Oro family
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Oro family, Shambu.
31/08/2026
Eshii, maal jedhu ani?? ๐ฅน
Jechi isa ibsu tokko illee hin jiru bar! ๐ญโค๏ธ
Mucaan kun ๐ Diamond Gurraacha keenya ๐ค dha.
Mucaan kun lafee dugdaa Seexanoota Diddimoo dha ๐๐ฅ
Mucaan baayโee tasgabbaaโaa dha! ๐ฎโ๐จ
Sarara gidduu keenya akkuma samiitti uwwisa bar! ๐ฅ๐ซก
Warqee keenya Kobbie Mainoo ๐ค๐
Nuti baayโee si jaallanna! ๐ซกโค๏ธโ๐ฅ
Ni yaadattu mitii? Isa Thomas Tuchel yeroo Waancaa Addunyaa isa inni bench irra kaaโaa ture sanaโฆ ๐ฅน๐ฅฒ
Ijoolleen Maanchee koo, mucaa kana jecha tokkoon ibsaa mee: ___________ โ๏ธ๐ฅ
KOBBIE MAINOO ๐ฅถ๐๐ฅ
19/07/2026
Yoo Mesiin Waancaa Addunyaa biraa illee mo'ate, anaaf GOAT miti." โ Rio Ferdinand ๐โ
Gaaffii Gaazexeessaa: "Rio, yoo Li'oneel Mesiin Waancaa Addunyaa biraa mo'ate, inni taphataa kubbaa miilaa seenaa keessatti isa hunda caalu (GOAT) ta'uu ni amantaa?"
Rio Ferdinand: "Yoo Mesiin Waancaa Addunyaa biraa illee mo'ate, yaadni koo hin jijjiiramu. Anaaf Kiristiyaanoo Ronaaldoon ammallee taphataa seenaa keessatti isa hunda caalu (GOAT) dha."
Lakkii namni keenya bakka jiruu jajjabaachaama jiraa, ๐ akkas taanaanoo anis hin amanu maal beekumsa kubbaa miillaa koo isa kamiinin Rio caalee ati dogoggorteetta jedhaan beqa Cris hulem GOAT ๐ nw ... kanuma โ๏ธ
18/07/2026
: Maaliif maqaan โYaamaalโ maqaa abbaa isaa hin taane?
Seenaa nama ajaa'ibu duuba isaa jiru
Urjii dargaggeessi Baarseloonaa fi garee biyyaalessaa Ispeen keessatti dandeettii isaa addunyaatti agarsiisaa jiru Laamiin Yaamaal, namoonni hedduun maqaan "Yaamaal" jedhu maqaa maatii (maqaa abbaa) isaa akka ta'e yaadu. Garuu dhugaan isaa kana irraa adda ta'eedha.
Maqaan seeraan galmaa'e guutuun isaa Lamine Yamal Nasraoui Ebana dha. Nasraoui maqaa abbaa isaa, lammii Morookoo Muniir Nasraoui irraa kan dhufe yoo ta'u, Ebana immoo maqaa haadha isaa, lammii Equatorial Guinea Sheila Ebana irraa kan dhufe dha.
๐ค Egaa maaliif maqaawwan "Nasraoui" yookaan "Ebana" osoo hin taane, "Lamine Yamal" qofa fayyadama?
Deebiin isaa seenaa nama boonsu keessaa tokko dha.
๐ค Kennaa michummaa fi namoota yeroo rakkinaa bira dhaabatan
Laamiin Yaamaal osoo hin dhalatin dura, maatiin isaa Kaataalooniyaa, Ispeen keessatti rakkoo dinagdee cimaa keessa turan. Kiraa mana isaanii kaffaluu illee dadhabanii yeroo rakkachaa turanitti, michoonni isaanii lama isaan gargaaran. Namoonni sun kiraa mana isaanii kaffalanii fi deeggarsa guddaa isaaniif taasisan.
Maqaan namoota gargaarsa kana taasisanii sun Laamiin fi Yaamaal ture.
Haati fi abbaan Laamiin Yaamaal hojii gaarii isaanii kana dagachuu hin barbaanne. Kanaafis, "Yoo ilma dhiiraa arganne, maqaa keessan lamaan isaaf ni moggaasna" jechuun waadaa seenan.
Yeroo mucaan isaanii dhalates waadaa isaanii eeganii maqaa isaa Laamiin Yaamaal jechuun moggaasan.
Kana jechuun "Laamiin Yaamaal" maqaa jalqabaa lama (Double First Name) qaba jechuudha; maqaa maatii isaa miti.
๐ Hiika maqaa isaanii
Afaan Arabiffaatti:
- Al-Amin (Laamiin) jechuun "Amanamaa" jechuu dha.
