Hawenbar page

Hawenbar page

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Hawenbar page, Health/Beauty, bole, Adama.

this page is a public page that uses for public.it means any person that you follow this page is you can share idea regarding to healthy.and learn from this page

14/07/2024

RAAMMOO KOOSOO

Raammoon koosoo kan nama qabu harki caalaan FOON
DHEEDHII nyaachuu irraati!
*************************************
Mallattoo
■ Dhibeen kun mallattoo agarsiisuu dhiisuu nii danda’a
■ Yoo mar’imaan keessatti baay’ate ammaa raammoo
adii, kan battee ta’e, bobbaatii waliin ykn akkanumatti
dhufee ba’uu.
■ Garaa ciniinnaa/dhukkubbii.
■ Haqqisiisaa/balaqqamsiisaa.
■ Dadhabbii (general weakness).
■ Fedhiin nyaataa baduu fi kkf dha.
*************************************
Akkamiin ofirraa ittisnaa?
■ Foon akka gaariitti bilcheessuun soorachuu (haga 63
oC)!
■ Foon gogsuun ashaboo /amoolee/ itti firfirsuun yeroo
dheeraaf yoo kaa’uu.
■ Nyaata kamuu nyaachuu fi qopheessuun dura harka ofii
sirriitti dhiqachuu.
■ Foon haga guyyaa torbaa, qurxummii ammoo haga sa’aa
24, Firiijii (refrigerator) keessa (haga -35oC) kaa’uu.
■ Bobbaa beeyladoota manaa fi kan namaa seeraan
dhabamsiisuun akka beeyladoonni manaa hin qabamne
taasisuu.
■ Beeylada manaa keessumaa saroota dhukkuba kana
qaban yaalsisuu.
*************************************
Yaala ni qabaa?
■ Haala salphaadhaan qoricha liqimsamu fudhachuun
garaa keessaa dhabamsiisuu ni danda’ama.
■ Erga garaa keessaa dhabamsiifnee ammoo maloota
ittisaa armaan olii hojiirra oolchuudha.

04/02/2024

"Kuullee¿¿¿"

Tibba kana "Qubee Afaan Oromoo" haaraa "uumne" miidiyaa hawaasaa
irra naanna’aa jiru irratti namnni keenya walqoodee yaadaan walitti bu’aa jira. Namootni tokko tokkos biirooleen dhimmi ilaallatu ibsa osoo itti kennanii jechuun keessaan nu gaafachaa jirtu.Waan al-idilee akkanaa kanaaf deebii idilee kennuun barbaachisaadha jennee hinamannu. Garuu akka qaama hawaasa kanaatti yaadan kenna.

“Foon lafa jiruuf allaattiin samii irratti walnyaatti, “ akkuma jedhamu yoo ta’e malee dhimmi Qubeefi Afaan Oromoo Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin dhimma tumamee bubbuleedha . kana jechuun Qubeen Afaan Oromoo rakkoo qaba jedhameetuu osoo itti amanamee qorachiisee uummata mariisisee kan heera kana jijiiru caffeedhuma malee nama dhuunfaa tasuma ta’uu hindanda’u . Kanaaf yaada qorataa tokkoo irraa ka’ame akka dhimma guddaa tokkootti hafarsuun badaa barbaachisaa miti . 'Academic excercise' ta'a akka hinjenneef rakkoo Qubeen Afaan Oromoo kana jedhee waan ibse hinqabu. Dhimmi kun karaa al-idilee ta’een deemaa jira malee qaamota dhimmi ilaallatu bira kara idileetiin wanti gaye hinjiru.Kanaaf akka allaattii samii irraa waan lafa jiruuf walfixuun barbaachisaa miti.

Hubannoof akka toluuf; biyya addunyaa 195 keessaa 141 ykn 72.3 % qubee Laatiniitiin fayyadamu. Kun kan ta’e sababa malee miti . Afaan Oromoo Qubee Laatiniitiin maaliif dhimma bahuun barbaachise kan jedhu Dr.Abdulsamad Mahaammad namoota guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gayee qaban kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad faa waabeffatuun haalaan Katabeera. Hubannoo keessan bal’ifachuf yaada isaa websaayitii irraa dubbisaa . Dr.Abdulsamd Mahaammad Afaan Oromoo wayita hojii jalqabu Afaan Oromoo waaltessuu keessatti jira wiirtuu jedhamee beekamu keessatti nama gayee guddaa qabuudha.

