JIMMA ZONE AYH council

JIMMA ZONE AYH council

Share

kaayyoon keenya dargaggoota fayyaa qabeessa uumuudha

14/11/2025

🩸 Heemoreejik Fiiverii
Dhibee Hamaa Ta’e Garuu Ofirraa Ittisuun Danda’amudha.

Maaliif Heemoreejik Fiiverii jedhame? Hoo'insa qaamaa fi Dhiiga qaama keessa dhangalaasuun waan mul'atuuf.
Kanaafuu Namni tokko yoo ho’a qaamaa fi dhiiguu qabaate, gara buufata fayyaa saffisaan geeffamuu qaba.
Maalitu namatti fidaa? Yeroo hedduu vaayirasiin dhufa.

Fakkeenya vaayirasoota kana keessaa:
❌️Ebola Virus
❌️Lassa Fever
❌️Crimean-Congo Hemorrhagic Fever
❌️Yellow Fever
❌️Dengue Fever
❌️Rift Valley fever
❌️Marburg Virus fi kkf
Dhibeen kunneen biyyoota Afrikaa, Eeshiyaa fi naannoo ho’a qaban keessatti argamu — akkasumas biyyoota akka Itoophiyaa fi naannawa ishee keessatti illee ni mul’atu.

⚠️ Akkamitti Dhibeen Kun Tamsa’a?
Vaayirasoonni garaagaraa karaa garaagaraatiin tamsa’u, garuu haala waliigalaa karaan tamsa’uu danda’u:
🔸️Bineensaa/Wantoota nama hin taane irraa gara namaatti: fkn jaaldeessa, Simbirroo, hantuutaa fi kkf
🔸️Foon bineensota dhukkuba kana qaban nyaachuun yookaan harkaan qabachuun.
🔸️Ilbiisotaan ciniinamuutiin fkn Mosquito kan jedhamtu
🔸️ Nama irraa gara namaatti:
dhiiga, yookaan dhangala’aa qaamaa dhukkubsataa qaqqabuun.
🔸️Aadaa/sirna awwaalaa gorsa fayyaa hin eegne, nama dhukkuba kanaan du’e harkaan qabachuun.

🧠 Mallattoo fi Alamoota Dhibee
Mallattoon Heemoreejik Fiiverii kanaa yeroo hedduu:
🔅Ho’a qaamaa olka’e fi hollachiisuu altokkotti jalqabuu
🔅Mataa dhukkubbii jabaa, qaama caccabsuu
🔅Humna dhabuu, dadhabbii akka malee ykn fedhii nyaata dhabuu
🔅Garaa kaasaa, oldeebisaa fi garaa dhukkubbii
🔅Dhiiguu afaan, funyaan yookaan gogaa irraatti argamu
🔅Ija diimessuu, yookaan keelloo taasisu (jaawundisii)
🔅Yoo didee hammaate : shookii, of wallaalchiisuu, yookaan qaama keessa tokkoo fi isaa ol dadhabuu/organ failure

🏥 Yaalaa fi Qoricha
Dhukkuba Heemoreejik Fiiveriif yerooo hedduu qorichi addaa hin jiru, garuu yaaliin hatattamaan kennamu lubbuu oolchu danda’a.
Yaalaa isaa maal irratti xiyyeeffata:
🔹️Dhiigaa fi dhangala'aa qaama keessaa yaa'ee deebisanii bakka buusuu
🔹️Qorichaan hoo'insa qaamaa to’achuu
🔹️Dhukkuboota biroo dabalataan dhufu malaan ittisuu
🔹️Nama dhukkubsataa sana kophaatti baasuun namoota birootti akka hin dabarreef eeguu.
🔹️Dhukkuboota muraasaaf talaalliin (vaccine) ni jira.

🛡️ Ittisaa fi To’annoo
Ofii fi maatii keetii akkasumas hawaasa kee eeguuf tarkaanfiiwwan armaan gadii fudhadhu:
1. Of eeggannoo dhuunfaa
✅ Dhiiga yookaan dhangala’aa qaamaa nama dhukkubsataa waliin wal hin tuqiin.
✅ Harka kee yeroo hunda bishaan qulqulluu fi Saamunaan (soap) dhiqi.
✅ Yoo nama dhukkubsataa gargaartu giloovii harkaa fi uffata ittisaa/protective clothing fayyadami.

2. Naannoo qulqulleessuu
✅ Mana fi naannoo kee qulqulleessi.
✅ Nyaataa bakka sirriitti cufaa qabu keessa kaa'i
✅ Agoobaraa fi qorichoota ilbiisota balleessan fayyadami.
✅ Biyyee fi bishaan dhaabbataa naannoo kee qulqulleessi.

3. Ittisa hawaasaa
✅ Dhukkuba ho’aa qaamaa fi dhiiguu yoo mul’ate, dafii gara mana yaalaa deemi ykn ministeera fayyaa beeksiisi.
✅ Qajeelfama ministeera fayyaa/Biiroo eegumsa Fayyaa hordofi.
✅ Sirna awwaalchaa yeroo taasisamu ofiikee eegi — qaama du’ee harkaan hin tutuqiin .
By prezdent of Ayh

Photos from Jimma Zone Communication's post 31/10/2025
Photos from JIMMA ZONE AYH council's post 31/10/2025

Hojiirra oolmaa tarsiimoo fayyaa fi milkaa'ina hojiiwwan misoomaa keessatti qooda fudhannaan dargaggootaa murteessaa dha.
***
Ministeerri Fayyaa FDRI hirmaannaa fi fayyadamummaa dargaggoonni hojii fayyaa keessatti qaban dabaluuf Manneen Maree Fayyaa Dargaggootaa sadarkaa gara garaatti hundeessaa jira.

Kaayyoon hundeeffama mana maree fayyaa dargaggootaa kunis, dargaggoonni karaa gurmaa'een hojii fayyaa keessatti, keessaayyuu fayyaa wal hormaata dargaggootaa irratti hubannoo gahaa argatanii barnootas akka kennanii fi akkasumas hojiiwwan misoomaa keessattis adda durummaan akka hirmaataniif akka ta'e Waajjira Fayyaa Godina Jimmaatti Qindeessituun sagantaa fayyaa wal hormaata dargaggootaa, haadholii fi daa'immanii Aadde Na'iimaa Tamaam himaniiru.

Godina Jimmaattis bakka dargaggoonni Aanaalee Godinichaa irraa filamanii dhufan argamanitti manni marechaa kan hundaa'e yemmuu ta'u, kaayyoo hundeeffama mana marechaa fi barbaachisummaa akkasumas faayidaa isaa irratti hubannoon karaa dura taa'aa mana maree fayyaa dargaggootaa Ministeera Fayyaa FDRI Doktar Gammachuu Aabbuu himanii jiru.

Manni maree fayyaa dargaggootaa kun sadarkaa biyyaa irraa kaasee hanga gandootaatti ijaaramee hojii hubannoo wal hormaata fayyaa dargaggootaa fi hojiiwwan misoomaa biroo irratti kan hojjetu ta'uunis ibsameera.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Jimma?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Website

Address

Oromia
Jimma
0000