Bore health office

Bore health office

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Bore health office, Health/Beauty, Bore, Oromia.

Photos from Bore health office's post 09/07/2026

‎Leenjiin Hubannoo Proojeektii Waadaa Soqoxaa Hojii Nyaataaf, Sirna nyaataa Cimsuu qooda fudhattootaaf kenname!
‎
‎Adoolessa 01/2018(Booree):- Godina Gujii Aanaa Booreettii Leenjiin Hubannoo Cimsuu fi Qajeelfama Haaraa Hubannoo Proojeektii Waadaa Soqoxaa Hojii Nyaataaf, Sirna nyaataa Cimsuu Jireen Teknikaa Aanaa fi Gandoota Deeggarsi Proojektichi Keessatti kennamaa jiruuf I/G/Waajjira Fayyaa Aanaa Booree Obbo fi Sekteeriyaatii Sirna Nyaataa waajjira bulchiinsaa Obbo argamuun Kaayoon hubannoo kanaa akkaataa quucarummaa Daa'immanii ittiin ittisan, dubartoota ulfaa fi hoosiftoota, Waldaa walgargaarsa hawaasaa, waldaa qaamaan miidhamtootaa, akkasumaas maanguddoota humna hin qabne cinaa dhaabannee jajjabeessuun akka danda'amu irratti kan xiyyeeffatu akka ta'e ibsuun , qooda fudhattoonni leenjii kana fudhattan hundi xiyyeeffannoon hubannoo kennameef kana qabatamatti gandootni proojeektichi keessatti geggeeffamaa ture qabatamaan hojiitti jijjiruu akka qaban kaasuun deeggarsa barbaachisu hundaan Koreen Teknikaa hanga sadarkaa gandaa jiran dhaabadhuu akka qabanis himuun
‎
‎Sanadni gabaabaan hubannoo cimsu gama Ogeessa Waajjira fayyaa Sanaa Booree Obbo dhiyaachuun mariin bal'aan qooda fudhattootaan gaggeeffamee kallattiin waliigalaas ni ka'ama jedhaniiru.

Photos from Bore health office's post 27/06/2026

‎ Booreetti Leenjii hojii Eegumsa Fayyaa dhukkuba Tiraakoomaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate "Clean Face, Clean Enviaroment path to sustaining trachoma eliminetion projekt" dhaabbata SNV Netherlands Development Organization qophaa'e qooda fudhattootaaf Guyya 3 kennamuu jalqabamee.
‎
‎ 20/2018
‎
‎Godina Gujii Aanaa Booreetti Leenjii hojii Eegumsa fayyaa dhukkuba Tiraakoomaa dhabamsiisuu irratti xiyyeeffate; dhaabbata SNV Netherlands Development Organization qophaa'e qindoomina waajjjira Fayyaa fi Barnootaa Aanichaatiin qooda fudhattoota Bulchoota gandaa fi Barsiisota gandootaa fi daarekteroota fayyaa kennamuuf Iddoo Itti Gaafatamaa Waajjira Fayyaa Obbo fi Itti gaafatamaa garee Regulatory Obbo Alammayoo Guuyee fi garee DPC Obbo Iyyoob Goodanaa argamanitti ifaan jalqabamee Jira.
‎ # Obbo Gammachuu Duubee baaninsaa taasisaniin irraattii leenjichi gandootaa fi manneen barnootaa keessati hubannoo babaldhisuun dhukkuboota daddarboo fi sababa qulqullina naannoo fi dhuunfaatiin dhufan dhabamsiisuu waan ta'eef, qooda fudhattootni leenjii kana Fudhachuuf gadi bu'anii xiyyeeffannoo cimaa Akka keenaanii himaniirruu.
‎

