Ebbisaa maaramaa
You know you're in love when you can't fall asleep because reality is finally better than your dream
11/10/2025
Faayidaa Qullubbii Adii Dammaa fi Aannan Wajjiin Fayyadamuun Fayyaa Namaaf Kennu!
1. Dhibee Sombaa(Bronchitis) Cimaa: Qullubbiin adiin dhibee biroonkaayitii cimaa ni fayyisa.
2. Asmi: Rakkoo hargansuu asmi waliin wal qabatuuf ni fooyyessa.
3. Dhibee Gogaa: Qullubbii adiin dhibee gogaa qaama keenya ni tasgabbeessa.
4. Dhibee Mar’ummaa: Rakkoo mar’ummaan waliin wal qabatu ni salphisa.
5. Dhiitoo fi Dhullaa: Dhibee dhiitoo fi dhulla qaamaa ni hir’isa.
6. Kintaarootii: Dhibee kintaarootiif ni fayyada.
7. Buusaa Qaamaa: Rakkoo buusaa qaamaa irratti ni gargaara.
8. Madaa: Madaa adda addaa ni qoorsa.
9. Dhiibbaa Hirribaa: Dhabiinsa hirribaa ni hir’isa.
10. Dandeettii Qaama Dhibee Dandamachu: Qaamni keenya dhibee akka dandamatu ni jabeessa.
11. Dhukkubbii Ilkaanii: Miira dhukkubbii ilkaanii ni hir’isa.
12. Dhibee Shukkaaraa: Dhibee shukkaaraa ni salphisa.
13. Fedhii Nyaataa: Fedhiin nyaata akka banamu ni gargaara.
14. Itita Dhiigaa: Itita dhiigaa ni hambisa.
15. Dafanii Dulloomuu: Dafanii dulloomuu qaamaa ni hir’isa.
16. Raammoo Garaa: Raammoo garaa keessaaf ni fayyada.
17. Qufaa Daa’immanii: Qufaa daa’imman irratti hin citne ni fayyisa.
18. Daakuu Nyaataa: Nyaatni akka sirnaan daakamu taasisa.
19. Babal'ina Kaanserii Piroostireetii: Babal’ina kaanserii piroostireetii ni dhorka.
19. Kaanserii Harmaa fi Buubbuu: Kaanserii harmaa fi buubbuu ni dhowwa.
20. Kaanserii Hadhooftuu: Kaanserii hadhooftuu ni dhorka.
21. Kaanserii Kooleenii: Tatamsa’ina kaanserii kooleenii ni dhowwa.
22. Seelii Qaamaa: Seelii (Metabolism) qaamaa ni dadammaqsa.
23. Dhibee Saal-qunnamtii (Trichomoniasis): Dhibee kana ni fayyisa.
24. Madaa Malaa Makate: Madaa malaa makate ni fayyisa.
25. Dhibee Sombaa (TB): Dhibee sombaa ni yaala.
26. Dhibee Hargansuu: Dhibeewwan hargansuu waliin wal qabatan ni fayyisa.
27. Dhiibbaa Dhiigaa: Dhiibbaa dhiigaa ni hir’isa.
28. Hamma Koolestroolii: Hamma koolestroolii qaama keessatti ni to’ata.
29. Dhibee Ujummoo Dhiigaa Dhiphisu: Dhibee ujummoo
Miidhagdu ko yaa lubbuu
Siin jaalladha akka lubbuu
Miidhaginni kankee adda
Qalbii nama awwataa
Si malee hin jiraadhu beeki
Sirrka Jira jiruun lubbuu kooti
Simalee ormaa hin fedhuu
Keessi ko ormaaf iddoo hin qabuu
Jiruu koof situ fayyaa
Siin na qajeela milkiin to
Hiriyaa dhugaan si'idha
Naaf bareechite jiruu koo
Narraa hin fagatin lubbuu koo
Simalee hin jiraatu lubbuun koo
Hangaan si jaalladhu sitti himuuf
Yeroonu nan ga'u
Me maaliin si ibsu hagaan si jaalladhu
Me maaliin si gammachiisu
