Galo man
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Galo man, Health/Beauty, Bishooftu, Adama.
14/05/2025
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Ayeksi Mosisa, Kusa Fite, Abebayehu Beyene, Ketim Tariku, Abu Galase, abyee kadirii, Qananii horroo
Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Diriba Nagasa, Meseret Daniel, Gudisa Bayisa, Jenberu Sisay
DUBBII JABDUU KANA!
🍡🍡🍡🍡🍡🍡🍡🍡🍡
=============================
● Dubbii warra sadii , akka saditti fixan.
1, Dubbii warra Gowwaa, Sossobaan fixan.
2, Dubbii warra Hayyuu, dhugaa itti himuun fixan.
3, Dubbii warra Gowwaa, sodaachisuun fixan...
● WAA SADI SITTI HIN FAKKAATIN..
~Dubbachuun beekkumsa,
~Obsuun wallaalummaa,
~Nama kabajuun sodaa .......Sitti hin fakkaatin.
● WAA SADII HIN SEEHIN
~Nama beektu hunda fira kee,
~Nama si lolu hunda diina kee,
~Nama badii irra si dhorku hunda
hammataa....Hin see'in.
● WAA SADII HIN HAWWIN.................
~Bokokni quufaa miti,
~Abaarsi eebbaa miti
~Summiin qorichaa miti.. hin
hawwin.
● WAA SADII JETTEE HIN TILMAAMIN.
~Nama kolfu hunda gammadaa,
~Nama dureessa hunda arjaa,
~Nama dhabaa hunda donna/doqna.. jettee
hin~ tilmaamin.
● MANGUDDOON WAA SADII JAALATU
~Oduu:-haasawa gaggaarii
~Aduu:-caama ganamaa
~Adii:-dubbii dhugaa...... jaalatu.
● WAA SADII WAA SADIIF JAALADHU...
~Aadaan kee eenyummaa keetii
jaaladhu.
~Afaan kee mallattoo keetii jaaladhu.
~Sabni kee dhiiga keetii jaaladhu.
● WAA SADII HUBATTU MALEE HIN SEENIN
~Dubbii keessa hin beekne,
~Bishaan gad-fageenya isaa hin
beekne,
~Imala daandii isaa hin beekne
Hubattu malee hin seenin!
Nama Jaalattaniif Qoodaa.
EEBBIFAMAA!❤
Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu natti dhaga'ama! Lami Korsa, Majjo Kamal, Meetii Mas, Be Shewa, Usman Ture, Obsinaan Hin Darba Wanti Hunduu, Ijollee Garjedaa Warra Jaalala, Misbah Ibrahim
Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu natti dhaga'ama! Abdii Mucaa Lixaa, Ararsaa Badhashu, Bontuu Wollega, Lalise Tufa, Obsii Firdiisa, Dabee Máñ, Gaddóó Atomsá, Yosef Gannati
Filadhuu dhaggeeffadhu. Nama jechuun bar yoo aannan obaaste summii itti naqee na obaasuu fi kan siin jedhudhaa.
Kanaafuu, ati akka gootuu, kan si afarsus, kan si faarsus haa jiraatuu eenyuuf osoo intaane jalqaba sammuu keef jiraadhu. Isaaf amanami; innis siif haa amanamu. Jalqaba ofii keef jiraadhu. Oduu namaa hin dhaggeeffatin, kaayyoo kee dhaggeeffadhu.
1, Yoo wal fayyaduu dadhabne, wal miidhuu haa dhiifnu.
2, Yoo waliif yaaduu dadhabne walitti yaaduu haa dhiifnu.
3, Yoo Wajjin duuluu dadhabne walitti duuluu haadhiifnu.
4, Yoo wal faarsuu dadhabne wal arrabsuu haadhiifnu.
5, Yoo wal eebbisuu dadhabne wal abaaruu haa dhiifnu.
6, Yoo wal jaalachuu dadhabne wal jibbuu haa dhiifnu.
7, Yoo wal gammachiisuu dadhabne wal mufachiisuu haa dhiifnu.
8, Yoo walitti siquu dadhane walirraa siquu haadhiifnu.
9, Yoo wal jala deemuu dadhabne wal jalaa deemuu haa dhiifnu.
10, Yoo dhugaa walitti himuu dadhabne wal sobuu haa dhiifnu.
11, Yoo wal sirreessuu dadhabne wal jallisuu haa dhiifnu.
12, Yoo wal amanuu dadhabne wal shakkuu haa dhiifnu.
