Fayyaa Argadhaa

Fayyaa Argadhaa

Share

Fayyaan Qabeenya !!���

24/09/2023

KINTAAROTII- Hemorrhoid/Pile
********************************
Kintaarootiin iitaa qaama taa'umsaa irratti mul'atu yoo ta'u innis hiddi dhiiga-deebistu kan naannoo ta'uumsatti gurmuun argamu yoo iita'u kan dhufu dha. iitaa kanaaf wontootni hedduun sababa ta'uu malu. Isaan kessaas:
* Yeroo bobbaaf taa'an baay'isanii ittanuu
* Qufaa yeroo dheeraaf nama irra ture.
* Furdinna gar malee guddaa ta'e qabaachuu.
* Wol qunnamtii saalaa qaama taa'umsaatiin raawwachuu.
* Garaa gogsuu ykn baasaa yeroo dheeraaf nama irra ture
* Yeroo dheeraaf deddebi’anii waan ulfaatu fuudhuu/kaasuu
* Dhukkubni tiruu ykn dhukkubni biraa kan iitaa garaatiif nama saaxiluu jiraachu
* Nyaata akka fuduraaf kuduraa fayyadamuu dhabuun wontoota rakkinna kanaaf nama saaxilan keessaa isaan ijoo ta'aniidha.
* Irra jireessaan ga'eeyyiiwan woggaa 20 ol ta'anifi haadholii ulfaa irratti hedduminnaan mul'ata.
* Yeroo kaan caalaa yeroo qilleensi ho’aan jiru irra muldhachuu danda’a. Innis sababa hoo’i hidda dhiigaa keenya akka babaldhatu (vasodilation) jiraatu godhuufi nama hooksisuufi.

----

----
Mallattoofi rakkinna Kintaarotii irraa dhufuu danda'an:
- IItaa qaama taa'umsaa irratti mula'atu ykn iitaa qaama taa'umsaa keessaa gadi bahe mula'tu. Kintaarootiin keessa qaama taa'umsaa kessatti bahus (Internal Hemorrhoid) ni jira; inni kun sadarkaalee afran armaan gaditti tarreffaman kana qaba:
▪︎Sadarkaa I: Gurmuu hidda dhiiga-deebiftuu keessa qaama taa'umsaatii bahe. Kun alatti hin muldhatu. Inni kun yeroo hedduu dhukkubbiis hin qabu.
▪︎Sadarkaa II: Inni kun keessa qaama ta'umsatii kan gadbahu ta'ee, garuu ofuma isaatii ol deebi'a.
▪︎Sadarkaa III: Kun ammoo iitaa gad bahee, harkaan/qubaan oldeebifamudha. Inni kun nama hoksisuufi dhukkubis ni qabaata.
▪︎Sadarkaa IV: Kun kan gad bahee muldhatu, qubaanis kan ol hin deebineefi keessaa qaama ta'umsaatii ala bahee kan jiru dha. Inni sadarkaa III fi IV kun woldhaansa akka opireeshiiniin muranii baasuus kan barbaadudha.

- Yeroo bobbaaf taa'an nama dhukkubuu ykn miir

01/08/2023

DHUKKUBA BUSAA (malaria)