Kan caaluu hin jiruu lubbuu
Siif laadhuure lubbuu. ♥️♥️♥️dubbisaa garrii
14/04/2023
Takka kokkolfanii takkas ga'isanii
Gooftakoo yesuusin baayye dhiphisanii
Nama na taasisuuf waaqarra kan dhufe
Fannoo gubbarratti hadhooftuu kan dhugee
Mudaan irra hin jiruu mudaakoof muddamee
Iddoo lafee mataa golgootatti geeffamee
Nurra tarsaasuudhaaf golgaa rakkinichaa
Ofiisaati baate miidhama sabichaa
Isa nutinbeekne nuun nu barsiisuuf
Fannoorratti olbaate jaalala agarsiisuuf
Ani dafqakeeti gatii dhiiga keetii
An sirran dhaladhe yoomiyyu kankeeti
02/12/2022
Dhaba koofan sidhabe!
Koo qofa si godhadhee
Onneekoo baasuuf dharraa
Qabeenyatti haa hammaatu
Anoo hin arganne carraa
Utuma wal jaalannuu
Dhabni si qoode narraa!
Sin jaalladhan ture
Hundarra caalchisee
Guutummaa onnekoos
Si qofan dhaalchise
Hireekoo ganamaa
Barsiistuu jaalalaa
Jaalattee nan dhiifne
Murtiin kee naagala!
Addunyaa mararraa
Wal qofa laallannee
Umrii daa'imummaan
Fillee wal jaalannee
Rakkinaaf gadadoo
Waliin dandamannee
Mi'aawa jaalalaas
Waliin dhandhamannee
Simalee jireenyi
Tasa naaf hin ta'uu
Hin tilmaamnen ture
Nuti gargar ba'uu!
Najalaa ormatti
Si kennani firri
Garuu maal godhuree
Anoo hin qabu birrii!
Jaalalli naaf qabdu
Garaa na booressa
Garuu kan siif malu
Dhugaadha sooressa!
Amalaaf biftikee
Homaa hin qabdu mudaa
Kanaafan siif kadha
Ija hamtuuf budaa!
Imimmaan jaalalaa
Maddiirra lolaasee
Biqiltuu keessakoo
Dirqamaan kolaasee!
Osoon siif maraadhuu
Akka haadhoo nadeessee
Dhaba gola koofan
Dirqiin si gaggeesse!
Osoon si jaaladhuu
Osoo na jaallattuu
Abbaa warraa borii
Gootee na laallattuu..
Umriin taa'ee sin eegu
Maatii keetiif seerumaa
Of caala si jaaladheen
Siif eeyyame heeruma!
Hawwullee sifuudhee
Dhidhiibuu cabakoo
Hamilee na cabse
Maal godhu dhabakoo?
Anoo sin dagadhu~hangan lubbuun darbee
Boollatti galutti
Eebbiseen si kenna
Nama siif malutti!
Jiruun siif haa tolu
Gammadi milkaa'i
Umrii naaf dheeradhu
Waggaa kuma taa'i
Nagaan siif haa roobu
Banamee balballi
Bultiin kee haa hoo'u
Ganamaa galgalli!
Dhirsaan jaalatami
Kan yaaddee olitti
Waaq sin haa eebbisu
Urgeessee walitti!
Ilmaan waliin horaa
Dagaagaa akka odaa
Ollaan jaalatamaa
Gaaraa hanga godaa!
Dirqamni addaan hiree
Yoo nu foo'es wal keessaa
Yoomiyyuu kabajamtee
Onneekoo gubbaa teessa,
Homtuu sinin sakaalin
Boolla, gufuuf, dhagaatti
Otuma wal jaalannuu~dhaba koofan sidhabe
Egaa tole nagaatti!
Walaloo kana seenaa dhugaa hiriyaa kootii irratti hundaa'een barreesse!
✍️..Qaananii
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️❤️
❤️❤❤️❤️
❤️❤
Klicken Sie hier, um Ihren Gesponserten Eintrag zu erhalten.
Kategorie
Webseite
Adresse
Canada
Berlin