Hayyoota kana lamaan Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaad Mootummaan Naannoo Oromiyaa gayee isaan guddina Qubee Afaan Oromoo keessatti gumaachan hubachuun siidaa yaadannoo dhaabeefii jira.

Warri "Kuullee" ammoo qubee waggaa 31 hojii irra oole kana kan biraatiin bakka buusnee akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mohaammad Rashaa seenaa beekamtii argannaaf yoo ta’e
1ffaa kun aangoo eenyuu akka ta’e hubadhaa
2ffaa Wanti isin fiddan kun haraa irraa gaafa jalqabnu baasii inni gaafatu hubadhaa (waan woggaa 31 keessatti Hojjatame hunda gara qubee keessanii Kamatti jijjiiruuf nama leenjisuu baasii guddaa gaafata) .
3ffaa Qubee addunyaa gara guddaan fayyadamu irraa nu fageessa
4ffaa Gayee qaroo saba keenyaa kan akka Dr.Haayilee Fidaafi Dr.Sheek Mahaammad Rashaadfi namoota kumaaf kitila qubeef jedhanii aarsaa kafalan xiqqeessa
5ffaa Saba keenya addaan qooda. Kanaafuu osoo waan kana gadi teessanii ilaallatanii …

Sanbata Gaarii,
Source.
Bariiso.
education bureau

21/12/2023

Xuriin laguu kennaa addaa dubartoonni badhaafamanirraa isa tokko. Irra hedduun dubartootaa marsaa laguu guyyaa 28 qabu. Yeroo garii guyyaa 21 keessatti dhufuu danda’a. yoo akkaan turu ammoo haga guyyaa 35 turuu danda’a. guyyaa 21 gad ykn 35 ol yoo tahe rakkinni jiraachuu mala. Dubartiin hundi marsaa laguu xiyyeeffannaan hordofuu qabdi. Inumaa galmeessuun barbaachisaadha. Hordoffiin marsaa laguu rakkoo heddurraa nama oolchuu danda’a.

Wantoota marsaa laguutiin wal qabatan kan xiyyeeffannaa barbaadan irraa muraasa.

Dubartiin takka yoo akkaan guddate wagga 16tti heydii jalqabaa arguu qabdi. Yoo sanii gaditti itti dhufes waan rakkoo qabuu miti. garuu yoo wagga 16tti itti dhufuu baate haakima dhayxee laallamuu qabdi.
Dhiigni aadaa (heydiin) guyyaa 2-7 namarra turuu danda’a. yoo guyyaa 7 caale garuu waan shakkisiisu qaba. Tarii rakkinni jiraachuu mala.

Yeroo heddu dhiigni haphatee namarraa baha. Dhiigni haalaan guddatee ititaa bahuufi guyyatti moodasii 3 ol nama jijjiirsisu; ykn hanga amma dura dhufu caalaa daran baay’atee yoo yaa’e mallattoo rakkinaa tahuu danda’a. yoo mallattoo akkanaa ofirratti argan haakima dhaqanii laallamuun filatamaadha.
Yeroo xuriin laguu dhufu dhukkubiin xiqqoon namatti dhagahamuu mala. Dhukkubbiin hamaan dalagaa irraa nama olchu ykn dalagaa nama hin dalagsiisne yoo jiraate laallamuun barbaachisaadha.

Xuriin laguu tokko eega namarraa dhaabbatee booda, kan itti aanu osoo hin gahin jidduu jiddutti dhiigni yaa’u yoo jiraate, akkasuma yeroo abbaa warraatiin walitti dabalaman dhiigni namarraa bahu yoo jiraate, mana yaalaa deemanii laallamuu barbaachisa.