- Jamaal (Yaamaal) jechuun "Bareedina" yookaan "Miidhagina" jechuu dha.
๐ Maaliif maaliyaa isaa irratti "Lamine Yamal" barreessa?
Laamiin Yaamaal yeroo kubbaa miilaa keessatti milkaa'ina guddaa argate, namoota osoo inni hin dhalatin maatii isaa yeroo rakkinaa gargaaran kabajuuf
14/07/2026
Gaazexeessaa ๐ฃ๐: Mbappรฉ tapha guddaa kana dura waan haaraa takka dubbatte jirta jechuun odeeffannoon ba'eera Dhugumaan maal jette? ๐ค
Mbappรฉ ๐ฃ๐: Eeyyee! Har'a waan tokko qofa jechuun barbaada Ani akka waan "saba Oromoo Qulqulluu" irraa buqqa'eetti natti dhaga'ame Kanaaf arra saba moronoo kanaaf sagalee haa taanu jedheen yaada jira ๐
Gaazexeessaa ๐ฃ๐: Ati jechuun Oromoo hunda akka si deggaran waamicha goote jechuudhaa?๐ค
Mbappรฉ ๐ฃ๐: Sirriitti! Har'a Oromoo hundi nu deggaruun cinaa keenya haa dhaabbatu Jaalalli fi deeggarsi isaanii huddu takka na gammachiisa ๐
Gaazexeessaa ๐ฃ๐: Kun dhugaa moo qoosaa?๐ค
Mbappรฉ ๐ฃ๐: Qoosaa miti saba qulqullu Oromoo irra buqqa'e saba moronoo ta'e hundeffamee kun saba carraqata qulqullu waan taheef saba kanaaf sagale tahuun akkan Barbachisadha ๐
07/07/2026
Cristiano Ronaldo jechuun nuuf taphataa qofa miti.
Manchester United keessatti argine, Real Madrid keessatti dinqisiifanne, Juventus keessatti hordofne, Al-Nassr keessatti illee isaaf jennee tapha Arabaa ilaalle.
Portugal akka biyya keenyaatti deeggarre; yeroo injifatan gammane, yeroo kufanis cina isaanii dhaabbanne.
Har'a waancaa keessaa bahuun isaanii nu gaddisiisuu danda'a. Garuu jaalalli keenya hin jijjiiramu.
Cristiano ronaldon simboo kubbaa miilaa fi seenaa hin dagatamne dha. ๐๐ต๐นโค๏ธ
24/06/2026
๐ Ronaldo Jechuun Nama umurii isaa xinnootti shaakala booda waan nyaatu dhabee hambaa namootaa hotel irra deemee illee naa laadhaa jechuuf nama sodaatu ture. ๐๐
๐ Ronaldo jechuun Mucaa hin dhalatiin jedhamee abortion ta'uuf dhuma irra gahee turedha. ๐
๐ Ronaldo jechuun umurii dargaggummaa isaatti biyya isaaf waancaa addunyaa osoo taphatuu du---a abbaa isaa dirree keessatti kan dhaga'e dha ๐ฅบ๐ต๐น
๐ Ronaldo jechuun Yeroo Abbaa isaa du--aan of biraa dhabe sanatti Manchester united keessatti taphattoota kanneen akka Ruud van Nistelrooy dhaan itti qoosamaa turedha. ๐ข๐๏ธ
๐ Ronaldo jechuun Mucaan isaa dhalattee ji'a osoo hin guuteen du---aan kan of biraa dhabedha. ๐๐ถ
๐ Ronaldo jechuun Portugal biyya jedhamtu qophaa isaa dugda isaatti baatee champion Europe kan godhedha. ๐๐๐ต๐น
๐ Ronaldo jechuun Nama dhiiga isaa namootaaf arjoomudha. โค๏ธ๐ฉธ
๐ Ronaldo jechuun alcohol fi tattoo faana nama Wal hin beeknedha. ๐ซ๐ท
๐ Ronaldo jechuun Golden boot isaa tokko daa'imman Palestine keessatti rakkataniif nama arjoomedha. ๐๐ต๐ธ
๐ Ronaldo jechuun Hotel isaa Morocco keessa jiru gaafa biyyatiin kirkira lafaan dhahamte Namoonni nannichaa achi keessa akka galanii turan nama godhedha. ๐จ๐
๐ Ronaldo jechuun Ballon d'Or isaa jalqaba injifate charity dhaaf nama kennedha. ๐โค๏ธ
๐ Ronaldo jechuun dollar 83k baasee nama lubbuu daa'ima tokkoo du--a irraa oolchedha. ๐ต๐
๐ Ronaldo jechuu Turkey Fi Syria tti yeroo kirkirri lafaa hamaa kahe sana xiyyaara isaa Bilisaan UN'f kennee itti Tajaajilamaa nama jedhee kennee turedha. โ๏ธ๐
๐ Ronaldo jechuu Yeroo pandemic corona sana hospital'oota Portugal keessa jiraniif yuuroo mil 1 ol nama kennedha. ๐ฅ๐ท
๐ Ronaldo jechuun Uummanni Nepal yeroo rakkoo keessa turetti nama yuuroo mil 7 arjoomedha. ๐ณ๐ตโค๏ธ
Oolmaa inni kubbaa miilaaf oole world cup bara kanaan deebi'uufi qaba ๐ฅบ๐
21/06/2026
โHundi keenya yeroo dhaabbatan gaddi nutti dhagaโamaโ โ Thierry Henry
Taphataan duraanii Faransaay Tiyerii Heenrii Liyooneel Meesii fi Kiristiyaanoo Roonaaldoo wal bira qabuu akka hin barbaanne dubbateera.
