Burqaa Idiris
Selft employment
08/05/2026
today is donkey day may 8th
08/05/2025
Kana beektuu laata?
VAR'dhaaf waggaatti baasii Doolara Miliyoona 1.5 akka barbaachisu.
Keessumattuu Ingilaandi keessatti Piriimiyeer Liigiidhaan abbaan murtee deemee Vidiyoo ilaaluun salphaatti waan murtee murteessu nutti fakkata.
Ta'us garuu VAR hojiirra oolchuuf Kaameeraawwan 33 olii fi qulqullina 4K kan qabanitu barbaachisa.
Gatiin tokkoo isaanii Doolaara kuma saddeettamii afurii oliidha. Kaameeraawwan kun Sony HDC-F5500 kan jedhaman yoo ta'u sekoondii tokkotti fireemii 120 kaasuu danda'u. "Altra slow
Motion" illee ni qaba.
Humna namaa yoo ilaallu immoo Suursagaleewwan kaameeraa irraa kan to'ataniifi Raadiyoodhaan abbaa murtee waliin kan wal quunnaman dabalatee VAR tokkoof yoo xiqqaate namoota kudha shanitu barbaachisa.
Walumaa galatti VAR gatii Kaameeraa fi meeshalee biroo osoo hin dabalatin waggaa tokkotti baasii Doolara Miliyoona 1.5 olitu baasii itti ta'a.
Madda 👉 Dirree Ispoortii
Dhiiroo jaldeessi biyya sanii maal eega hanga qilee keessatti oomishamu
08/05/2025
champion rice
14/11/2022
Waancaa Addunyaa bara kanaa eenyu
Fudhata mee tilmaamaa
21/10/2022
21/10/2022
20/09/2022
Irreechaafi Duudhaaleesaa.
Amantiifi Dhaabbata Amnataa
Irreecha ilaalchisee ajandaawwan gidduu kana miidiyaa hawaasummaarra deddeemaa jiran akka lamaanin ilaala. Inni tokkoffaan warra utuu hin beekin Oromummaarratti duulaa jiran yoo ta'u, inni biraan ammoo warra ergamasaa fudhatanii, galtee tokkichaaf olola oofaa jiranidha. Ajandaaleen akka kanaa haaraa ta'uu baatanis, Irreechi yeroo dhihaate qofa, sa'aatii eeggatee gad ba'uunsaa waanuma baratamaa ta'aa dhufeera.
Hundaafuu Irreechi amantaa moo Aadaadha?
Dhimma kana akkaataa adda addaatiin namoota ibsan argaan ture. Warri tokko Irreechi caacculee aadaa keessaa akkaataa Oromoon ittiin Waaqa ilaaluun wal qabsiisuun ibsanii, amantaatti geessu. Warri kun Irreechi kan dhaabbata amantaa Waaqeffannaati warra jedhan.
Warri kaan ammoo humna Irreechi Oromoo walitti qabuufi Oromummaa ol kaasuu keessatti qabu himaniitu, Irreechi aadaadha jedhu. Isaan kun Irreechi aadaa Oromooti jedhu.
Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e, waan saayinsiinis, barteenis ragaa ba'u tokko, Amntiin mataasaayyuuu aadaa ta'uusaati. Kana jechuun Aadaan amantaan oli jechuudha. Jaarmiyoota amantaa hundumaa duuba aadaan saba /biyya tokkoo ni jira. Kun waan wal nama falmisiisuu miti. Irreechis kan dhaabbata amantaan wal qabatu osoo hin taane, kan amantiin wal qabatu ta'uu mala. Sababnisaa maqaan Waaqaa waan keessa jiruufi.
Irreechis gocha Orom-duroo kan bara kuushotaarraa eegalee jiru ta'uu qorattoonni ragaa ba'u. Kana jechuun, kan dhaabbata amantaadha osoo hin taane aadaadha jechuudha. Jillisaa gocha ayyaanaafi hafuura waaqaa ofitti araarsuu yookaan galateeffachuuf raawwatamu, aadaa yookaan barsiifata hafuuraati akka jechuuti. Gochi akka kanaa ammoo amntiidha malee amantaa miti.
Adda addummaan amantaafi amantii /Religion and Faith/ namoota galeefiif kun yaada wal falmisiisaayyuu hin ta'u. Oromoon amantii ganamaa ni qaba. Innis Waaqatti amanuudha. Waaqa jechuun isaaf amantiidha malee amantaa miti. Sabni guddaan kun amantii kan qabuufi Waaqatti kan amanudha malee, amantaa /Religion ykn dhaabbata amantaa torbanitti yeroo tokko ykn waggaatti yeroo tokko dhaquufi dooktiriinii amantaa hordofu tokkicha qofaatti hin qabu.
Waggoota 30 as garuu jaarmiyaan amantaa /Religion amantii Oromoo ganamaa bu'ura godhate, Waaqeffannaa jedhamu uumameera. Kun ammoo waanuma barri gaafatu. Addunyaan amantiirraa gara amantaatti (dhaabbata amantiif gibira kaffaluufi wal argee waaqeffachuutti) waan dhufeef, hordoftoonni amantii Abbaa Oromoo gara dhaabbata amantaa ofii kan dooktiriinii mataasaa qabu qabaachuutti dhufan jechuudha.