Sababoota xuriin laguu yeroo isaa osoo hin eeggatiin akka dhufuu godhan

Umrii Jalqabaa: shamarraan yeroo jalqabaatiif xurii laguu argan hanga waggaa tokko ykn lamaa; jidduu jiddutti addaan turaa itti dhufuu danda’a. Marsaan umrii jalqabaa ijoollee xixiqqoo yeroo jalqabaatiif heydii argan irratti wal keessa laaqamuun waan baramaadha.
Dawaa ulfa ittisu fayyadamuunis wantoota marsaa laguu wal keessa laaqanirraa isa tokko.
Ulfaatinni qaamaa garmalee guddaa ykn xiqqaa ta’es marsaa laguu irratti dhiibbaa mataa isaa qaba.
Sochii qaamaa humnaa olii
Dawaalee wal’aansa garagaraatiif kennaman. fknf qoricha Kaansarii, Gaggabdoo fa’af kennaman
Dhiphina fi yaaddoo daangaa dabre.
Rakkoolee hoormonii Taayirooydii, piroolaaktiinii waliin walqabatan.
Hirriba gahaa dhabuufi hojii halkanii
Dhukkuba ‘Polycystic o***y syndrome’ (PCOS)
Dhukkuboota yeroo dheeraaf nama irra turan (Severe long-term illness)
Araada garagaraa kan akka tamboo fi alkoolii
Dubartoota gurguddoo akka Kaansarii fiixee gadaameessaa
Dabalatanis rakkoolee ulfi namarraa bahuu fi dhibeewwan walqunnamtii saalattin daddarban marsaa laguu wal keessa laaquu danda’u.
Akkamitti If-Gargaaruu Dandeenya
Gargaarsi ofii goonuu fi yaalli isaa sababa isaa irratti hundaaya.

Nyaata madaalawaa ta’e soorachuu
Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta’e qabaachuu
Dhiphina fi yaaddoo hamaa xiqqeessu
Araada/Suusii garagaraa dhiisuu
Sochii qaamaa yeroo yeroo adda kukkutaa (intermittent) hojjechuu
Qoricha ulfa dhoorgu ajaja haakimaa qofaan fayyadamuu.
Rakkolee hoormonoota akka taayirooydii fi piroolaaktiinii waliin walqabatee, dawaa mana haakimaatii kennamu fudhachuun sirreessun ni danda’ama. Kanaan alattis rakkoolee biroo adda baasanii yaalamuun baayyee barbaachisa.

Hubachiisa: Yeroo dubartiin wol hormaata dhaabuuf deemtutti dhiigni xurii laguu xiqqachuu, turaa turaa dhufuun inuma jirata. Akkasumas woggottan jalqabaa heydiin eegalu irratti xuriin addaan ciccituun jiraachuu mala.

19/12/2023

Dargaggummaa
Ergaa Ajaa’ibati osoo hin dubbisin bira hin darbiin
Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay’ee hawwamaadha. Dargaggummaan umurii dhala namaa keessaa yeroo baay’ee hawwamaadha. Bara humni jiru, bifa tolan, bara hojjechuuf yeroo qaban, bu’anii ba’uun namaaf salphatuudha. Filannoon jireenyaa kan heddummatu umurii kanatti. Boca jireenya keenya gara duraa kan murteessus sadarkaa kana!

Egaa jireenya keenya gara duraa kan bareechinus ta’e kan balleessinu daangaa umurii dargaggummaa keessatti. Dargaggoonni kaan har’a keessa taa’anii borii isaanii ibsatu, warreen biroon immoo borii isaanii har’a keessatti dukkaneessaa jiraatu. “Youth is the best time to be rich, and best time to be poor” jedhu warri adii!

Bakka ati yeroo dulluma kee teessu gocha bara dargaggummaa keetu murteessa.
Dadhabbii kee har’aattu walitti idaa’amee bor siif kennama. Kanaaf hojiitu dhibe, qarshiin dhabe, fira na gargaaru hinqabu…waan hinqabne yaaduu dhiisii, waan qabdu yaadadhu. Marattee taa’uu dhiisii ka’ii socho’i!

Dargaggeessi kaayyoo jiraatuuf qabu haala rakkisaa keessa dhabatee galma guddinaa arga. Filannoo argatteef qofa hinfilatu. Maalitti akka goruufi maalirraa akka goru haalaan beeka. Waan isa barbaachisu osoo hintaane, waan caalaatti isa barbaachisu irratti xiyyeeffata. Ba’aa matii ta’ee jiraata osoo hintaane maatii irraa ba’aa hir’isa. Maatii isaatu yaadda’a osoo hintaane, maatii isaaf yaada!

