Zabibaa Zabibaa
Islaamummaan luubbuu kooti
29/12/2022
akkas tahee silaa akkana hin tahu.
osoo akkas tahuu baadhee silaa wahiin akkana tahaa?
: meeshaa sheeyxaanni namattiin waswaasu irraahi.
Cinaacha kee jabaa beekii tikfadhu, cinaacha kee dadhabaa beekii irraa qulqullaawuuf tattaafadhu.
Sahaabaa beekkamaa rabbiin irraa haa jaalatuu isaan irraa odeeffamee SAW akkana jadhan:
"Mu'umina jabaatu laafaa caala rabbiin birattiis
irra jaalatama, Mu'umina cufa keessa garuu keeyriin ni jira, Waan si fayyadu itti bololi Rabbiin gargaarsifadhu hin dadhabin, yoo wanni ati hin jaalanne siqunnamte akkana hin jadhin: odoon akkas dalaguu baadhee wahi akkas tahaa osoon akkana dalagee silaa akkana taha, murtiin tan rabbiiti
rabbiin waan fedhe dalaga jadhi
osoon akkas tahe silaa akkana hin tahuun jachuun hujii sheexaanaati".
Hadiisa kana imaamu muslimtu gabaase.
Rabbiin mu'umina jabaa isin haa taasisu.
29/12/2022
Qormaata jireenya,
Hin jibbin yaa tiruu..
Madaallii namummaatu,
Isa malee hin jiruu..
Bilchinni sammuutiif,
Jabinni ilmoo namaa..
Isaan madaalamee,
Sadarkaan qoodamaa..
Hin nuffin qormaata,
Taatee ilmoo namaa..
Warqeenuu warqoomuuf
Abiddaan qoramaa..!
Yoos ati hoo maaliif,
Qormaata jibbitaa..?
Yoo qoramte malee ,
Isa kam darbitaa..?
Maaf hamilee cabuu..?
Maaf nyaara gudunfuu..?
Qormaatni ciccimaan,
Kamiyyuu haa dhufuu..
Of beekan darbanii,
Yoo of gatan kufuu..!!!
😍😍😍
😢
16/04/2022
Amiiiiiin yaa Allah
12/04/2022
Amiiiiiiiin
09/04/2022
Amiiiiiiiiiin Amiiiiiiin🤲🤲
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Sharjah