iftuu Oromiyaa
Dhimmi koo Dhimma Keetti Beekin!
20/11/2022
DHIIBBAA DHIIGAATIIF:
*************************
☆ Nyaata sooqidda hin qabne nyaachuu ykn
sooqidda nyaata keenya keessaatti daran xiqqeessuu (guyyatti wolumaa galatti sooqida moonqaa shaayii tokkoo gadii) ykn guutumatti nyaata sooqida hin qabne fayyadamuu.
☆ Fuduraaf Kuduraa Pootashiyeemi baay'ee of keessa qaban kan akka Muuzii, Abukaadoo, Aapilii, Mixaaxisha(Dinnichaa mi'aa), Shaanaa fa'a fayyadamuu. Hundee diimaa, kaarotiifi qullubis fayyadamu.
☆ Nyaata akka foon diimaa, killee/buuphaa, coomaa fi dhadhaa daran xiqqeessu.
☆ Tamboo ykn Sigaaraa xuuxuu dhiisuu ykn aarsuu dhabuu.
☆ Hamma Alkoolii dhugnu guyyatti dhiiraaf gara biiraa lamatti, dubartiif ammoo gara biiraa tokkotti, gadi buusuu ykn guutumaan guutuutti dhiisu. Dhugaatileen adda addaa hammi alkooliin isaan qaban garagara waan ta'eef dhiiraaf alkoolii 28g (giraama 28) dubaraaf ammoo 14g gadi ta'uu qaba. Ykn Guutumatti dhuguu dhabuu.
☆ Buna baay'isanii dhuguu dhabuu ykn dhiisuu. Bunni namoota tokko tokko irratti dhiibaa dhiigaa yeroo gabaabduuf haalaan ol kaasu danda'a.
☆ Sochii qaamaa ( deemsa ariifanna, daakkaa, daansii, kubbaa miilaa, fiigichaa fi kkf) guyya guyyaan daqiiqaa soddomaaf yoo xiqaate torbaanitti guyyota shaniif hojjachuu. Kana yeroo dheeraaf hojatanii addaan kutuun dhiibaan dhiiga akka ol ka'u godha. Kanaaf dhaabbanaan hojjachuun barbaachisaadha.
☆ Ulfaatinna qaama keenyaa hirdhisuu. Keessattu ulfaatinna qabaachuu qabnuu ol yoo ta'e/ulfaatinna hojjaa ykn dheerinna keenyaan wolhin madaalle yoo ta'e.
☆ Haguma danda'ameen Cinqaamuuf dhippachuu dhabu. Dhiphinna ofirraa to'achuu.
☆ Dhiibba dhiigaa keenya yero yeroon saffaramuu, hordoffii yaalaa haalaan hordofuu. Hunda caalaa gorsa doktorri keenya nuuf kennutti fayyadamuu.
----
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
----
©Dr. Nuredin Luke
12/11/2022
Abshir Guyyaan hin darbinee hanga ammatti hin umamaanes ganaas hin umamuu wan hundii Harkaa rabbii jira.
Jireenyi Badhaadhina jireenya lubbuutti booda Rabbiin jireenya Qananii sif haa kennuu jabaa nama Qabeenyii ni dhufas ni darbas muddannoon kun sii qofa Miti nama Quuqama Oromummaa qabu hunda kan muddate fi mudachaa jirudha
Dhimma anaaf Obbo Lammii Taayyee ilaalchisee waan na mudate sababnin haga har’aa calliseef,
1ffaa akka Ilma Oromoo tokkootti aadaa qabna akka aadaa keenyaatti waan maanguddummaa bira darbitu hin seene.
2ffaa Waa’ee Konkolataa dhabuu koo osoo hin taane waa’ee warra miila dhabaa jiruu, waa’ee Uummata lubbuu dhabaa jiruu fi kan maatii dhabaa jiru jalaa ajandaa fudhadhee sagalee xiqqoo isaan qaban tana jalaa hin hatu jedheeni.
