Hika Endalu

Hika Endalu

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hika Endalu, Health/Beauty, .

Photos from Hika Endalu's post 24/07/2023

😭

Godina Harargee Lixaa Aanaa Burqaa Dhintuu, Ganda baadiyyaa Kurfaa jedhamtutti Adoolessa 12/11/2015 galgala naannoo sa'a 12:30 irratti daa'imman shan osoo taphataa jiranii Waraabessi butee fudhatee shanan isaanii iyyuu nyaate. Hawaasni gochi kun hedduu onnee isaan cabse battalumatti wal ga'ee waraabessa sana hordofuun adamsee akka suuraa irraa argamu kanatti a**eesanii garaa isaa baqaqsuun, Harka ijoollee isaanii garaa keessaa baasaniu argan muraasa awwaalaniiru😪

Bineensi kun ji'oota muraasa duras naannoo gara garaatti balaa hamaa geessisaa turee jira. Hawaasni Baadiyyaa fi naannoo waraabessi itti argamu jiraatu balaan akkasii irra deddeebiin waan uumamaa jiruuf dursee tarkaanfii barbaachise osoo fudhatee gaariidhaa. Daa'imman Rabbi kan jannataa haa godhu maatii hundaaf Rabbi obsa haa kennu🥹🙏

13/07/2023

Ergaan Obbo Baqqalaa Garbaa

“Maqaa kootiin FB irratti barreeffamaa jiraachuu isaa eegan dhagahee bubbuleera. Haata’u malee bara 2011 eegan hidhamee irraa eegalee hanga har’aatti ani akkaawuntii FB hin qabau. Kanaaf, wanti maqaa kootiin barreeffamaa jiru marti ana biraa akka hin taane naaf beekaa!

Galatoomaa.
Baqqalaa Garbaa”

13/07/2023

Yuunivarsiitii Jimmaatti
Adeemsi gara ofiin ofbulchuuti taasifamaa jiru gamaggamame.
Yuunivarsiitii Jimmaa
Adoolessa 5/2015
**********
Ministirri Ministeera Barnoota Itiyoophiyaa,Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Yuunivarsiitii Jimmaatti argamuun hojiilee Yuunivarsiitichi gara ofdanda'uutti galuuf hojjachaa jiru madaalan.
Gamaggama taasifame irratti Piresdaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa,Dr. Jamaal Abbaafiixaa hojiiwwan hanga ammaatti raawwataman ilaalchisee ibsa dhiyeessaniiru.

Pirezdaantichi sochii imala gara ofiin ofbulchuutti taasifamaa jiru ilaalchisee karoora ittiin qajeelfamaa jiruu fi raawwilee hanga ammaatti raawwataman bal'inaan ibsaniiru.

Hooggantoonni Yuunivarsiitichaa biroon kan adeemsa raawwilee hojii keessatti hirmaatan ibsa dhiyaate irratti yaadota dabalataa dhiyeessun adeemsicha addeessaniiru.

Ibsicha booda mariin bal'aan kan gaggeeffame yoo ta'u yaadonni ijaarsaas ka'aniiru. Pirofeesar Birhaanuun yeroo marichaatti akka jedhanitti Yuunivarsiitichi raawwilee hanga ammaatti taasise cimsee itti fufuu qaba kan jedhan yoo ta'u,hojiin ofiin ofbulchuu hanga muummeewwan barnootaatti hojiirra ooluu akka qabus hubachiisaniiru.

Hojichi caalman fayidaa dhaabbatichaa fi biyyaa irratti xiyyeeffachuun hojjatamuu kan qabu yoo ta'u,hooggantoota hunda,barsiisotaa fi hojjattoota bulchiinsaa birattis hubannoon gahaan kennamuu qaba jedhaniiru. Hooggansis hojii kana naamusa cimaan,kutannoo fi haamileen,akkasumas fayidaa dhaabbatichaa fi biyyaaf qabuun madaalaa hoogganuu qaba jechuun dhaamaniiru.

Facebook: https://www.facebook.com/JimmaUniv/
Twitter: https://twitter.com/JimmaUniv
Telegram: https://t.me/JimmaUniversity Official
E-mail: [email protected]
Website: www.ju.edu.et
Tel: +251-(0)47-111-2202
P.O. Box: 378

Jimma University Official fb of JU, Ethiopia's leading institution known for its Community Based Education philosophy.

13/07/2023

-koo
-Sitcom
Dilbata dhufu kana waaree booda sa'a 11:00
**etv-afaan oromoo

12/07/2023
03/11/2022

Anaan haa nyaatu kaa maaloo maalgodhu gaaruu???????

01/11/2022

Halkan gaarii .
Jireenya kee keessatti nama tokkollee hin komatin ,namni badaan barnoota siif ta'a ,namni gaariin yaadannoo siif ta'a

Website