Barii Bilisumma
in learning jimma University
25/07/2026
Seemaa jaalala dhugaa
Onneen madooftee 😌
Kutaa 5ffaa
block godhee Isa waliin hasaa keenya itti fufne.
[ ] hiriyyaansaa tokko kan magaalaa naqamtee jiraatu nama baayyee waaqayyoon sodaatuufii,nama bayyee gaarii nama miidhama namaa hin jaallanne ture.
Intalattii Ishee biyya alaa jirtus beeka anaanis beeka.
[ ] guyyaa tokko jaalalleenkoo Kun hiriyyaakoo deemii argi inni waayee kiyya hunduma sitti hima naan jedhee itti na erge. anis bilbilefiin Isa waliin Wal arge. innis akkana naan jedhee natti imuu Eegale. miidhamuukee hin barbaadu anis obboleettii qaba, jaalalleenkee Kun akkan ishee jaalladhu dhaqii itti naaf himi jedhee sitti na erge Garuu ani kanan sitti himu inni nama siif ta'u miti yeroo nabiraa dhufu siif bilbilee siwajjin hasa'e ka'ee, ishee biyya alaa jirtuuf immo imo dhaan bilbilee wajjin hasa'a.
[ ] kanaafuu ani akka inni jedhe dubbii soba sitti himee Akka ati miidhamtu hin barbaadu of Eeggadhu Naan jedhe. Anis tole jedheen gaafan mana galu jaalalleenkoo kuni naaf bilbilee akkam wal agartaniittu? jedhee na gaafate. Anis Eeyyen Wal agarreerran jedheen. maal siin jedheree Naan jedhe. Akka ati nama gaarii taateefii Akka ati baayyee na jaallattu natti himen ittiin jedhe sobee.
[ ] Ani sitti himeeraam silumaayyuu dhugaakoo Baga dhaqxee isarraa bartekaa Naan jedhe. Anis irraa adda ba'uunis Isa shakkuunis baayyee waan natti ulfaateef jaallachuukoo ittan fufe. guyyaan ebbakootiis waan dhi'aateef jaalalleenkoo Kun Akka dhufu qabu ittan hime, innis Nan dhufa Garuu guyyaa sana ana wajjin buluu qabda maatiidhaan immoo hiriyyootakoo wajjin sangantaa wayii waan qabnuuf natti dhiinaanin hiriyyaakoo bira bule jettaan Naan jedhe.
[ ] Anis tasumaa waan akkasii hanga Wal fuunutti hin godhu cubbudha waaqayyo hin jaallatu waan akkasii gaa'ilaan alattin ittiin jedhe. innis ati haadha manaakoo boriidha ani immoo Abbaa manaa keedha waanan ta'eef rakkoo hin qabu ,utuu ati jirtuun nama kambiraa wajjin ciisaaree haadha manako wajjin ciisun cubbuu mitii tasumayyu jedhe na amansisuu jalqabe.kana hin ta'u taanaan anaaf ati harraan booda adda baana Naan jedhe.
[ ] Afaan damma godhatee
[ ] jechoota toora galfatee
[ ] Keessatti summii baadhatee
[ ] Anis isa dhabuunis waan natti ulfaatuuf hiriyyaakoo tokko bira deemeen maalan godha jedheen waan inni nan jedhe itti himee, kana hin ta'u taanaan Wal dhiisna Naan jedhee ani takkaa dhiira waliin ciisee hin beeku jedhen itti himadhe. Hiriyyaankoo Kun kanaan dura ijoollumaakootti humnaan namni na qabee utuu hin jaallatin waan akkasii godheen ture ammamoo waan akkasii hin godhu miidhaman qaba Nan sodadha jedhiin waan inni jedhu barra Naan jette.
[ ] Anis akkas jedhee gaafan itti himu lakki si ilaaluun qaba male dirqama wajjin ciisuu qabnaa? naan jedhe.