Namoonni dhimma koof akka malee aartanii miira keessan ibsachaa turtanis jaalalaaf kabaja Oromummaa fi nageenya koof waan dhimmamtaniif hedduun isin kabaja ulfaadhaa!
Ani Jabana Roorroo irraa haga saaqi saanqaatti Konkolaataa mitii kophee gaarii osoo hin qabaatin, akka bineensaa adamsamaa, lubbuu koo irratti murteessee hiriyoota koo jajjaboo hedduu faana baqachuurra du’a filadheen waan keessa koof keessa uummataa jiru baasee dubbachaa ture. Kophee malees waggoota baay’ee deemeera waan ta’eef tarii yoon qananii wallaale malee rakkninaan waliif haaraa miti.
Hawwii Bilisummaa malee Aartii Oromoo keessa akka artistii keenya abaluun jireenya gaarii jiraadha wanti jedhamu hin jiru. Dhugaa sabaaf jiraattee isumaaf aarsaa taata. Anis tasa karaarraa itti goree osoo hin taane beekeen itti seene. Waa’ee koo akka haasa’amu hawwee hin beeku. Jaalattoota koon faarfamuu illee akka fannoottin ilaala.
Jaalattoota koo “ishoo” naaf jedhuu fi diina “qabi afaan kee hiree Eebbisaatu si eeggata” jedhee natti dhaadatu irraa kan hafe, Abalu naaf faarsi ykn abalu naaf arrabsi jedhamees ajajni qaama kamuu irraa natti kennamee sirbee hin beeku.
Erga dubbiin Konkolataa koo shira ta’uu baree Ji’a jaha guutuu namoota dhimma kana karaa adda addaa dhagahanii maxxansuuf na gaafatan dhorkaa kan maxxansan kadhadheen haqsiisaa ture. Maaf nu dhorka jettanii Kan anaaf jecha anatti mufattan baay’ee turtan.
Obbo lammiin biyya keessatti namootan ani kabjuuf jaaladhu hedduu jaarsummaaf yoo gaafatan na harkatti tuffatee daangaa irraan biyyaa bahe.
Erga Keeniyaa galeeyis namoota inni Boordii FIB Keeniyaa jedhee maxxanseen gaafachiisee deebii laachuu hin barbaanne.
Ammas hinuman dhokfadhe. Haadha fi abbaa koon illee soba konkolaataan koo garage jira jechaaniin ture.
Isin dhorkaa kanan tures isaaf haguuguuf ykn ofii balleessaa ta’ee osoo hin taane dhimma dhuunfaa koo tuffadheen waaqaa fi yeroof dhiise. Ani waaqaaf dhiisee deebi’ee harka hamaatti akkan hin kufne waanan beekufi.
Har’a karaan ani hin eegnen shirri wal fakkaatu namoota biraa irratti raawwatame isa saaxile. Dhibeen miidiyaa FIB keessa ture ifa bahuu keessa shira narratti hojjetame ani dhoksadhee ture faana bulgaafate.
Waa hundi yeroo isaa eeggatee ta’a.
Abbaa dhugaa yerootu ifa baasa, kan daba hojjetes yerootu saaxila!
Waan qabaachuu qabnus boru walumaan qabaanna.
Akka Oromoon nu jaalatuuf Pilaanii dhaba biyyaa malee pileeniiyyuu hin dhabnu!
Kan dhugaa dhabe maraaf waaqni haa birmatu.
Erga jalqabamee jedheen kaase malee dhimma kana irratti kana booda homaa hin dubbadhu waan ta’eef gara dhimma Oromoof haa deebinu.
Abbaan Boruu waaqa ta’uu beekna!
Na oofkalchaa!
Mee Ameen/Leeeeel jalaa jedha bu'aa qabdii isiin irraa haa Qeebalu rabbii!
03/11/2022
Oromiyaa Midhaagdudha!
03/11/2022
Garaan murtii hin Qabne Diina Abbaatti!
Olmaa Gaarii isiniif Hawwaa!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Website
Address
Adama