📈 busaa dhukkuba Orgaanizimii pilaazmoodiyaamii
jedhamuun kan dhufu yoo ta’uu , dhukkubni kun nama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti kan daddarbu bookee busaa (Anopheles mosquito ) jedhamtuun. Pilaazmoodiyaamiin seeliiwwan dhiiga diimaa/ tiruu namaa keessatti seenuudhaan wal horu
👤 keenya kessatii Waggaa keessatti dhukkubni busaa waqtii birraa-ji'a fulbaana hanga muddee fii arfaasaa- ji'a Eblaa hanga Caamsaa
heddumminaam olka'ee mullaata. Kanaafuu yeroo kanatii ofeggannoo gochuun barbaachiisaa dha.
📈 DHUKKUBICHA
🗣Bakka busaan jiru kan jiraattu ykn jiraachaa kan turte yoo taʼe mallattoowwan busaa armaan gadii akka laayyootti hin ilaalin:
✍1, Dhagna gubaa cimaa
✍2, Dafqa
✍3, Qorraachu/hollachuu
✍4, Mataa bowwuu
✍5, Dhukkubbii maashaalee
✍6, Dadhabbii cimaa
✍7, Garaa hammeessuu
✍8, Hoqqisuu
✍9, Garaa kaasaa
✍10, fedhii nyaata dhabuu
✍11, Gogaan qaama fi adiin ijaa keelloo tahuu.
✍12,-Fincaan xiqqaachuu,ykn dhabamuu
❇️
Dhukkubni busaa dhibee yaalan fayyuu dandauu waan taheef! Osoo dhukkubichi hin hammaatiin mana yaalatti qoratamuun qoricha Antimalaria ogeessi fayyaa kennu seeran fayyadamuun fayyuu ni danda`amaa.
✅~Anti malaria
🗣
➊. Agoobara keemikaala farra
booke qabu fayyadamuu
➋. Foddaa fi balbala,qaawwa manaa hunda cufuun akka raammoon hin seenne ittisuu.
➌. Uffata dheeraa qaama keenya guututti haguugu uffachuu.
➍. Bakka Bookeen busaa itti walhoruu dandeessu dhabamsiisuu
fkn-Balfa,Bishaan xurawaan gara garaa dhabansiisuu.
➎. Yeroo lafa dhukkubni busaa itti heddummatu dhaqan,dursanii
qorsa fudhachuu
➏. Yoo mallattooleen,dhukkuba busaa nama irratti mul'ate dafanii mana yaala dhaquun,ogeessan fayyaatin mari'achuun,dawaa fudhachuu. fii kkf
♻️ : Bookee busaa kormaan dhukkuba busaa hin
daddabarsu,sababni isaas bookee kormaan nadhii daraaraa malee, akka bookee dhaltuu dhiiga namaa hin sooratu. Yeroo amma kana dhukkubni kun bsli'inaan mul'ataa wan jiruuf share for the others.!
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
┄┄┄┄┄┄┄┄

25/07/2023

AMMEEBAA - Amebiasis
*******
Ammeebaan dhukkuba pirotozo'aa mar'umaanii kan 'Entameba histolytica' jedhamuun dhufudha. Yeroo hedduu mallattoo dhukkubaa muldhisuu dhabus baasaa dhiiga qabuu hanga tiruu irratti malaa uumuu/guuruu dhukkuba geessuu danda'udha.
Ummata adunyaa keessa parsantii kudhan kan ta'an Ammeebaa akka qaban ni tilmaamama, haa ta'u malee isaan keessaas namoota parsantii kudhan ta'an qofatu mallatoo dhukkuba kanaatiin hubama.
---
Haala jireenya isaa yoo ilaallu; sadarkaa guddinnaa lama (cyst and trophozoite stage) jedhamu qaba. Inni 'cyst' jennu kun kan aasidii garaacha keenya jiru dandamachuu danda'uufi mar'uumanitti gadi taruun gara 'trophozoite' jijjiiramuun dhukkuba mar'umaan guddaa (quuncessuu, madeessu) fi darbee darbee ammoo karaa hidda dhiiga deebistuu mar'umanifi tiruu wolitti fidduun (portal venous system) godhee tiruu irratti malaa guruu ykn uumuu danda'udha.
Karaan inni itti daddarbu bishaani fi nyaata qulqullinna hin qabne kan karaa garagaraatiin bobbaa nama Ammeebaa qabuun balfame dhuguuf nyaachuudhani.
---
Mallatolee Ammeebaa:
~ Baasaa dhiiga makate
~ Dhukkubbii garaa (muraa, ciniinnaa) salphaa hanga hamaa ta'e.
~ Fedhii nyaata xiqqaachuu fi dhabamuu
~ Ulfatinni qaamaa hirdhachuufi qama nama hoo'isuu
---
~ Yoo tiruu irratti malaa guuree/uumee jirate cinaacha mirgaa jalatti dhukkubbiin namatti dhagahamuu, hoo'a qaamaa ol'aana ta'e, fedha nyaata dhabuu, nama hollachisuu, haqqisiisuu ykn lollojessuu, nama dadhabsiisuu, darbee darbee ammoo qufaa(biiqaa), nama hargansiisuu faati mul'achuu danda'uu.
----
Maal haa goonu?
° Qulqillinna nyaataaf dhugaatii keenya eeguu.
° Qorannoolee Doktarri ykn ogeessi fayyaa nuuf ajaju kan akka (qorannoo bobbaa/sagaraa, dhiigaa, fi kkf, yoo shakkiin malaa tiruu jiraate altiraasaawundiis ta'uu danda'a) kan ogeessi yaalaa ni barbaachisa jedhee nuuf ajaje hojjachiifachuu.
° Erga qorannoo barbaachisoo ta'an hojjachiifne, booda haala Doktorri ykn ogeessi yaalaa nuuf ajajeen qoricha keenya qajeellotti fudhachuu/fayyadamuu.
Fayyaan faaya!!!
Fayyaa ta'aa!!!
Ulfaadha!!!