Kanaaf, bara har'a kanatti miseensi amantaa dhaabbata Waaqeffannaa tokko Oromoo ta'usaa qofaan Oromoota miseensa amantaa biroo waliin waan inni qooddatu keessaa tokko amantiidha. Sababnisaa amantiin Oromoo Waaqa waan ta'eefi. Oromoon golee arfanirraa Amantaan adda adda ta'uu dandeenyus, Irri caalaan keenya garuu Waaqatti waan amannuuf, amantii tokko qooddanna.
Irreechi ammoo elements/caaculee Oromoon ittiin waaqa galateeffatudha malee, waaqeffatu miti. Oromoon Irreecha kan irreeffatuuf galatoofi. Galatoon ammoo kan waaqaati malee kan Waaqeffataa miti. Kana jechuun waaqa galateeffanna malee, waaqeffataa galateeffanna miti.
Ilmi Oromoo hunduu, Waaqeffataan, Kiristaanni, Musiliimniifi hordofaan amantaa kan biroo kamiyyuu Irreessa /cha akka aadaatti malee akka amantaatti ilaaluu dhabuunsaa sirriidha.
Warreen Irreechi amantiidha jedhanis ta'e warri Irreechi aadaadha jedhanis rakkoo wal hubachuuti malee lachanuu sirriidha. Garuu, warri Irreechi kan amantaa /dhaabbata waaqeffataati/ jedhan dogoggoroodha. Sababnisaa 'dhaabbanni amantaan Waaqeffannaa' jedhamu uumamuunsaa reef ganna 30yyuu waan hin guutnedha. (Hubadhaa DHAABBATA AMANTAA WAAQEFFANNAAN jedhe malee Amantii Waaqeffannaa jechaa hin jiru) Garuu amantiin /Faith 'Waaqatti amanuu' jedhamun yeroo Oromoon jirurraa eegalee kan jirudha.
Irreechi ammoo sirna galateeffannaa Waaqaati. Waaqa kan galateeffatu ammoo kan waaqa beeku hunda. Waaqatti amanuunsis aadaa Oromooti. Kun jiruufi jireenya Oromoo hunda keessattuu waan mul'atu.
Namoonni dhuunfaa, gareen ykn dhaabbatni Irreechi kan dhaabbata Waaqeffattootaati jedhu, bor ammoo 'Sirni Gadaa kan dhaabbata Waaqeffattootaati' jechuu hin oolu. Sababnisaa Sirni Gadaas akkuma Irreechaatti bu'aa jiruufi jireenya uummata Oromoo waan ta'eefi.
Walumaa galatti, Irreechis, Amantiinis, Gadaafi beekumsi uummata Oromoo hedduun Aadaa Oromooti. Wanti haaraa amma dhufe dhaabbata amantaa Waaqeffannaati malee amantii /Waaqa miti.
Obboleessakoo /obboleettiiko, Irreechi haraama miti. Irreechi kan amantaas miti. Irreechi aadaa sirna galateeffannaa waaqaa kan Oromooti. Yoo waaqatti amante, waaqni galateeffamuu qaba jetta ta'e, akkuma abbootakee kaleessaa, aadaa galateeffannaa isaaniitiin kottu galateeffadhu. Yoo ammoo lakki ani akkasitti hin galateeffadhu jette, kottu Irreechi aadaa ta'usaa beekiitii saba kee golee arfan Oromiyaarraa wal ga'u waliin wal argi.
Kun ijaarsa Oromummaa keessaa isa hangafa. Oromummaa jechuun Aadaa, afaan, eenyummaa Oromootiin sabboonuu jechuudha. Kun kan ta'u ammoo beekumsa abboota keenyaa akka bara waliin adeemutti itti fufsiisaadha. Irreechi gosaafi balbalarra ol darbee, Irreecha sabaa (kan sabni Oromoo biyya hundarraa irratti walitti qabamu) ta'ee kan ayyaaneffatamuu eegaleefis, Oromummaa jabeessuufi yaadameetu.
Qaamoleen gamaafi gamana dhaabbatanii, warri tokko Irreecha kan amantaa ofii hordofanii gochuuf dhidhiitatan, warri tokko ammoo irreechi kan Oromoo osoo hin taane kan warra abaluuti jechuun, amantaa ofiitti hirkatanii ofirraa dhiiban hunduu warra Oromummaa balaaleffatani. Isaan kun Oromummaa gad deebisuuf rafanii hin bulan. Waan hayyuun ibseefiif, waan abbootiin amantaa gorsaniif, waan uummatni kadhateef warra dhiisanis miti. Isaaniif Irreechi utubaa Oromummaa ta'uun waan ifeef, Oromummaa laaffisuuf irreecha laaffisuun barbaachisaa ta'uu waan beekaniif, irreecha xiqqeessuurratti hojjetu. Warri kaan ammoo utuu hin hubatin waliin hiriiru.
Irreechi dhugumatti Irree Oromooti. Irreechi bakka itti Oromummaan awwaalcha diigee ka'e. Irreechi dirree itti guddummaafi qaroomni Oromoo itti mullatudha. Irreecha akka Oromootti yaaneet irreeffanna.
Irreecha Hora Finfinneefi Arsadii akkasumas Irreechota malkaawwan godinaaleerra jiran hundumaatti hirmaachuuf qopha'aa. Irreecha milkii nuuf haa ta’u.
Viva Lalisaa Indris Adam
07/08/2022
Click here to claim your Sponsored Listing.
Telephone
Website
Address
Addis Ababa
OROMIA