Muudana FUTA Xuuxo
Fida Xuuxo
21/07/2026
Seenaa dhugaa fi gabaabaa Abdii Mohaammad Yusuuf (Abdii Qophee)
1. Dhaloota fi Barnoota
Bara 1939 Baha Harargee, Aanaa Dadaritti dhalate.
Maqaan dhalootaa Abdulwahaab yoo ta'u, booda Abdii jedhame.
Yuunivarsiitii Finfinneetti barataa seenaa osoo jiruu ari'ame.
2. Moggaasa Maqaa
Raadiyoo Harar keessatti qophii Afaan Oromoo jalqabe.
Sagantaa abdii kennu qopheessuun "Abdii Qophee" jedhame.
Beeri isaan "Insaayikiloopidiyaa Afaan Oromoo" jedhamuun waamame.
3. Gumaacha Artii
Weellistoota bebbeekamoo hedduuf walaloo fi yeedalloo barreesse.
Sirbi isaa inni beekamaan "Bareedduu Baadiyaa" jedhama.
4. Qabsoo fi Mana Hidhaa
Qabsaa'aa gameessa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ture.
Sirna Hayila Sillaasee, Dargii, fi ADWUI jalatti hidhame.
5. Boqochuu Isaa
Gidiraa mana hidhaatiin dhukkubsatee bara 2003 boqote
08/05/2026
Walaloo Gabaabaa kan dubbiisi Ergaa cimtu qabdii mata dureen issaa :
"Angoo moo Kabajaa?"
Angoon gumaa fooni, harka namaa dhiibdi,
Namni hamilee hin qabne, dhugaa sobaan jiibdi.
Akkasitti hin deebi’an, maqaa namaa balleessanii,
Maatii ofii gatanii, angoo qofaan kajeelanii.
Siyyasa jechuun shiraa? Moo uummata tajaajiluu?
Namni ragaa sobaa qindeessu, harka Rabbii hin mililluu.
Hogganaan dhugaa dhabe, malkaa deemutti dhama’a,
Dubbiin kee tan kibeensaa, dhuma irratti si gubba’a!
AKKA YADDA KOOTI:
"Siyyasa jechuun dhaloota guddinaa fi amanamummaan ijaaruu dha malee, shira qindeeffatanii nama dhugaan hojjatu kuffisuu miti. Namni angoof jedhee maatii isaa fi dhugaa dagate, dhuma isaa uummanni fi Rabbiin ni arga. Haqni ni qallatti malee hin Ciittu!"
dubbiisu keessanif galatooma.Shira wal irrattii ofuu Dhiifne Dhugan garaa qulqulluun Biyyaaf haa hojjanuu!!
Afooyina lilaah
Afooyina lilaah
29/03/2026
Nama sirreeffamuu hin barbaanne sirreessuu hin dandeessu, garuu sirreessuuf yaaluun jireenya kee balleessuu dandeessa
Category
Website
Address
Oromia
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Muudana FUTA Xuuxo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.