[ ] Anis waan na dirqisiiseef isa dhabuu waanan hin barbaanneef tole halkan si bira buluu hin danda'uu Garuu guyyaa dhufee mana siree wajjin deemnee sana booda debi'een galan jedheen. Innis qobaakoo buluu hin qabu na waamtee akkamittan qobaa Bula male jedhee utuma na diduu tole guyyama wajjin deemna Naan jedhe. Keessikoo Akka duraa miti shakkii waanan qabuuf waaqa gaditti hiriyyaankoo Kun raga naaf ha taatu jedheen gara mana yaala hiriyyaakoo fudhadhee deeme durbumma qabaachuufii dhiisuukoo mana yaalaatti ilaalchisee. sana booda hiriyyaakoo biratti akkan dhiira waaliin ciisee hin beeknes nutti Himanii na gorsanii sana booda deebinee galle. guyyaan Eebbakootiis ga'e jaalalleenkoo Kun Eebbikoo guyyaa qidaamee ture, konkolaataan dhabe jedhee erga Eebbikoo xumuramee qidaamee halkan gara magaalaa naqamtee ga'e naaf bilbile ...
Anis bilbila irraa kaasee nagaa gaafadheen akka bor ganamaan Wal arginu waliif galle.
borumtaasaa maatiinkoo suuqi deemnee meeshaa wa'ii waliin binna waan jedhaniif ganamaan Isa bira deemuu hin dandeenye sa'aati 5 booda bilbilee na waamtee akkas na goota mitii jedhee na lole bilbila narratti cufe, Anis dafee maatii waliin gara manaa galee sa'atiin laaqanaa waan ga'eef bayyee beelofneerra turre, Garuu namni waamicha nu waame bilbilee waan nu rakkisaa jiruuf Mana laaqana nyaachu dhiisanii gara mana firaatti darban maatiinkoo,
ani immoo hiriyyootakoo waaliin sagantaa qabna jedheen utuun laaqana hin nyaatin isaan biraa hafee gara jaalalleekoo kanaa deeme.
Innis gara hoteela tokko nu geessee ani laaqana nyaadheera ati nyatteettaa? Naan jedhe?
anis Eeyyeen nyaadheeran jedheen utuman beela'uu.
Irra deebi'eellee nyaadhu naan hin jenne.
Tole jedhee dirqamaan dhugaatii alkoolii qabu Akka dhugnuuf (awash) ajajee. ani dhugaatii akkasii tasumaa dhugee hin beeku garuu dhuguu qabda male waan Naan jedheef Isaaf jedheen humnaan utuu natti hadhaa'uu dhuguu Eegale. isumaayyuu dhumuu qaba male jedhee na daddabaluutti ka'e. sana booda laaqanas waanan hin nyaatin jiruuf Akka of wallaaluu, Akka lafti Naan Maruu ta'e, sana booda na qabee achi na fudhe deeme baajaji kontorata fuudhee gara mana sireetti qajeelle.....
Itti fufa....
Account koo adabbiirra jira waan ta'eef profile koo jala seenaatii copy link naaf taasisaa family kiyya
24/07/2026
Seenaa jaalala dhugaa
Onneen madooftee😒
Kutaa 4ffaa
[ ] Jaalalleekoodha yookaan Abbaa manaakoodha Naan jette .anis tole gaariidha jedheen suuta class ba'ee jaalalleekoo kanaaf bilbilee maalidha intalli akkas akkasii suuraa wajjin kaatan kan natti ergitu Naman jaalladhu si male hin qabu Naan hin jennee atin ittiin jedhe,
[ ] Innis deebisee dhiisi hin fudhatinii waan dhugaa miti Wal beekna turre Akka tasaa guyyaa tokko isheenis borsaa uffataa baattee waan jirtuuf anis badhee waanan jiruuf deemnee wajjin suuraa kaane male waan biraa miti Akka jaalalli keenyaa itti fufu yoo barbadde ishee block ofirraa godhi Naan jedhe.
[ ] Anis bayye waanan jaalladhuuf, hamman isa amanu maatiikoollee waanan hin amanneef dhugaadha jedheen tole jedhee dhiise.ammas turtii yeroo muraasa booda utuun bilbila hiriyyaa kootiin fb ilaalaa jiruu suuraa intalli Kun jaalalleekoo waliin kaate fuula Facebook post gootee jirtu natti dhufe.