13, Yoo wajji qabsaawuu dadhabne walitti qabsaawuu haa dhiifnu.
14, Yoo wal jabeessuu dadhabne wal laaffisuu haa dhiifnu.
15, Yoo wal gorsuu dadhabne wal dogoggorsuu haa dhiifnu.
16, Yoo wal guddisuu dadhabne wal xiqqeessuu haa dhiifnu.
Waan dubbiftaniif galatoomaa!
Jechoota 100 kitaaba "Jechoota 100 Jireenya Kee Jijjiiru" jedhu irraa yaada mana kitaabaa
1. Milkaa’inni kan dhumaa miti, kufaatiin kan nama ajjeesu miti: kan lakkaa’amu hamilee itti fufuudha. - Wiinston Churchill
2. Dandeettii amantee walakkaa karaa irra jirta. - Tiyoodor Ruuzvelt
3. Yeroon kee daangeffamaadha, jireenya nama biraa jiraachaa hin qisaassin. - Isteev Joobs
4. Jireenyi 10% waan nu mudatu yoo ta'u 90% immoo akkaataa itti deebii kenninudha. - Chaarlis R. Swindool
5. Hojii guddaa hojjechuuf karaan jiru waan hojjettu jaallachuu qofa. - Isteev Joobs
6. Guyyaa tokkoon tokkoon sanyii dhaabdeen malee midhaan sassaabduun hin murteessinaa. - Roobart Luwiis Isteevansan
7. Jireenya gammachiisaa jiraachuu yoo barbaadde, namoota ykn wantootatti osoo hin taane galma tokkotti hidhi. - Albart Aayinstaayin
8. Fuuldura kee tilmaamuuf karaan hundarra gaariin uumuudha. - Abrahaam Liinkan
9. Wanti sodaachuu qabnu sodaa mataa isaa qofa.- Franklin D. Roosevelt
10. Of ol kaasuu yoo barbaadde nama biraa ol kaasi. - Booker T. Waashingitan
11. Dhumarratti dubbii diina keenyaa osoo hin taane, callisa fira keenyaa ni yaadanna. - Maartiin Luuter Kiing Juuniyeerii.
12. Namni kamiyyuu hayyama kee malee akka sitti dhagahamu gochuu hin danda'u. - Eleenor Roozvelt
13. Waggaa digdama booda wantoota hojjette caalaa wantoota hin hojjenne sanaan abdii kutatta. - Maark Tweeyn
14. Kaleessa har'a baay'ee akka hin fudhanne. - Wiil Roojars
15. Jiraachuu keessatti ulfinni guddaan gonkumaa hin kufne osoo hin taane, yeroo kufnu hunda ka’uu keessa jira. - Nelson Maandeellaa
16. Jireenyi waan nuti hojjennudha, yeroo hundumaa ture, yeroo hundumaa ni ta'a. - Adaadaa Musee
17. Amanuu fi akka waan kufaatiin hin danda’amneetti socho’uu. - Chaarlis Keetiriing
18. Argannoon yeroo hundumaa caalu namni tokko ilaalcha isaa jijjiiruu qofaan egeree isaa jijjiiruu akka danda’udha. - Opraa Wiinfrii
19. Yeroo dukkanaa'aa keenyatti ifa arguuf xiyyeeffachuu qabna.- Aristotle Onassis
Share godhii
guddaa qaban jajjabeessaa
============================
1. Abjuu Isaanii irraatti jajjabeessa: Namoota dhuunfaa abjuu fi hawwii guddaa qaban deeggaruun lammii hunda irraa eegama. Galma isaanii garaa guutuudhaan akka hordofan jajjabeessun barbaachisadha. Akka fakkeenyaatti namoota milkaa’aan fudhachuun jajjabeessuu qabdu.
2. Milkaa’ina Dhalootaa Guddisuu: Abjoottoonni kun fakkeenya ta’uu fi carraa ijoollee keessanii fi dhaloota dhufu fayyadu uumuu akka danda’an beekuu qabdu.
3. Badhaasa Al-kallatti: Abjuu isaanii kunuunsuun milkaa’ina isaanii irraa al-kallattiin akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasaatti fayyadamuu akka dandeessu hubadhu.
4. Miidhaa irraa fagaachuu: Imalli isaanii nama hundaaf bu’aa gaarii fiduu waan danda’uuf, namoota abjuu hawwii guddaa qaban miidhuu ykn gufachiisuu irraa fagaadhaa.