Addunyaa kanarraa baay’inaan toora duraa irra kan jiru dargaggeessa. Biyya kana keessaas dhibbantaa 77 dargaggoota akka ta’an qorannooleen addeesu. Kana jechuun eenyu caalaa iyyuu jijjiiramatti dhiyoo kan jiran dargaggoota. Kan nama gaddisisu garuu carraa nuti qabnu kun akka albuuda Afirikaati. Itti hinfayyadamnu!

Guyyaan har’a waan hindarbine yoo sitti fakkaate dogongoraa jirta. Dargaggoonni akkasitti yaadan fagoo hingahan. Utuu waan darbu hinfakkaatin darba. Humni har’a qabdu bor ni dhiba. Umuriin namaa dungoodha. Irraa gadi hir’achaa deema. Kana beekanii yeroo hojjechuu qabanitti hojjechuun, yeroo boqonnaan barbaachisutti akka hinjoorre nama oolcha!

Dammaqi! kana dura osoo hinbeekin umurii kee qaalii kana akkasumaan dabarsaa turte ta’a. Amma garuu nama kaayyoof jiraatu ta’uu qabda. Ati eenyuunuu gadi miti. Tarii haalli ati keessa jirtu hangas mijachuu baachuu danda’a. Garuu haala kana mijeessuuf humna qabda. Seenaa namoota gurguddoo sanaa qoradhu. Godaa ka’anii gaara ba’ani!

Gaabbii umurii dullumaa jalaa ooluuf umurii dargaggummaatti haalaan fayyadami. Maal iyyuu hojjedhu, garuu wanta hojjettu sanatti cimi. Carraaqi, fiigi, dafqi, dubbisi, baradhu…hojjedhu. Milkaa’inni balaa tasaa miti. Akka guyyaa du’aas ofiin sitti hindhufu!

Namni tokko si dagachuu ni danda’a. Namni dagatamuu barbaadu hin jiru. Ta’us dagatamuun baay’ee nama miidha. Namni tokko sababii garaagaraatiin si dagachuu ni danda’a. Isaan keessaa muraasni hojiidhaan/dhimma ofii isaatiin qabamuu, rakkina waan tokko yaadachuu, fi isaan kuun beekaatuma si dagatu. Yeroo kanatti 1) ati of hin dagatin, 2) bakka hin taanetti hin argamin, 3) of guddisi

17/12/2023

MAALTU ARAADA/SUUSII KEESSA NAMA GALCHAA?

Dooppaamin/Dopamine

Hormoonin kun irra caalatti(80%) kan burqu sammuu keessatti yoo tahu, wantoota guyyaa guyyaan nuti dalagnu galma gahuufi gahuu dhabuuf shoora ol'aanaa kan dalagu isa.
gaafa waanta yaanne tokko hojirra oolchuuf jennu hammamtaa baayyeedhaan kutaa sammuu "substantia nigra" fi akkasumas "limbic sytem" irraa ni burqa.
fkn hardha ergan wanta kana post godhe "like" hangam akkan argadhe nan ilaala,nattis ni tola. Yeroo kanatti dopamine ni burqa.yeroo dhufuuf akkan post godhu keessoo kootti gammachuu uuma,akkasumas post godhi jedhee garasitti na dhiiba. Namni tokko na caalee yoo argame akkamitti na caale jechuun gaafan yaadu ammas dopamine ni burqa.odeeffannoolee adda addaa kanan yaadu "save" naaf godha.karaan ittin isa injifadhu nan yaada. Akkan hojiitti hiikuuf gara fuulduratti na dhiiba.
Akkasumas wanta gaarin hardha dalage kan qaamni koo itti tole tokko odeeffannoo isa kuusuudhaan yeroo itti aanu fidi fidi nama goosisuun araada keessa akka gallu ni taasisa.
yeroo itti aanutti wanta sana yeroon argadhu nan gammada jechuudha.