[ ] guyyaa kanaa kaasee keessa kootti shakkii guddaan Uumame. ani hin beeku male isheedhaanis block of irraa godhi jedhee waan tureef isheenis akkumakoo waan Isa amantuuf block na gootee turte, anis fb hiriyyaakootii Sanaan ana boontuutu si barbaade block na gootee jirtaa nawajjin dubbadhun ittiin jedhe,
[ ] Sana booda lakkoofsa imo naaf kennite anis wajjin hasaa'uun jalqabe. isheenis boossee maaloo qarshii baayyee itti baaseen irraa qaba, akka Abbaa manaaf hadha manaatti mana tokko keessa wajjin jiraachaa turres waan ta'eef anaaf dhiisi naan jette. baayyee boossee ani amma biyya arabaa jordan bakka jedhamun jira resitin ittin qarshii galchaafii ture hundumasaa siifan erga maaloo naaf dhiisi yeroon isa baru sana inni homa tokkollee hin qabu surree tokko male anatu nama Isa godhe jette baayyee natti boosse sana booda tole siifan dhiisa rakkoo hin qabu ittiin jedheen isheedhaaf waadaa gale.
[ ] Sa'aatii sanaan booda akkan ta'es hin beeku miirakoos to'achuu hin dandeenye. halkan waan tureef bilbilakoo keessaa kaardii hin qabun ture call me back yeroon itti deddeebisu inni deebisee naaf bilbiluu dide. Akka ishee wajjin hasa'aa jirusimmoo beeka, wantan itti himu yeroma sana shot gootee isatti ergaa turte isheen immoo. halkan sana utuu irribni ijakootti hin dhufin akkan ilaalutti buleen ganama ka'ee hiriyaakoo tokko bira deemee itti himachuu Eegale .isheenis na tasgabbeessitee gara manaatti na galchite.
[ ] Jaalalleenkoo Kun ammas jechoota toora galfatee guyyoota 3 booda deebisee naaf bilbile. anis irraa kaaseen wajjin hasa'uutti ka'ee.
[ ] Anoo dhiira biraan dubbadheen beeku isa male dhiirri waan jiru tokko nattin fakkaatu, akkas naan jechuu Eegale.
[ ] Ati silumaayyuu ana wajjin adda ba'uu barbaadda male maaliif ishee wajjin hasofte block godhi siin hin jennee Naan jedhe? isheen baayyee na barbaaddi ani Garuu tasumayyu ishee hin barbaadu Naan jedhe. Anis erga isheen hamma kana sitti baaste qarshii sirra qabdi ta'ee, Akka Abbaa manaaf hadha manaatti wajjin jiraachaa turtan utuu isheen hin deeminis erga ta'ee,
[ ] miidhamashee hin barbaadu isheedhuma wajjin jiraadhu anaaf ati Wal dhiisnaa, isheedhaafis akkan lammata siwajjin hin hasofne waadaa galeeraafin jedheen. Innis tasuma ani ishee hin barbaadu isheef jettee nama jaallattu akkamitti dabarsitee kennita ani si qofa kanan barbaadu jedhe jechoota meeqa jedhee na amansiise.
[ ] Sammuukoo keessa inni gaariidha kan jedhu male hammeenya akkasii qaba wanti jedhu ammayyuu hin jiru, Anis tole jedheen isheen hin sobdi inni anarratti waan akkasii hin godhu jedheen ofirraa block godhe Isa waliin hasaa keenya.
itti fufne.....
24/07/2026
Seenaa jaalala dhugaa
Onneen madooftee 😌
Kutaa 3ffaa
[ ] Jaalalleeko kanaa wajjin darbee darbee waliif bilbillee Wal dubbisna turre.
[ ] dhugaa dubbachuuf Akka jechasaaf, Akka afaansaaf waadaan abbaakoof galeef jedheen malee daqiiqaa tokkoofuu kanan irraa fagaadhu miti, bayyema fakkessuu danda'a, jechoonni inni dubbatu hundumtuu bayyee Miira namaa hatu. namni gaariin akkasii dhuguma lafa kanarra jiraayii! namuma addaan argadhe nama jechisiisu. anis barnootakoo itti fufee Waggaa 3ffaa gaafan ga'u Waggaa 1qofti waan naaf hafeef, namni Akka jaalalleekoo kana gaarin lafa kanarra hin jiru nama namaaf yaaduudha,nama namaaf dhiphatuudha, nama baayyema gaariidha jedhee waanan yaaduuf kana booda dhiifaman gaafadha jedheen murtesse. sana booda bilbileefiin Akka keenya duraatti deebina dhiifama naaf godhin ittiin jedhe. sana booda baayyema natti of jaje dhiifama siif hin godhu na miiteetta Nan jedhe. namni gaariin adduunyaa kanarra Isa male hin jiru jedhee waanan of amansiisee jiruf hin nuffine hiriyyota kootti himee isaan illee Akka dhiifama naaf gaafatanin taasise. Sana booda Akka ati barbaadde siif hin ta'u ani.
