Muhammed Isaa
Adduniyaan imala karaati
11/08/2024
11/08/2024
21/07/2024
Kuni Raaga mo hiikkaa manaamaati?
Obsan hanga dhumaa naaf dubbisaa.
Ustaz tokkootu namuma keenya kan afaan oromoo dubbatu irraa tiktok gubbaa LIVE mana banatee kootta manaama keessan anaatu isiniif hiika jechun namoota baayye tarrisee walduraa duubaan manaama isaa hiikaa jiru arke.
Ajab !!!
Manaamoota hiikaa ture san keessan kaniin gurra kiyyaan dhagahe manaama sadi hiika ustaaza waliin isinitti haa himu.
—————————
Manaama tokkoffaa.
Abbaa manaama (dhiira): “Ustaaz manaamaan anaa maraabeessa tokko olii gad na ari’uun arke maali?”
Ustaaz: “essa jiraatta ati?”
Abbaa manaama: “Marsiii jiraadha.”
Ustaaz: Fuute jirta?
Abbaa manaama: Ee fuudhe Alh jaarti tiyya waliinin jiraadha.
Ustaaz: Hiikkaan manaama keetii dhalaa badduu, gantuu tan jireenya kee diigaa jirtu waliin jiraacha jirta ofirraa eegii yoo dandeesse jireenya kee keessaa baasi.
—————————-
Manaama lammaaff.
Abbaa manaama (dhiira): “Ustaaz anaa farda labbaa dheeratu bareeda tokko yaabbadhe oofuun arke.”
Ustaaz: Fardi sun yeroo ooftu laaftumatti siif ajajama moo si cinqa?
Abbaa manaama: lakkii ustaaz na cinquu laaftumatti naaf ajajama.
Ustaaz: fuute jirta?
Abbaa manaama: ee fuudhe jira ustaaz.
Ustaaz: hayyee hiikkaan manaama keetii jaartii lammaffaa dubra akka fuutu agarsiisa baga gammadde.
————————
Manaama sadaffaa.
Abbaan manaama (dhalaa): Ustaaz bokkaan/roobni guddaan roobee galaanni mana kiyya natti seeneen arke.
Ustaaz: Uktii tiyya Heerumte jirta?
Abbaa manaama: lakkii ustaaz ganaa hin heerumne garuu qaadhimaa qaba.
Ustaaz: Hayye Obboleetti tiyya manaamni kee waa sadi agarsiisa 1. dilii hamtuu irra towbachu qabduutu jira akkasuma 2. nama bultii tee diiguu ykn bultii teetiif hin taane gama jireenya keeti dhufaa jira. 3. Fayya dhabaan rabbin si mokkoruu deema.
Wallahi wabillahi Obboleewwan kiyya Manaama kanneen hiika isaa waliin gurra kiyyaanin LIVE jala taa’ee dhageeffadhe.
- mee kuni raaga mo hiika manaamaati?
- rabbi sodaadha kuni mana raayduu dhaqanii waa gaafachun maaltu adda godhe?
- Kun bultii namaa diiguudha mo jaaruudha?
- Ustaazni akkasitti diriirfateetuma waa’ee ganaa tahuuf taa’u (علم غيب) irraa yeroo haasawu akkami beekhe inni?
- Yoomi Asi manaaman jireenya ooffachu eegalle hoo?
Manaamni hiika hinqabu jechaa hin jiru garuu akkaata itti hiikamu qaba ammas manaamni hundi hiika hin qabu Rabbii haa sodaannu waan boru tahu kan beeku rabbii tokkicha الله qofa.
30/06/2024
Visit TikTok to discover videos! Watch, follow, and discover more trending content.
Haga clic aquí para reclamar su Entrada Patrocinada.
Categoría
Contacto la empresa
Teléfono
Página web
Dirección
Saudi Arabia
La Torre De Esteban Hambrán
REYAAD