Faallaa kanaan wantoota gaggaariis akka dalagnu kan nu si'eessu isadha.
deemsa,yaadaa fi dhiibbaa dhiiga keenyallee hogganuu keessatti hoormooniin kun shoora guddaa taphata kan hogganu hormooni kanadha. Fakkeenyaaf hirdhinni isaa dhukkuba Paarkison(parkison disorder) jedhamaniif "schizophrenia"f, dhiphinaafi kkf nama saaxila.maal kana qofaa akka yaalli bineeldota irratti godhame agarsiisutti bineeldonni bakka hoormooniin kun irraa burqu irraa dhabamsiifame nyaata illee hin barbaaddatan.fedhii nyaataas hin agarsiisan.
Afaan keessa yoo kaa'ameef qofadha kan isaan sooratan.Walumaa galatti fedhii waan tokkooyyuu hin agarsiisan.
Kutaa 2ffaan Itti fufa......

Fayyaa hin dhabinaa!

30/11/2023

Afrikaa keessatti dhukkubonni Tamboo xuxuutti hidhatanii uumaman, rakko daran hamaa ka geessisaa jiran ta’uu Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa (WHO) ibsee jira.

Kutaalee Afrikaa hanga tokko keessatti waggootti dhufan 12 keessa tambootti gargaaramun ka dachaan dabalu tahuu gabaasaaleen haarawa bahan akeekkachisanii jiru.

Gareen “ Global Smoke Free Partnership “ jedhamu akka gabaasetti, uummata Afrikaa jiran keessaa dhibba irraa harka 90 ka ta’an, nama tamboo xuxxuu waliin waan jiraataniif, tamboo namni biraa xuuxuu irraa aarri bahu akka hafuuraan qaama isaanii hin seenne ittisuuf carraa hin qaban.

“Itiyoophiyaa keessatti Tamboo xuxuu akka biyyoota adunyaa ka biroo ittisuuf, seerri ba’e hin jiru” ka jedhan Yuniversitii Finfinnee Kutaa wal’ansa Fayyaatti, itti gaafatamaa waa’ee dhukkuba Sombaa ka ta’an Profesarrri-gargaaraan Amsalu Baqqalaa “ hubaatiin Tamboo xuxuun geessisu rakkoo dhabamuu fayyaa qofa otoo hin taane, rakko dinagdee fi hawaasummaa waliin illee hidhata qaba” jedhu.

26/11/2023

CARRAA UUMAA
@ "Dhiirri hanga du'utti dhalchu danda'a " jechu dhageeysani.
$ Saayinsi ho maal ja'a laata !
@ caasaan seeli wal hormaataa shamarraani oomishamuu kan jalqabu yero isaan gadameessaa keessatti uumamuu jalqabanirraahi .
@ shamarraan gaafa dhalatan caasaa seelii wal hormaataa miliyoona 1-2 ta'u waliin dhalatu.
@ yeroo dargaggummaaf ga'utti hanga 500,000 tu hafa.
@ ji'a ji'aan hanga 1000 kan ta'utu yero marsaa laguu ( menstrual cycle ) hir'achaa deema .
@ waggaa 40 booda kan hafuu lakkoofsaan xiqqaadha. Kanaf carraan daa'ima godhachuu baayyee hir'ataa deema ,akkasumaas laguu isaani ni dhaabbata.
$ caasaan seelii wal hormaataa / speermii/ kan dhiirota oomishamuu kan jalqabu umrii waggaa 10-13 irraa kaase hanga du'aatti.
$ dhangala'aa / ijaakuleeshinii tokko keessaa seeliin speermii hanga miliyoona 40 olii jira.
$ waggaa 40 irraa eegalee hammi isaa fi bocni ,dandeettin isaa hir' achaa waan deemuuf carraan daa'ima godhachuu hir'aatulle akka kan shamarraani hin ta'uu
$ kanaf carraan shamarraan daa'imaa arkachuuf qaban yeroon daangeffamaadha.
😊 kanaf taffi taffi jedha isiinin jedha shamarraan 🍀😊
By -*Hawenbar
Ilmoon firii jiruuti
GALATOOMA !!!!!

