Jibril Awel

Jibril Awel

Partager

Informations de contact, plan et itinéraire, formulaire de contact, heures d'ouverture, services, évaluations, photos, vidéos et annonces de Jibril Awel, Beauté, cosmétiques et remise en forme, Wa. en kenyaa namaaf gafidha, Democratic Republic of the.

14/01/2023

RABBI
RIzqii tee tan facaate hundaa rabbi waliti
Siif haa qabuu yarabbii 🤲 😍🤲

Photos from Jibril Awel's post 05/12/2022

Dhugaaf haqaa jiru
Miliksinaa nu jalaa
Imimmaan ayyooti
Dhiiga dhiigu laalaa

Lootuu Leenca taate
Keenyaarraan nu urtii
Garaan nu ciccininee
Dhabne dhugaaf murtii

Kan durii dubbannaa
Amma baatuun ba'ee
Imimmaanifi dhiigni
Danballi'ee lolaa ta'ee

Afaanii warrii humnaa
Jaalaladha lallabuu
Garuu lubbuu qaalii
Bineensa qallabuu

Namuu dubbii dhiisee
Keenyuma yoo mulquu
Cirriqfate dhiiga tufee
Nu nyaachisanii Bulguu

Gameessafi kichuu
Yoo ajjeesu rukutee
Qe’ee isaanii gubee
Oromo ciraa kutee

Yeroo dinni bokkisu
Halakee akka harree
Qa’ee keenya dhaalu
Nuti lakkisne tarree

Hayyoonni martinuu
Cuqqaalamee afaan
Yeroo keenya dhabnu
Namaas ta'ee lafaan

Keenya dubbin

Kichuu kichuutti ciruu
Harcaasu akka baalaa
Hundumtuu callisee
Afaan qabatee laalaa
Garuu qe'ee keenyaa
Eenyutu nuuf dhaalaa?

''Madaa nu madeessitan
Yoo qoores godaannisaa
Barraa'ee ol kaawwanna
Dhalootatu dubbisaa''

✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️✍️
ayii
😭😭😭😭😭😭😭😭

04/12/2022

Qe'ee keetii godaantee
Balbala namaan tuqne
Afaankees abbuuqqatee
Dhangaa ormaa hin dhugne

Isa ormaaf alagaaf
Taate malee gaachana
Mee maaliif si tuttuquu
Dhufanii qe'eef mana ?

Atoo diina hin jettuu
Firaaf alagaa qooddee
Orma mullista malee
Ofii dhaabbatee booddee

Atoo saamtee hin nyaattuu
Gombisaa namaa keessaa
Innati nama goote
Maaf du'aan si bobeessaa ?

Osoo ormaaf diriiree
Harkikee kaasee baatuu
Hammeenyaan si ajjeesan
Lammiikoo anaa nyaatu😭😭

Qullaakee yoo si dhaabes
Kanat kabde wayyaani
Garaa jabaadhu hin boo'in
Abshir jiraa guyyaani!
Lammiikoo 😭

24/11/2022

Nuuf kenneera rabbi
jabina isa guddaa
Dirra ittiin baannu
rakkoo hamaa hunda

Osuma watwaatnu
boolla qilee lixnee
Galata Waaqayyoo
seequurraa'n fagaanne

Rakkoon dabalamuus
guyyuun akka jiruu
Imimmaan roobsudhan
barri yoomuun taru

Guyyaan har'aa kuni
darbee seenaaf hafa
Boo'uu qofa miti
falli biraa kolfa

29/10/2022

1 Iyyu malee naaf hin bariituu jedhe kormaan Handaaqqoo! 😀

2 Osoo nyaattuu amoommattaa jennaaniin afaan bantu male nyaattaa jedheen! 😁

3 Adeemsa abbaatu of tolchaa fuula waaqaatu nama tolchaa jedhe Jaldeessi! 😂

24/10/2022

✍ Xalayaa jaalalaa gurbaan Birrii 1 irratti Chick kan Mosab 10 Birrii hodhuuf barreesse ✍
.
hi jaalallee koo akkam jirta Jaalala kee irraa kan ka'e nagaa koo yoo dhabe eegi. Namoonni yeroo na milkaa'u argan waanan dadhabaa natti fakkaatu.