[ ] Akka ani barbaade naaf taata yoo ta'emmoo dhiifama siin godha Naan jedhe. Anis ana miti diinasaa irrattuu hamaa hin yaada jedhee waanan hin yaanneef tole rakkoo hin qabu dhiifama qofa naaf godhi Akka ati barbaadde siif Nan ta'an jedheen. innis tole jedhee dhiifama naaf godhee Garuu nama kanbiraa wajjin jaalala jalqabdeettaa? yoo ta'emmoo natti himi gaarii hin ta'u walitti deebi'uun Keenya jedheen gaafadhe. Innis lakki an gonkumaa nama kanbiraa jaalladhee hin jiru siif bakka guddaan qaba Naan jedhe anis tole jedheen itti waliif gale jaalala Keenya itti fufne, inni yeroo kana barumsa xumuree gara magaalaa finfinnee deemee dhaabbata breakthrough jedhamu wajjin hojjechuu jalqabe. guyya tokko intalli wahii Karaa fb dhuftee suura jaalalleekoo wajjin kaatee jirtu natti ergite mucaa kana beektaa? Naan jette.anis xiqqoo rifadheen of tasgabbesse eyyeen beeka harmeenkoof harmeensaa obbolaadhan ittiin jedhe! sobee. isheen immoo anaaf immoo jaalalleekoodha ykn Abbaa manaakoodha Naan jette.....
Itti fufa...
23/07/2026
Seenaa jaalala dhugaa
Onneen madooftee😒
Kutaa 2ffaa
[ ] Anis dubbisee bilbilicha gaafan itti darbadhu jaalallee hiriyyakootiiti Isatu bilbilakootiin wajjin hasa'aa ture Isa seetee natti barreessite Naan jedhee mucaa firasaa sana waliin na tasgabbessan.
[ ] Guyyaa kanaa Eegalee na gowwomsu jalqabee inni anatu hin Barre male, guyyama Wal agarree kanaa kaasee inni na sobaa ture. anis reefuu waan Wal agarruuf jechasaa dhugaadha jedheen fudhadhee dhiise gara manaatti gallee.borumtaasa an barumsarra waanan jiruuf sa'aatiin kilasidha ba'utti na eeganii hamma manaatti na geggeesani debi'u Turan mucaa firaasa sana wajjin.
[ ] turtii guyyaa 3 booda jaalalleenkoo gara magaalaa ambootti barumsa waan qabuuf deebi'uf qajeele.anis mucaa firasaa sana wajjin geggeessee konkolaataa qabsiiseen biraa Deebi'e.sana booda Anis simestera xumuree gara maatiin boqonnaaf gale jaalalleekoo kana wajjin Garuu bilbilaan bayyee hasofna turre jaalalleenkoo boqonnaako xumure gara naqamteetti gaafan deebi'u Akka qalabatii naaf gochuu barbaadu natti himee.
[ ] Anis maatii Nan sodaadha Kun akkamitti ta'a gaafan jedhuun gaafa isaan bira jirtu of irraa baasta rakkoo hin qabu Naan jedhe. Dhugaa dubbachuuf an waanuma namni hasa'uufan hasa'a male Gadi fageenyaan Maalummaa jaalalaayyu hin beekun ture, Akkuman Sila isinitti hime umurii Waggaa 5niittan kutaa 1gale sanumaan barnootakoo itti fufee, keessaas hin deebine addanis hin kunne. Anis jaalalleekoo kanaan akkuma qoosaatti tole naf goota rakkoo hin qabun jedheen. Kana gidduutti abbaankoo anumaa boqonnaakoo xumuree gara magaalaa naqamteetti deebi'uuf jedhuu na waame,hanga barnotakee xumurtutti hariiro jaalala kessa akka hin seenne adaraa jedhe waadaa na galchee.
[ ] Abbaakoo bayyeen jalladha. Bayyeen baayyen kabajas waaqatti aanse addunyaa kanarra Naman akkasa jaalladhu hin qabu. Anis abbaakoof tole jedheen waadaa gale.
[ ] Gara barnootakootti deebi'e osoon barachaa jiruu jaalalleenkoo Kun naaf bilbilee guyya akkas akkasii qalabaticha siif gochuun qaba Naan jedhe.
