Gadisa berisa official

Gadisa berisa official

Share

Gadisa Berisa official

29/04/2026

Baay’een Gadda!
*****************
Oollaan bultee beeka, akkatti bulu abbaatu beeka jedhama.
Namni biyya kanaa kan siif gaddu, kan siif dhukkubsatu, gaafa duute qofaa dha. Jiraatti si jaji'anitu gaafa duute si jaju.
Gaafa jirtu maqaa si balleessu, gaafa duute sobaan maqaa kee ol kaasu. Obboleettin kun kichuutti tarkaanfii ulfaataa akkasii waa malee hin fudhanne.
Namni gaafa waan godhu dhabuu fi osoo dhugaa qabuu dhugaa isaa dhabu tarkaanfii ulfaataa akkasii lubbuu tokkitti qabu irratti murteessa.
Duuti hunda keenyaaf waan hin hafne dha. Amma obboleettii kichuu kanaaf waanti goonu hin jiru. Deemte waan ta'eef 2ffaa hin deebitu. Kaanaafuu ilmi namaa Hundi

Guyyaa tokko ni deemta, garuu deebitee hin dhuftu.
Guyyaa tokko ni rafta, garuu deebitee hin kaatu. Guyyaa tokko iji kee walitti cufama, garuu deebi’ee hin banamu.
Guyyaa tokko namoonni irra deddeebi’anii si waamu, ati garuu eenyuufiyyuu hin owwaattu.
​Gaafas cidha waa’ee keetiif qophaa’utu jira, ati garuu yeroo tokkoofillee mil’achuu hin dandeessu.
Guyyichi har’as ta’uu danda’a, guyyichi boris ta’uu danda’a. Maaltu beeka? Akkuma barreeffama kana dubbistee fixxeenis ta’uu danda’a.
Waggaa dheeraa yookaan gabaabaa boodas ta’uu danda’a; guyyichi hin beekamu.
Guyyaan tokko garuu akka jiru beeki.
​Guyyaa warri si jaallatanis, warri si jibbanis si arguu dhaban 😭.
Kanaaf, har’a warra si jaallatanis warra si jibbanis jaalladhu.
Bara xiqqoo lafa kanarraa qabdutti namas, uumaakees kabajii jiraadhu.
Har’umaa kaasi isa sitti balleesseef dhiisi.
Isa itti balleessites dhiifama gaafadhu.
​Dhiisuun ogummaadha! 🙏
Nagaan boqodhu 😭

Baay’ee nama gaddisiisa!!

22/02/2022
16/10/2021

Namni tokko amma karaa keessaa suuraa kana maxxansii Like tokko qarshii 2 Comment tokko qarshii 2 Share tokko qarshii 2 nan gumaacha nan jedhee jira.Like Comment Share gochuun uummata keessan gargaaraa.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Adama