Photos from Bore health office's post 26/05/2026

‎𝐄𝐫𝐠𝐚 𝐁𝐚𝐠𝐚 𝐀𝐲𝐲𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐈𝐢𝐝-𝐀𝐥 𝐀𝐝𝐚𝐡𝐚𝐚(𝐀𝐫𝐚𝐟𝐚𝐚) 𝐛𝐚𝐫𝐚 2018 Hawaasa Muslimaatiif dabre.
‎
‎Waajjira Fayyaa Aanaa Booree
‎
‎ Caamsaa 18/208
‎
‎ Ergaa baga geettanii 𝐈𝐭𝐭I Aanaa Hoogganaa Waajjjira Fayyaa Aanaa Booree Obboo Gammachuu Dubeen dabre
‎
‎Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Aanaa keenyaa fi biyya keenyaa hundaan baga guyyaa kabajamaa ayyaana Iid Al Adahaa (Arafaa) waggaa 1447ffaa nagaan geettan.
‎
‎Hawaasni musliimaa ayyaana kana yeroo kabaju wal gargaaruu fi tokkummaan kabajuu akka qabu dhaamaniiru. Ayyaanni Arafaa faayidaa amantaatiin ala hawaasa gidduutti duudhaa walgargaarsaa fi wal kabajuu caalmatti kan babal’isu ta’uu ibsan.
‎
‎Dhumarraattis biyyi teenya jijjiirama roga Fayyaatiin eegalte cimsitee akka itti fuftu,Walgargaaruu, walkabajuun, tokkummaan cimnee, Fayyaa keenya akka eegganu fi Ayyaanichi Ayyaana Milkii akka tahu ergaa baga geettanii dabarsanii jiru.
‎Irra deebiin baga geettan.
‎ Fayyaa Aanaa Booree

Photos from Bore health office's post 21/03/2026

Duula Talaallii Pooliyoo Qindaa'aa Marsaa 5ffaa Daa'immaan Umrii Waggaa 5 Gad Ta'aniif Manaa Manatti Kennamuuf Qooda Fudhattootaaf Orreenteshiiniin Kennamaa Jira.
‎
‎Bitootessa 12/2018(Booree):Godina Gujii AanaaBooreetti Qindaa'aa Marsaa 5ffaa Daa'immaan Umrii Waggaa 5 Gadiitiif Bitootessa 18_21/2018 tti Manaaf Manatti Kennamuuf Ogeeyyii Waajjira Fayyaa,Daayireekteroota Buufataalee fi Ekteeshiinii Fayyaatiif Kennamaa Jira.
‎
‎Saganticharratti Argamuun Haasaa Baniinsaa Kan Taasisan Hoogganaa Waajjira Fayyaa Aanaa Booree Obbo fi Qindeessaa Adeemsa Fayyaa Maatii Waajjirichaa Obbo Akka Jedhanitti Imaammatni fayyaa Biyya Keenyaa Inni Jalqabaa Dhibee Daddarboos Ta'ee Daddarboo Hin Taane Ittisuuf Karoorfatee Hojjataa Kan Jiruuf,Lammii Fayya-Qabeessa Ta'e Horachuu fi Misooma Barbaadamu Akka Biyyaatti Fiduuf Fayyaarratti hojjachuun Murteessaadha Jedhani.
‎
‎Caasaan Qaama Daa'immaanii Bilchinnii fi Dandeettiin Dhibee Ofirraa Ittisuu Isaanii Dadhabaa Waan Ta'eef Dhibeewwaan Daddarboo fi Maxxantuuwwaan Adda Addaarraa Ittisuuf Talaallii Pooliyoo Talaalchisuun Dhimma Filannoo Hin Qabneedha.
‎
‎Akkasumas Pooliyoon Dhukkuba Daddarbaa Harkaa fi Miila Laamisheessu Du'aatiif kan Daa'immaan Saaxilu Waan Ta'eef Daa'immaan Kanaan Dura Talaallii Pooliyoo Kanneen Eegalanii Adda Kutanii fi Kanneen Hin Eegalin Adda Baasuun Akka Talaallaman Kan Taasifamuuf Hojiilee Talaallii Pooliyoo Waliin Wal Qabatan Hunda Kan Haammatu Ta'uu Kaasuun, Duulichi Manaa Manatti Kan Geggeeffamu Ta'uus Himaniiru.
‎
‎Kanaaf Maatiin Itti Gaafatamummaan Itti Dhagahamu Fayyaa Daa'immaan Isaanii Eeguuf Qulqullinna Dhuunfaa fi Naannoo Eeguudhaan Tattamsa'inna Dhibee Daddarboo Ittisuuf Gahee Isaanii Akka Bahatan Dhaamuun Barreeffamni Hubannoodhaaf Ta'u Gama Qindeessaa Fayyaa Maatii Waajjira Fayyaa Aanaa Booree Obbo Dhiyaachaa Jira.
‎
‎ 'immaaniiti.!
‎ .!
‎