25/11/2023

I have reached 100 followers! Thank you for your continued support. I could not have done it without each of you. 🙏🤗🎉

16/09/2023

Yeroon gaheera.only 22 days left

16/08/2023

Dargaggoonni hedduun Qoricha qaama saalaa dhiiraa kaasu hedduminaan fayyadamuun dhiibbaa hamaaf saaxilamaa jiru!

Yeroo amma kana qorichoota baayinaan biyya keenya keessaati gurguramaa jiru keessaa tokko qorichaa qaama saalaa dhiiraa laafe kaasu Vaayigiraa jedhamudha. Qorichi kun haala nama yaaddeessuun irra caalaatti dargaggoonni keenya hedduminaan fayyadamaa jiru.

Mee waa’ee qorichaa kanaa waliin haa ilaallu
Qorichii Vaayigiraa ykn Siildenaafil jedhamu kun ogeessa fayyaan namoota rakkoo fayyaa kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa qabaniif akkasumas namoota dhiibbaa dhiigaa somba keessaa (Pulmonary hypertension ) qabaniif kennama.

Qorichii kun namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dide ykn kahuuf dadhabaa taheef kennama. Kunis namoota sababa umurii fi dhibee fayyaa buleeyyii akka Dhibee sukkaaraafi kkf qabaniif ogeessa fayyaan kennama.
Ogeessi fayyaa tokkos qorichaa kana yoo ajaju namni sun Rakkoo fayyaa kan biro kanneen akka dhibee Onnee , Dhiibbaa dhiigaa, dhibee kaleefi tiruu akkasumas qorichaa inni dhibee biraaf fudhatu ilaalee kenna. Garuu haala yeroo ammaa argaa jirruun qorichi kun bakka garaagaraatti ajaja ogeessa fayyaa ykn hakiimaa malee yeroo gurguramaa jiru argaa jirra. Keessumaa dargaggoonni umuriin isaanii waggaa 20 gadi tahellee qoricha kana yeroo isaan fayyadaman nii argama.

Qorichii kun maashaa ujummoo dhiigaa qaama saalaa keessatti argamu diriirsuun dhiigni gara ujummoo dhiigaa qaamaa saalaa keessa jiru akka guutu gochuun qaamni saalaa akka kahu godha.Kanaaf sababa rakkoo fayyaa garaagaraan namoota qaamni saalaa isaanii kahuu dideef ykn jabaachuu dideef(Erectyle dysfuntion) ajaja ogeessa fayyaan kennama.

Qorichi kun namoota rakkoo fayyaa garaagaraa kanneen akka dhibee onnee qabna, dhiibbaa dhiigaa,dhibee kaleefi tiruu hamaa, namoota qorichaa dhibee onneef kennaman tokko tokko fudhataniifi kkf waliin yoo fudhatan rakkoo biraa irraan geessisuu dandaha.Kanaaf ogeessi fayyaa rakkoo kanaaf kana fakkaatan ilaalee erga adda baasee booda kennuu qaba kan jennu.

Namoota qorichii kun ajaja ogeessa fayyaan kennameef waan isaan beekuu qaban keessaa muraasni:-
1. Qorichaa kana wal-qunnamtii saalaa dura daqiiqaa 30 – sahaa dursanii fudhachuu qabu
2. Guyyaatti yeroo 1 qofa fayyadamuu qabu
3. Doozii ykn hamma ogeessi fayyaa ajajee kennerra dabarsuu hin qaban
4. Qorichii kana fudhatanii sahaa 4f walitti aansee qaamni saalaa isaanii kahee dhaabatee yoo ciisuu dide dabalataanis kahee hedduu dhukkuba yoo tahe hatattamaan mana yaalaa deemuu qaba
5. Mallatoowwan akka dhukkubbii laphee hamaa, rakkoo arguu ijaa, hafuurri namatti ciccituu, harma miilaaf qaamni biraa dhiitahuu,hurka ykn dafaqa garmalee argitanii hin beekneefi kkf yoo isin quunname hatattamaan mana yaalaa deemuu qabdu.