Ati garuu hiyyeessa jette, jaalala koo hin dhiibdee? Namoonni saantima 50 irra jiran buna dhuganii akkamitti akka jaarsa birrii 5 irratti jaalala jalqabde yeroo haasa'an aarii koo to'achuu dadhabe.

Halkan sana irbaata koo illee osoo hin nyaatin ciisee ture. Halkan guutuu waa'ee kee yaaduun dabarse. Ganama naannoo kee yeroon dhufu balbala bira teessee uffata tolchitu si arge.

Safed babal'achuu kee gaafan argu aariin koo bade, bareedinni kee na rifachiise. Arrabsoo dhiisee callisee gara manaatti deebi'e. Garuu mee waa sitti hima? Miila Birrii 5 sana guyyaan si waliin arge sana nan cabsa. Osoo boqotee buna ofirraa baasee gaariidha. Yeroo sirriitti ilaaltu buna funaanuu osoo hin taane, buna irratti qorannoo tokko tokko waan gochaa jiru fakkaata ☺️

Jaalallee koo osoon xalayaa kana siif barreessaa jiruu horiin ani ilaalu dirree namootaa seenuun yeroo meeqa na jeeqa?

Yeroo dhiyoo asitti yoo siif mijate waa'ee shaayii fi bunaa haasa'uu dandeenya.. By the way, Sheba Birr 5 irratti buna dhuguu erga argee booda buna hawwaa ture☺️

Har'aaf sun gahaadha jedhi. ♥😘
✍Mekuyeku✍

17/10/2022

Wanumaa hundafuu haxiqatuu haguddatuu rabbii kaan kee galtefadhuu waani har'kaa qabduu hundisaa wan rabbii siif latedhaa

Jirun duniyaa tuni fedhii ilmaa nama jala hin demtu waan nu bekku qabanu
""Fedhii rabbii qofa jala demti sanifuu wanti rabbiin fedhee hundinu nuf Kheyridha Alhamadulelah 😍

10/10/2022

𝐀𝐛𝐝𝐢𝐢 𝐡𝐢𝐧 𝐤𝐮𝐭𝐚𝐭𝐢𝐧𝐚𝐚!
𝐴𝑘𝑘𝑎 𝑛𝑢𝑡𝑖 𝐴𝑏𝑑𝑖𝑖 ℎ𝑖𝑛 𝑘𝑢𝑡𝑎𝑛𝑛𝑒𝑒𝑓, 𝑛𝑎𝑚𝑜𝑜𝑡𝑎 𝑎𝑏𝑑𝑖𝑖 𝑛𝑢𝑡𝑡𝑖 ℎ𝑜𝑟𝑢𝑢𝑛 𝑓𝑎𝑘𝑘𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎 𝑛𝑢𝑢𝑓 𝑡𝑎'𝑎𝑛 𝑙𝑎𝑚𝑎𝑎𝑛 𝑘𝑎𝑛𝑎 𝑖𝑟𝑟𝑎𝑎 𝑏𝑎𝑟𝑎𝑑ℎ𝑎𝑎!
1, 𝑨𝒃𝒊𝒓𝒂𝒉𝒂𝒎 𝑳𝒊𝒊𝒏𝒌𝒂𝒂𝒏.
dhalatee waggaa 21ffaa isaatti daldala eegalee kisaaran isa mudate. 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!
👉 Dhalatee waggaa 22ffaa isaatti immoo mana maree seera murtuuf hirmaatee hin milkoofne 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉 Dhalatee waggaa 26ffaa isaatti jaalalleen isaa biraa boqotte 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhalatee waggaa 27ffaa isaatti dhukkuba narviitiin qabamee baayyee dhukkubsatee ture 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒚𝒚𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhalatee waggaa 34ffaa isaatti immoo Koongireesii Ameerikaaf dorgomee utuu hin milkaa'in hafe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhalatee, waggaa 45ffaa isaatti akkasuma mana maree bakka bu'oota uummataa bakka bu'ee dorgomee kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhalatee, waggaa 47ffaa isaatti itti aanaa pireezidantii Ameerikaa dorgomee kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhalatee, waggaa 49 isaatti mana maree bakka bu'oota Uummataa dorgomee kufe 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhalatee, waggaa 52ffaa isaatti 𝐏𝐢𝐫𝐞𝐞𝐳𝐢𝐝𝐚𝐧𝐭𝐢𝐢 𝐀𝐦𝐞𝐞𝐫𝐢𝐤𝐚𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞 𝐦𝐮𝐮𝐝𝐚𝐦𝐞. ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃⁿⁿᵃᵃˢ ᵃᵇᵈⁱⁱ ᵏᵘᵗᵃᶜʰⁱⁱˢᵉ!