15/06/2023

Irotoomaaaniyaa/ Erotomania jechuun tahee dhibee sammuu keessaa Isa tokkodha. Dhukkubni Kunis yeroo jalqabaaf saayintistii biyya faransaay clerambault jedhamuun waan argameef yeroo tokko tokko maqaa isaatiin waamama.

Amalli dhukkubichaas utuu hin jaallatamiin Akka waan nama beekamaa ykn beekamtuu tokkoon kanneen Akka artistiitootaa ,taphattootaa fi namoota siyaasaa beekamoon Akka waan jaallatamaniitti fudhachuudha. Namoota beekamoo sana faana guyyaa tokkof illee carraa Wal arguu kan hin argannedha. Harki caalaan naannoo 90% dhukkuba kanaa shamarran keessatti baayyata ,darbee darbee dhiirota keessatti mullatus.

Namoonni bebbekamoo na jaallata ykn jaallatti jedhanii yaadan sani suuraa isaanii, haasaa isaanii of harkatti, bilbilaa fi kompuutera isaani keesaatti qabatanii jiraatu. Yeroo tokko tokkos suura namoota na jaallatu jedhanii yaadan Sanaa tumaa/taatoo ofirratti hojjechiifatanii argamu akkasumas xalayaallee barreessuufii ni danda'u.
Namoota dhukkuba kanaan hubaman amansiisuuf yoo yaalte natti inaafte jedhanii waan yaadaniif Si jifachuu dandahu. Kunis kan heeddummatu namoota ofitti amanamummaa gad aanaa qaban ,kanneen jireenya qofummaatti gammadanii,namoota miidiyaa hawaasaa fayyadamuu baay'isanii fi hawaasatti makachuu hin barbaanne keessatti bal'inaan mullata.

: ogeessa yaala sammuu haasofsiisuun yaalii afaanii xinsammuu fudhachuufi yaala qorichaa fudhachuun ni danda'ama.
Fayyaa sammuu hin dhabinaa!
Fayyaan sammuu ijoo fayyaa keenyaati!

01/06/2023
18/03/2023

Mormii sirratti kahuuf, kolfa gowwaatiif, tuffii namoonni siif qabaniif waan jalqabde adda hin kutin, waan jalqabuu yaaddes hin dhiisin.
Isaan utuu si mormanuu si beeksisu, utuu si tuffatanuu of bira si dabarsu. Ati qofti dhiibbaa uumuu irraa duuba hin deebi'in!

Dhiibbaa uumuu keessatti mormitoota qabaachuun hedduu barbaachisaadha. Isaan warra xiiqiidhaan akka hojjennu nu taasisaniifi tooftaa haaraa nu barsiisan waan taheef.

Galatoomaa!

24/02/2023

DAMMAQAA TA'I!┃Be Inspired!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Ati yoo of hin kakaafne homtuu garagalee si hin ilaalu!"
❏ Kan siif jiruu fi jiraatu suma!
❏ Akka ati of qabdutti eenyullee si qabuu hin danda'u!

Maarree maaliif of hin kakaaftu, maaliif of hin dadammaqsitu?
✪️ Dammaqaa ta'uun hojii tokko dandeettii guutuu ta'een hojjechuuf si gargaara.
✪️ Humna uumamaatti fayyadamuuf cimina siif laata.
✪️ Dadammaqinni sababa uumamuu yookiin kalaqa waan tokkootiif ka'uumsa dha.
✪️ Namni dammaqe rakkina isaa irratti dhiibbaa uumuuf qophiidha.