Fayyaa hin dhabinaa !
page

15/07/2023

Wangeelaa
Si dhagaheen gammada
Kufeen sifi sagaddaa
Hallii hojjii keeti addaa
Misirachoo lallabda
In gubda akka abidaa
Fagoodha nama fida
Babalifadhu hidda
Wangeelaa gorsa hunda
Dubbiin ke hin qabu mudaa
si qabna rajii guddaa
Isa Eebbaa furdaa
Warrii sifi ofi kennanii
Angoo ke Kan beekaanii
Si qorannaa jedhanii
Bakka bayyee seenaanii
Waa'ee seenaa eraanii
Geology seenaanii
Gara si galgalchanii
Bayyee si gangalchanii
Serrata ke Eeganii
Hamma tokkoo si yalaanii
Murasaa baraanii
Itti walalaanii
Ati yeroo hundaa haraadha
Wolalootaafi karaadha
Kan sin mormuu daraadha
Wangelachin iko setenal Mirko
Nuufi taa'eeraa hirkoo
Adiidha fi gurrachii kana dhagahanii
Our God is very sure jedhanii hasa'anii
Isin hoo maal jettu
Hardha waa'ee kana
Wa hundumaa danda'u Isa
Sirritti amanàa *2

27/03/2023

Qoraasuma Sammuu

"Kitaabota kuma dubbisi, jechoonnikee
akka galaanaa dambali'u" - --Virjiiniyaa Woolf

Namni kitaaba dubbisu osoo hin du'iin dura, waggoota
kumaatama hedduu jiraata. Namni hin dubbisne garuu si'a
tokko qofa jiraata. Akkuma soorachuuf yeroo qoodnee:
Ciree, Laaqana(Nyaata guyyaa) fi Irbaata(Dhiyana) jennee
garaa keenya soorru, kitaabotas sagantaan qoodnee
dubbisaa, sammuu keenya sooruu qabna.
:-

Arraba gabaabsa
Afaan dhiphisa
Sammuu bal'isa
Wallaalaa qaroomsa
Beekaa daraan qara.

Kunneen bu'aa dubbisuuti, ammoo hayyoonni adda idil-addunyaatti dhiibbaa gurguddaa uumuudhaan beekamanis bu'aa dubbisuuti. Kana qofaa osoo hin taane, kalaqaawwan gurguddoo addunyaan kun itti fayyadamaa jirtus warri nu badhaasan, namootuma hiriyaa kitaabaa turanii fi hidhata kitaaba waliin qabanidha, ammoo warra dubbisuun nyaata nyaatanii olitti itti mi'aawudha. Kitaabonni gurguddoon dhiibbaa cimaa uumuudhaan beekaman, kan dhaloonni labataa labatatti darbee dubbisuus namootuma dubbistoota ciccimoo ta'antu, barreessee addunyaa kanaaf laate. Ammoo kitaabonni sun dafqa jabaatanii dubbisuu, keessaa argamidha.

Barreessaa cimaa ta'uudhaaf dursa dubbisaa cimaa ta'uun dirqamadha.

Galaanni hin jirre hin waraabamu. Isteefan Kiingi namni
jedhamu akkana jedhee ture, "Yoo barreessaa ta'uu barbaadde waan hunda caalaa wantoota lama gochuu qabda;
Baay'ee dubbisi, achii baay'ee barreessi!" Dhugaa dubbachuuf taanaan aalbeen osoo hin qaramiin waan tokko muruu hin dandeessu. Sammuun namaas akkasuma. Waa barreessuun dura dubbisuun dirqama barreessaa tokkorraa eegamudha. Sammuu kitaabota adda-addaatiin dubbisee utubame qabaachuun waan dansaati. Waa'ee dubbisuu yoo haasa'uu hayyuun beekamaan addunyaa fi mirga gurraachotaaf falmuun beekamu ture Maartiin Luuter Kiing akkas jedha ture, "Dubbisuun afaan si cufa osoo hin taane, haasaa sin madaalle si tuffachiisa!" jechuun kitaabaaf nama walitti hidha. Dubbisaan sirriin yoo dubbatu haasawaan isaa akka dammaa namatti mi'aawa.

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address


Bole
Adama

Opening Hours

Monday 09:00 - 17:00
Tuesday 09:00 - 17:00
Wednesday 09:00 - 17:00
Thursday 09:00 - 17:00
Friday 09:00 - 17:00