2, 𝐌𝐚𝐚 𝐲𝐮𝐮𝐧 𝐀. 𝐊. 𝐀 𝐉𝐚𝐜𝐤 𝐌𝐚𝐚 dureessi biyya chaayinaa kun yeroo heedduu kufaati keessummeessun nama beekamu kan tureedha.

👉Barumsa sadarkaa 1ffaa yeroo baratu al-lama kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Barumsa sadarkaa 2ffaatti yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Seensa Yuunivarsiitii Hangizyuu tiif qoramee yeroo sadii kufe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Yuunivarsiitii Harvardiitti barachuuf yeroo kudhan (10)n iyyate kurnanuu jalaa kuffisan 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Erga Barnoota xumuree booda yeroo soddoma qacaramuu dhaqee, hunduu fudhatama dhabe 𝑨𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Dhaabbanni KFC jedhamu namoota 24 dorgomsisee yommuu turetti, namoonni 23 darbanii inni qofti kufe 𝑮𝒂𝒓𝒖𝒖 𝒂𝒎𝒎𝒂𝒔 𝑨𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒏𝒏𝒆!

👉Humna waraanaa keessa seenanii hojjechuuf namoota shan (5) ta'anii iyyatanii turan; garuu afur (4) darbanii inni qofti kufe 𝑲𝒖𝒏𝒊𝒔 𝒂𝒃𝒅𝒊𝒊 𝒉𝒊𝒏 𝒌𝒖𝒕𝒂𝒄𝒉𝒊𝒊𝒔𝒏𝒆.
𝔾𝕒𝕣𝕦𝕦 𝑦𝑒𝑟𝑜𝑜 𝑎𝑚𝑚𝑎𝑎 𝑘𝑎𝑛𝑎𝑡𝑡𝑖 𝑨𝒃𝒃𝒂𝒂 𝑸𝒂𝒃𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝑩𝒊𝒚𝒚𝒂 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒚𝒊𝒏𝒂𝒂𝒇𝒊 𝑯𝒖𝒏𝒅𝒆𝒆𝒔𝒔𝒂𝒂 𝒅𝒉𝒂𝒂𝒃𝒃𝒂𝒕𝒂 🇦 🇱 🇮 🇧 🇦 🇧 🇦 𝒕𝒊

👇
𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊𝚗 𝚔𝚊𝚗 𝚑𝚒𝚒𝚔𝚊 𝚚𝚊𝚋𝚊𝚊𝚝𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚗𝚞𝚝𝚒 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚎𝚎𝚍𝚑𝚊 𝚖𝚊𝚕𝚎𝚎, 𝚊𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚌𝚑𝚞𝚞 𝚢𝚘𝚘 𝚑𝚒𝚗 𝚔𝚎𝚎𝚜𝚜𝚞𝚖𝚖𝚎𝚎𝚜𝚜𝚒𝚗𝚞 𝚝𝚊'𝚎𝚎, 𝙰𝚋𝚍𝚒𝚒 𝚔𝚞𝚝𝚊𝚗𝚗𝚊𝚊 𝐻𝑖𝑖𝑘𝑎 𝑑ℎ𝑎𝑏𝑠𝑖𝑖𝑠𝑢𝑢 𝑑𝑎𝑛𝑑𝑒𝑒𝑛𝑦𝑎!

Galatoomaa!

➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι
▬▬///////////////////▬▬

10/10/2022

😍😍

Téléphone

Site Web

Adresse


Wa. En Kenyaa Namaaf Gafidha
Democratic Republic Of The

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Jibril Awel publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Souscrire

Nous vous informerons quand tout se passe à Democratic Republic of the.