❏ QAJEELFAMOOTA DADAMMAQIINSA JIREENYA ILMA NAMAATIIN WALQABATAN:

➊. Kaayyoo ofiitiif bitamuu!
➋. Xiyyeeffannoo qabaachuu!
➌. Galma ofii beekuu!
➍. Ejjennoo qabaachuu!
➎. Jalqaba haaraan eegaluu
➏. Karaa salphaa adeemuu
➐. Mul'ata qabaachuu
➑. Waan addaa uumuu
➒. Beekumsa ofiitti fayyadamuu
➓. Ofitti amanamummaa qabaachuu

❏ Ati yoo of hin kakaafne homtuu si hin kakaasu!

Photos from Fayyaa Argadhaa's post 26/01/2023

Roobbii ~Ringworm
****
Roobbiin fangaasiin kan namatti dhufu yoo ta'u qaama keenya kan akka mataa, fuula, harka ,miilaa fi kkf hubuu danda'a.

Gosoota roobbii
-----
1. Roobbii mataa:- Roobbiin kun haalaan namarraa namatti daddarba. Irra heddumminaan joollee waggaa 2 hanga 10 miidha. Mallattoolee akka
• Rifeensa irraa haaduu
• Hooqsisuu
• Shiftii diddiimaa mataa fi kkf
2. Roobbii miilaa:- Roobbiin baayyinaan atileetoota waan " athlete's foot" jedhamuun beekkama. Dargaggoota fi ga'eessootaa irratti heddummaata. Sababa miilli baayyee dafquuttiin, kaalsii fi kophee akkaan namatti maxxanu uffachuu, erga dhaqatanii fi bishaan daakaan boodaa miila sirritti goggooyfachuu dhabuutiin namatti dhufa
3. Roobbii mudaanmuddii
4. Roobbii qaamaa
5. Roobbii qeensaa

Akkamitti roobbiin nama qabdi?
-----
Roobbiin sanyii fangasii 40 ol ta'an irraa nama qaba. Fungasiin kun gogaa keenyaa fi iddoo jidhaa qaban jiraata.
Akkamitti nama qaba?
1. Namarraa namatti dabrudhaan. Kuniis nama roobbii sana qabuu waliin waltuttuqun, filtuu ykn uffata tokko waliin fayyadamuun nama qaba.
2. Beeyladootarra gara namaa :- beeyladootaa roobbii qabaniin wal tuttuquun ykn meeshaa isaan qaban tuquun nama qabuu danda'a. Fkn saree fi adurreen roobbii namatti dabarsuun beekkamu
3. Meeshaarra gara namaa: meeshaa namni roobbii qabu itti fayydame ykn iddoo shaawaraa miilaa qullaa keessa dhaabbannee dhiqachuun nama qabuu dandeessi
4. Biyyeerraa gara namaa

Mallattoolee
----
Waan qubeellaa ykn hamartii fakkaatu kan hooqsisuu, kan diimatu, malaa illee yaafachuu kan malu, rifeensa buqqaasuu fi kkf

Maal godhuu qabna?
1. Qulqinna qaamaa sirritti eeggachuu. Daa'imman yeroo hunda akka harka dhiqatan godhuu
2. Meeshaale dhunfaa waliin fayyadamuu dhabuu. Fkn koofiyyaa, filtuu, boraatii fi kkf
3. Uffata fi booratii nama dhibee kana qabuu guyyaa hunda bishaan hoo'aadhaan miicuu. Sababni isaatiis uffata eda uffate odoo hin miiccine har'aas deebi'ee kan uffatu yoo ta'e , fangaasiin san irraa hin fayyu . Kana malees uffata saniirraa deebi'ee fangasichaan qabama jechuudha.
4. Rifeensa irraa erga ciran booda guyyuu rifeensa daa'ima sanaa shampoo farra fangasiitiin dhiquu
5. Mana yaalaa deemuun qoricha isiniif ajajamu fudhachuu

Wal'aansa
---
Wal'aansi umrii, sadarkaa dhibee sanaa , gosa roobbii irratti hundaa'ee garaagarummaa qaba. Qorichi ogeessa Fayyaatiin ajajamu kan dibataa, kiniinaa fi kkf ajajamuu danda'a

Fayyaa hin dhabinaa
Source:-Eba Pediatrics Specialty

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address

Street
Jimma
ZIP