[ ] Anis abbaakoof waadaa waanan galeef Ani qalabatii mitii jaalaluma waan jedhamuyyuu hin barbaadu hangan barnootakoo xumuruttin jedheen, Sana booda hiriyyonnisaa, Mucaan firasaas bilbilaani na waamanii maaliif akkas jettaan hin miidhama inni baayyee si jaallata waan ta'eef Naan jedhan
[ ] Anis Isa hin jibbine garuu hangan barnootakoo xumurutti jaalala waan jedhamu tasuma hin barbaadu jedheen dide, Hariiroon keenyas kanarratti addaan cite.sana booda akkuman barnotakoo itti fufeen anis 12 xumuree interansi milkaa'e asoosaa university na ga'e.sana booda anis deemee barnootakoo ji'oota muraasaaf jalqabe utuun barachaa jiruu barnoota fayyaa asoosaa unversityn waan hin qabneef an immoo barnoota fayyaa barachuu waanan barbaaduuf addaan kutee gara magaalaa naqamteetti deebi'en rifty valley university barnoota fayyaa galmaa'ee barachuuu jalqabe...
Itti fufa...
23/07/2026
Muudannoo kana keessattuu worri Shamarranii Sirriitti dubbisuun Rakkoon kun akka sin hin mudanne jechuun isiniif dhaama.
[ ] Maqaankoo boontuun jedhama kanan dhaladhe godina wallaga lixaa magaalaa gullisootti.
Maati namuusa gaariif kabaja qaban gidduuttan guddadhe.
Umuriinko barnootaaf osoo hin ga'in abbaankoo Waggaa 5 akkuman guuteen gara mana barumsaatti na erge Kutaa 1ffaa na galche.
Yeroo sana KG ykn olman da'immanii hin jiru ture.
Umurii Waggaa 5 niitti kutaa tokkoffaa seene qabxiinkoo gara Kutaa 2ffaa na dabarsuu waan danda'uuf umuriikoo Waggaa 6tti Kutaa 2ffaa seene barumsakoo itti fufe.1-10tti magaalaa gullisoottin baradhe.11fi 12 abbaankoo Mana barumsa gaarii seenee Akkan baradhu waan barbaaduuf gara magaalaa naqamtee na fide mana firaa naaf kireessee barumsakoo itti na fufsiise.
11 xumuree utuun 12 barachaa jiruu Akka tasaa Kara social media (fb) mucaa wallagaa lixaa magala Ayira kan ta'e, barnootaaf immoo amboo rift valley university kan baratu tokko waliin Wal barre.
Sana booda gaaffii jaalalaa naaf dhiyeesse anis tole jedheen gaffii jaalalasaa fudhadhe. sana booda silkiis Wal jijjiiree hasa'uu Eegalle,
Yeroo dhi'ootti inni gara magaalaa naqamtee dhufe qaamaan Wol arginee Akka Wol barru woliif galle,
Hammasittimoo mucaan obboleessa abbaasaatti kan magaalaa naqamtee ta'ee baratu tokko waan jiruuf Isa wajjin Akka Wol arginee Wal barruuf bilbila mucichaa naaf kenne.
Anis bilbileefiin mucicha wajjin wal arge Wal barre.
Mucichis nama tasgabba'safii nama baayyee Amala qabu ture.
Turtii ji'ooata murasa booda jaalalleenkoo kan magaalaa amboo jiraatu Kun na arguudhaaf gara magaalaa naqamtee dhufe.
Mucaa firasaa sana waliin dhufanii anis ba'ee eege.
Guyyaa sana gara Laga sorga deemnee suuraa Kaanee takka bashanannee galuuf gaafa qajeellu bilbila jaalallee kootiin suuraa waan kaaneef suuricha ilaaluuf bilbilasaan harkaa fuudhe.
Utuun suuricha ilaalaa jiruu message waa'ee jaalalaa ibsu tokko bilbilasaarra galeef....
Itti fufa...
27/06/2026
31/05/2026
♧◇Gorsaa fi Ergaawwan adda addaa argachuuf page♤♤ Bilisumma follow godhaa
30/05/2026
♧◇Gorsaa fi Ergaawwan adda addaa argachuuf page♤♤ # Barii Bilisumma follow godhaa
22/05/2026