Mone Balcha
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mone Balcha, Health/Beauty, Ambo, Shewa.
ATIS NII DANDEESSA!
Bara 1939 ALA ture. Joorji Daalzigii jedhama. Barataadha. Gaaf tokko barfatee mana barumsaa deeme. Yeroo inni daree seenu barsiisaan istaatiksii barsiisee ba'eera. Gaaffiilee lama kan barsiisichi barreesse gabatee gurraacha irra jiru. Daalzigiin gaaffilee sana lamaan barreeffatee gara doormii isaatti deebi'e.
Gaaffilee sana hojjechuun salphaa hin turre. Yaalii guddaa booda hojjete.
Akkuma hojjeteen gara biiroo barsiisaa isaatti geesse. Kutaa dhiphoo waraqaan itti guute keessa ture barsiisichi. Quba isaan argisiisaa, "Achi irra kaa'ii deemi!" ittiin jedhe. Kaa'eefii deeme.
Bor ganama balballi rurukkutame. Ka'ee baneef. Barsiisaa istaatiksiidha. Ni rifate. Barsiisaan akkamitti doormii dhufa? Akkuma inni balbala baneen barsiisaan isaa dubbisuuf harka itti hiixachaa, "Baga gammadde!" ittiin jedhe. Daalzigiin waan isaa wallaale. Bitaa itti gallaan, "Maaltu ta'e?" jedhee gaafate.
Barsiisichi fuula gammachuudhaan ifeen, "Waraqaa qorannoo kan ittiin eebbifamtu xumurteetta! Qorannoo biroo hojjechuun si hin barbaachisu!" ittiin jedhe. Gurbaan daran burjaaja'ee ilaale. Haalli barsiisichaa galuufii dide.
"Maal jechuudha kun? Akkamitti ta'a" jedhee gaafate. "Maal seete!" jedhe barsiisichi, "Gaaffileen ani kaleessa gabatee gurraacha irratti barreesse lamaan seenaa istaatiksii keessatti haga ammaatti deebii hin arganne. Ani barattoonni gaaffilee lachuu akka beekaniifan barreesse malee akka hojjetaniif hin turre! Ajaa'iba! Ati garuu akkuma hojii manaa salphaatti hojjettee fidde. Sunuu yeroo gabaabduutti. Eyyee, baga gammadde!" ittiin jedhe.
Seenaa istaatiksii keessatti gaaffiilee deebii hin qabne akkamitti hojjette Daalzigiin? Deebiin isaa salphaadha. Akka gaaffileen sun hojjetamuu hin dandeenye hin dhageenye. Hojii manaa barattootaaf kenname qofa se'e. Akka hin danda'amne waan hin dhaga'iiniif akka danda'amu amane. Sammuu isaa gurra isaa lachuu gidduu jiru haalaan hojjechiise. Maarree gaaffii deebii dhabe deebise.
Maal jechuufan kana jedhe seete? Atis ni..
11/11/2022
Jedhe Kichuun.......!
"Harmeekoo haadha anaa
Maaf baatee hafte manaa
~
Rakkoon sitti jabaannan
Dhiphuun harmikee guutee
Deebitee dhuftan se'eem
Dhalakeef aannan fuutee
Akkamittan amana
Boru yoo natti himamu
Akka Dirooniin duute
~
Kichuun boowan danda'u
Qoonqoot najalaa bu'a
Jetteen yaaddoftuu laata
Mucaankoo beelaan du'a
~
Rafteeyyuu of bir'attaam
Otuu cinaakoo teessuu
Na dhalakeerraa turuu
Beekaam atin dandeessu
~
Isa si na dhabsiise
Gabrummaaf barrin baatu
Isa si narraa nyaate
Haadhasaas duuti yaa nyaatu"
Gurraattii Dhugumaa Kaamsuree
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Shewa