‎

19/03/2026

ለመላው የእስልምና እምነት ተከታዮች እንኳን ለ1447ኛው የዒድ አልፈጥር በዓል በሰላም አደረሳችሁ!

!

03/02/2026

ማስታወቂያ
ለጤና ባለሙያዎች በሙሉ

ጤና ሚኒስቴር የጤናና ጤና ነክ ተቋማትን የአገልግሎት አሰጣጥ ደህንነትን እና ጥራት ለማሻሻል ዘርፈ ብዙ የቁጥጥር ስራዎችን እያከናወነ ይገኛል። በዚህ መሰረት የጤናና ጤና ነክ ተቋማት እና ባለሙያዎች ቁጥጥር መሪ ስራ አስፈፃሚ የቁጥጥር ዘርፉን አቅምና ውጤታማነት ለማሻሻል ከሚሰሩ ስትራቴጂካዊ እርምጃዎች ውስጥ አንደኛው የጤና ቁጥጥር ስርዓትን ዲጂታላይዝድ ማድረግ ነው።

ስለዚህ ይህንን የቁጥጥር ስራ ለመስራት ማንኛዉም በጤናው ዘርፍ የሚሰሩ የጤና ባለሙያዎች ከዚህ በታች በተዘረዘሩ መስፈርቶች መሰረት ይህ ማስታወቂያ ከወጣበት ቀን ጀምሮ ለተከታታይ 20 ቀናት ከዚህ በታች የተቀመጠዉን ማስፈንጠሪያ በመጫን መመዝገብ የምትችሉ መሆኑን እናሳዉቃለን።

https://forms.gle/fV4vKAJLtQ24M6x28

መስፈርት
▫️ በጤና ተቋማትና ባለሙያዎች የቁጥጥርና ሌሎች ስራዎችን በተመለከተ ዘርፉን ለማገዝ ፈቃደኛ የሆነ/የሆነች
▫️ እውቅና ካለው የከፍተኛ የትምህርት ተቋም የተመረቀ እና የታደሰ የሙያ ፈቃድ ያለው/ያላት
▫️ ከሚሰሩበት ተቋም በተመደቡበት ሙያ የስራ ልምድ ማስረጃ ማቅረብ የሚችል/የምትችል
▫️ ከሚሰሩበት ተቋም የእውቅና/የድጋፍ ደብዳቤ ማቅረብ የሚችል/የምትችል
▫️ የመስመር ላይ (Online) ስልጠና ለመውሰድ ፈቃደኛ የሆነ/የሆነች

ተፈላጊ የትምህርት ዝግጅት

1. ስፔሻሊስት ሃኪም
2. ጠቅላላ ሃኪም
3. ጤና መኮንን
4. ላቦራቶሪ
5. ፋርማሲ
6. አንስቴቲስት
7. ነርስ
8. ባዮሜዲካል ኢንጂነር
9. ራዲዮሎጂ ቴክኖሎጂስት
10. ሚድዋይፈሪ
11. የኣካባቢ ጤና አጠባበቅ ባለሙያ
12. ሌሎች የጤና የሙያ ዘርፎች

ማሳሰቢያ፡-
▫️ አመልካች የትምህርት ማስረጃ/ዲግሪ፣ የስራ ልምድ፤የሙያ ፈቃድ እና ከቁጥጥር ስራው ጋር ተያያዥነት ያለው የስልጠና ሰርተፊኬት ካለ በPDF ማያያዝ ይኖርበታል
▫️ በጤና ተቋማትና ባለሙያዎች የቁጥጥር፤የክሊኒካል ኦዲት ስራ እና ጥራት/quality Improvement ላይ ተሳትፎ የነበረው ይበረታታል
▫️ ለበለጠ መረጃዎች [email protected], [email protected]

