Motuma zemecha

Motuma zemecha

Share

‎🗣Don't forget the life you promised yourself!!!!
‎

09/07/2026

Haalli qilleensichaa dhoqqonumaa ta'e fakkata jaranaa.
Namaa hin qabamu,Ni mucucaata. Roobe utuu jedhanii, gidduutti immoo duumeessi biftuuf dabaree gadhiisa; biftuuf duumeessi dhadhaaf mataa walif ta'anii jiruu. Dabaree irrattis wal hin lolaanii, kabajumaan walif dabarsuu. Amayyuu garuu huriin gareen irra ol aaruu, bulukoo jaarsaa Oromoo durii miicaa tole fakkaatee suuta gargar ya'aa jira.

Dacheen kan itti dhufee hundaa fudhachuudhaaf qophiitii waan jirtuu fakkaatti.

Roobnis ta'e aduun kan ol dhufan ishee biratti jaalalaan simaatamuu. Hundaa dandeessee jaalalaan mootee of irra jiraachifti. Ofirraa qofaas miti. Dacheen of keessaa ka'us beekti. Garaa dachee kunigaa hayyoota danuu, gootota hedduu of keessatti qabatee jirtii. Namni gaafa lubbuun jiruu irra dachee, gaafa lubbuun darbumoo keessa dachee, garaa dachee keessa marmaaratee ciisaa.

Dacheen kanaaf haadhatti fakkeeffamtee dandeessuu jedhamtee waamamti.
Dacheenis akkumaa haadha dugdaa isheerratti nu baataa olti. Gaf tokko garaa isheetti nu baachuun ishee hin hafuu. Kunis amalaumaa haatii qabdudha. Duraa-duubaa isaati wal jalaa darbaa malee jechudha. Dacheen erga nutii duunee garaati nu baatii. Haatii garuu akka nutii dhalanuuf garaati nu baatii. Haatii garaati nu baattee nu deessee, dacheen amoo gaafa tokko garaa ishee keessa nu kewachuun ishee hin hafuu. Kanaafuu... Yeroo yeroo qabdutii jabaadhuu
godhaa yoo sinitii tole

Telephone

Website