Urjiiwwan Koree Qindeessituu Aanaa Nadhii Gibee
Aanaa Keenya Roga Hundaan Fuulduratti Baasuuf Halkanii Guyyaa Dadhabbiif otoo Hin Jilbeenfatin Aarsaa Kaffaluun Warra Jijjiirama Hojiidhaan Lafa irratti Argamsiisaa Jiraniidha!

Photos from Waldaa Dargaggoota Aanaa Nadhii Gibee's post 22/09/2023

Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibeetti Sochiin Duula Mala Namaan Loon Diqaalomsuu Gandoolee Aanichaa Gara Garaa Keessatti Itti Fufee Gaggeeffamaa Jira .

Guyyaa har'aas bakka Bulchaan bulchiinsa aanichaa obbo Kadir Abbaa Imaam, I/G/W/Paartii Badhaadhinaa Adde Mastaawot Nugusee fi I/G/W/Qonnaa Aanichaa Obbo Isheetuu Sixootaa Argamanitti Ganda Raagaatti argamuudhaan sochii hojii kanaa daawwachuun jajjabeessanii jiru.

Aanichatti bara kana inisheetiivii mala namaan loon Diqaalomsuutiin qonnaan bultoonni akka fayyadaman gochuuf karoora qabame milkeessuuf qindoominaan hojjetamaa kan jiru yommuu tahu, saawwan 8500, ol ta'aniif hormoonii kennuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuunsaas dubbatameera.

Duulli kun guyyaa har'aa qindoomina ogeeyyii Waajjira Qonnaafi ogeeyyii dirree misoomaatiin Ganda Raagaa Siibaatti gaggeeffamaa ooleera.

Dabalataanis Akka Aanichaatti hawaasa Aanicha fayyadamaa taasisuuf Loon furdisuu irratti xiyyeefatamee hojjetamaa akka jirus ibsameera.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Address

Jimma