Website: moh.gov.et
Facebook: Ministry of Health,Ethiopia
Twitter: x.com/fmohealth
YouTube: youtube.com/
Tiktok: tiktok.com/
Telegram: t.me/M0H_EThiopia
Linkedin: lnkd.in/ewFJ6VAB

18/01/2026

Baga Ayyaana Cuuphaa bara 2018 nagaan geessan. Ayyaana Gaarii!

06/01/2026

Hordoftootni amantaa Kiristaanaa marti baga Ayyaana yaadannoo Dhaloota Iyyasuus Kiristoos bara kan 2018 geessan!

Of-eeggannoo yeroo ayyaanaa gochuu qabnu:

✓Nyaata haalan bilchaateefi qulqullina qabu nyaachuu.
✓Kuduraaf muduraa nyaachuu keenyan dura sirnaan miicuu/ qulqulleessuu
✓Nyaata Coomaa, sukkaaraafi soogidda of keesssaa qaban xiqqeessuu
✓Nyaata humnaa ol nyaachuufi alkoolii humnaa ol fayyadamuu dhiisuu
✓Qulqullina harka keenyaa eeggachuu ( Harka keenya sirnaan dhiqachuu)
✓Yeroo konkolaachisnu akkasumas daandii irra sochoonu of-eeggannoo taasisuu, dhugnee kankolaachisuu dhiisuu.

Hub:- Dhukkubbiin ykn balaan tasaa kamuu yoo nurra, maatii akkasumas ollaa keenya mudate dafnee gara dhaabbata fayyaa deemuu qabna.

Biiroo Fayyaa Aanaa Booree

03/01/2026

Dhukkuba Daranyoo Sombaa (Tiibii)

Dhukkubni daranyoo sombaa dhukkuba daddarbaa baakteeriyaan dhufuudha. Irra caalaa sombaa keenya miidha.

Eenyyutu caalaatti saaxilama?
✓Daa’imman waggaa 5 gadi
✓Maanguddoota waggaa 64 oli
✓Namoota HIV/AIDS waliin jiraatan
✓Namoota dhukkubsataa Tiibii waliin jiraatan

Akkamitti namatti daddarba?
✓ Yeroo namni dhukkubicha qabu Qufa'uu karaa qilleensa nutti daddarba.
✓Aannaan beeyladaa osoo hin danfisin dhuguu

Karaalee Tiibiin ittiin hin daddarbine.
✓Nagaa wal gaafachuun
✓Uffata walii uffachuun
✓Waliin nyaachuun hin daddarbu

Mallattoolee dhukkuba Tiibii
✓ Qufaa torban lamaa ol namarra ture
✓Ho’a qaamaa
✓ Halkan halkan nama dafqisiisuu
✓Ulfaatinni qaamaa hir’achuu
✓ Miira dadhabbiifi fedhii nyaataa dhabuu

Akkamitti ofirraa Ittisna?
✓Mallattoolee asiin olitti jedhame yoo ofirratti ykn maatii keenya irratti argine dafne mana yaalaa deemuu.
✓Qoricha ogeessan nuuf ajajame guutuun guututti fudhachuu
✓Yeroo qufaanu ciqilee keenyan Afaan cufachuu
✓Yeroo qufaanu akkee bakkeetti tufuu dhiisuu
✓Kutaa jiraannu keessa qilleensi gahaan akka galu taasisuu.
✓Nyaata madaalamaa nyaachuu
✓Tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu dhiisuu

Maatiin dhukkubsataa maal gochuu qaba?
✓Qoricha akka adda hin kutne hordofuu
✓Nama mallattoo asii olii kana qaban qorachiisuu
✓Manni jireenyaa keenya qilleensa gahaa akka qabaatu taasisuu.

Fayyaan Faaya
Biiroo Fayyaa Oromiyaa

Category

Website

Address

Bore
Oromia

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bore health office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Oromia.