Waaโee Kiristiyaanoo Roonaaldoo fi Liyooneel Meesii yeroo dubbatu, โAnaaf kubbaa miilaa qofa mitiโ jedheera.
โDandeettiin isaan qaban caalaa sadarkaa olaanaa irra turuu, walsimannaa isaanii fi akkaataan itti hojjetan, baayโeen ajaaโibsiifadha,โ jedha Tiyeer Heenrii.
Roonaaldoo moo Meesiin yeroo gaafataman? โTaphattoota gurguddoo lamaan kana maaliif wal bira qabuuf yaalla?โ jedhe.
โLamaan isaanii waliin haa bashannannu,โ jedhe Tiyeer Heenrii, โSababni isaas yeroo isaan tapha dhaaban hundi keenya gaddi nutti dhagaโama.โ
Itti dabaluudhaanis, "Erga boottii isaanii fannifatanii boodas wal bira qabuu hin barbaadu; Roonaaldoo Meesii barbaachise, Meesiin immoo Roonaaldoo barbaachise" jedheera.
21/06/2026
โ
Gareen Biyyaalessa Poorchugaal ammaa Nama raajessu!. Ilaalchi fi kabajni taphattoota dhalota duraani fi ammaa CR7'f qaban kan daran wal faallessudha.
โ
taphattoonni CR7 waliin taphatanii bara 2016 yuuroo injifatan haalli isaan Mooticha Poorchugaal beeksiseef qaban adda ture. bara sana yeroo Porchugaal Faransaayin injifattee waancaa injifattu taphattoonni turan waan dubbatan qabu.
โ๏ธ "Roonaaldon miidhamee jijjiiramee ba'uuf yeroo jedhu,imimmaan buusee boo'aa tapha itti fufuu hin danda'u naan jedhe.' Anis hin dhiphatin,siif jecha waancaa kana ni injifanna,na amanin jedheen." Naanii
โ๏ธ"CR7 miidhamee gaafa dirree keessatti kufu taphattoonni keenya guutun taphaticha isaaf jecha akka injifatan kakatanii waadaa seenan" Peeppee
โ๏ธ "CR7 teessoo Jijjiirraa irrallee taa'ee garee isaa jajjabeessuu fi si'eessuu hin dhiisne. Inni taphataa filatamaa addunyaa kanaati. "Rikaardoo Kaaresmaa.
โ๏ธ"CR7 iddoo Leenjisaan dhaabatu iddoo teekinikaal dhufee irra deddeebin Sagalee Ol kaasee yeroo iyyaa ergaa nuuf dabarsaa turetti akka Manaajarri 2ffaan dirree seenetti natti dhagahame ture." Rafaa'el Gureeraa.
โ๏ธ "Poorchugaal waancaa kana akka injifattu(Yuuroo2016) fi galchii mo'achiisu akkan galchuu danda'u CR7 dursee natti himee ture." Edar ...taphataa gaafas galchii galchetu dubbate.
โ
Gama biraan taphattoonni dhaloota ammaa seenaa taphatichaa hubachuu hin dandeenye kanneen akka Jo'aa Neeves ammoo "CR7 waan garee keenyaf godhe ni beekna garuu amma inni taphattoota kaan irraa adda miti "jedha.
โ๏ธAni gama kootin gaafuma Roonaldon kubbaa dhaabu ykn garee biyyaalessaaf hin taphadhu jedhu tapha GB Poorchugaal jedhamtu daawwachuu dhaaba.taphattoota ofittoo,warra ana malee jettu,taphattoota yeroo taphataan biraa galchu itti hin tolle totally warra inaaffan guutamte dha. Kanatu garee Biyyaalessa isaanii duubatti gambise.
20/06/2026
๐ฅฐ
Click here to claim your Sponsored Listing.