5. Badhaadhina Hundaaf: Namoonni abjuu guddaa qaban badhaadhina fi nageenya guddaa fiduu akka danda’an beekuun gaariidha.
6. Guddisi, Hin Ajjee-siin: Abjuu isaanii waliin hin ukkaamsinaa ykn hin ajjeesinaa. Namoonni kun egeree ifaafi badhaadhina qabu argamsiisuu danda’u.
Badhadhummaan hawwii namoota hundaati. Kanaaf, Lammii hundaaf badhaadhina hawwina.
Wanti Hundinuu Waaqayyoon ni danda'ama.💯%
Hiriyoota keessaniif godhaa...
Gorsaa fi Yaadota dabalataa liinkii kanaa gadii tuquun like godhaa
👇👇👇👇👇👇👇👇
Hordoftoota koo haaraadhaaf haamilee! Toora irratti isin qabaachuu koof gammachuu guddaatu natti dhaga'ama! Abezu Kebeba, Guddina Adino, Darbee lalaa
07/03/2025
'ibaa!😊 Dubbisi...
============================
Yeroo tokko dargaggeessi tokko iddoo wayii deemuuf imalarra osoo jiruu, Biiftuun itti lixxe. Inniis Bineensaan nyaatamuurra mana namaa buluuf murteesse. Kanumaa mandara isa ful-dura jirtu tokko deeme. Achi geenyaan balbala rurrukutee, "Mee na bulchaa" jedhee kadhate. Abbaan manichaas nama gaarii waan turaniif "seeni" jedheen. Mucichiis akkuma mana seenee xiqqoo boqateen , bishaan lukaa kennaniif. Innis miila isaa erga dhiqateen booda, abbaan manichaa akka irbaata kennaniif itti hime.mucaaniis irbaata isaa nyaate.
Amma sa'atiin rafiiti gaheera;garuu namtichi harka qalleessa waan taheef iddoo mucaa kana raffisu dhabe. Xiqqoo erga itti yaade booda, iddoo mucayyoon isaa raftu raffisuuf murteesse. Innis "egaa mucaakoo mucayyoo koo waliin kootu siree kana gubbaa rafi" jedheenii siricha boraatidhaan iddo lamatti qoodee raffise.mucichiis iddoo isaaf kennamee osoo hin socho'iin bari'e.ganama ciree nyaatee yeroo deemsa isaa eegalu, mucayyoo halkaan waliin rafe sana yeroo ishee Abaaboo bishaan obaastu argee,"obboleetti deemufiin deema waan taheef dallaa utaalee dhufee nagahaatti siin jedhuu" jedheen.isheeniis " Kan galagala boraatiin utaaluu dadhabde Amma akkamitti dallaa utaalta?"jetten.
Isin hoo maal jettu? mucaan sirri mitimoo sirridha?
Hiriyoota keessaniif godhaa 💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟💟🫱🫱🫱🫱🫱
ATI GUMAATA ADDUNYAA KANAATI!
✅ Dhalachuun Kee "fedhii Kee fi fedhii addunyaa kanaa osoo hin taane Fedhii fi eeyyama Waaqayyoo qofa". Maatii keef nama Tasa dhalate ta'uu dandeessa. Uumaa keef garuu akkas miti.
🫴 Ati Waan dhalatteef qabda.
✅ Gara addunyaa kanaa dhufuu Kee ilaalchisee yeroo, biyya, haala jireenyaa fi maatii Kee ati hin filanne. Akka ta'utti kan siif filate Uumaa keeti. Inni immoo sababa si uumeef ga'aa qaba.
🫴 Ati Akka tasaatti Waan hin uumamneef Akka tasaatti hin jiraatini!
✅ Yemmuu dhalattu kophaa keeti. Dhalattee jiraachuun Kee immoo jireenya dhaloota hedduu giddu-galeessa godhateeti. Kunis furmaataaf dhalachuu Kee ibsa.
🫴 Waan dhalatteef yemmuu hubattu Jiraattee darbita!
✅ Rakkinni keenya guddaan hiyyuma keessatti dhalachuu keenya osoo hin taane, "YAADA HIYYEESSAAN" booji'amnee jiraachuu keenya. Egereen keenya Yaada keenya keessa Waan jiruuf yaadota sammuu keenyaa to'achuun baay'ee ba'eessa.
🫴 Milkaa'inni Jireenyaa Yaada Milkaa'inaatiin booji'amuu keessa jira.
Like share follow godha.
EEBBIFAMAA! ❤️
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Bishooftu
Adama