Yasin muudee

Yasin muudee

Share

wanti calaqqisu hundi warqii sitti hin fakkaatin !

10/03/2024

Remedan Kerim to all Muslims around the world.

Ittiin nu geeysee irraa nu milkeeysi 🧘‍♂️

01/02/2024

Dhaloota khuullee ❗💪

20/01/2024

AMALOOTA BARBAACHISOO TA'AN .
~~~~~//~~~~~
❍ Akka hayyuun xiinsammuu Steevan Koovey kitaaba isaa ''The Seven Habits of Highly Effective People'' keessatti barreessetti namoonni jiruu fi hojii isaanii keessatti milkaa'an amaloota tokko isaan godhu
torba qabu! Amaloonni kunneen qorannaaf qo'annaa bara dheeraatin booda kan argamaniidha.
~
1. Be Proactive ⁃ Nama dursee yaadu, osoo rakkoon tokko hin dhalatiniin duratti nama itti
qophaa'u ta'uu. Waan fagoodhaa namatti as deemaa jiru lafuma jala tilmaamudhaan itti qophaa'uu!

2. Begin with the end in mind ⁃ Waan tokko wayita eegalan kaayyoo dhumaa sammuu keessatti qabaachuu, waan hunda dura mul'ata isa dhumaatif xiyyeeffannaa guddaa kennuu. Gufuulee xixinnoo nama mudataniin sakaalamuu osoo hin ta'in kaayyoo keenya bira gahuuf kaayyeffanne sana yaadachuun jabaachuu.

3. Put first things first ⁃ Waan dursuu qabu dursuu. Waan hunda altokkotti galmaan gahuun waan hin danda'amneef wanta dursa kennuufii qabnu dura hojjechuu.

4. Think Win Win ⁃ Hariiroo namoota waliin qabnu keessatti gareen lameenuu haala itti injifatu irratti xiyyeeffachuu. Ofuma qofaaf milkaa'uu fi gammaduu osoo hin ta'in namoonni kan biroos akka gammadan yookin akka sababa keenyaan miidhaan irra hin geenye yaalii godhuu.

5. Seek First to understand and then to be understood ⁃ Namoonni maalif na hin hubanne jechuudhaan duratti namoota hubachuudhaaf yaaluu!

6. Synergize ⁃ Wantoota hojjannu keessatti waan qabnu hunda, yeroo, dandeettii, maallaqa keenya wal dandeessisuu.

7. Sharpen the Saw ⁃ Ilaalcha keenya qaruu. Waan tokko akkaataa sirrii ta'een hubachuuf yaaluudha.

Waan dubbifnerraa .

16/07/2023

Set an other goal after you have successfully completed the one you have started.🙏

15/07/2023

Isin Haa tolchu hiree ❤
~
Warraa wajjiin waaru Rabbiin isin haa godhu
Baga guyyaa gammachuu keessanii agartan
Hiriyaa kiyya Engineer Hassen Abdulwahab fi shamarree Araboo Husseen naaf Eeybisaa🌹

07/07/2023

~
Mana abbaa Gadaa kanuma karaanii
Feetu gubbaan ,feetu jalaan koottu yoo si yaade garaani ×2
~~~~~//~~~~

27/06/2023

Eid mubarek to all muslim brothers and sisters on all over the world.

03/06/2023

Amalumaaf qabaadhu ilaalchaa fi yaada gaarii
Akka deebisee sin gargaarre osuma beektuu gargaari
~~~~~~//~~~~

20/04/2023

Eid mubarek to all muslim brothers and sisters

10/04/2023

DhibeeTOONSILII
~~~~~~~~~
MALLATTOOLEE
1. Dhukkubbii qoonqoo (liqimsituu).
2. Mormi yoo tuttuqan fi nyaata liqimsan nama dhukkubuu.
3. Yoo afaan bananii ilaalan xannachi toonsilii (kan gama bitaaf mirgaa harsasseetti argamu) garmalee diimachuu fi dhiita'uu, mataa dhukkubsuu, dhagna gubuu.
4. Nyaata jibbisiisuu, gurra dhukkubsuu, foolii afanii balleessuu, xannacha hiitessuu fi kkf.
Hubachiisa: daa’imman irratti mallattoowwan kana hundaa eeguu hin qabnu, balaqqamsiisuu fi garaa dhukkubsuu qofaan of ibsuu danda,a waan taheef.
~
Hawaasni waalgochuu qabaa?
1. Dhukkubni kun garmalee waan daddarbuuf namni dhukkuba kanaan qabame haga mana yaalaa deemee fayyutti warra kaanitti qufa’uu, haxxiffachuu, osoo harka sirriitti hin dhiqatiin waliin qodaa garaagaraa irraa fayyadamuu dhiisuun miseensota maatii ka biraatti akka hin dabarre gargaara, keessumaa daa’imman.
2. Qoricha mana yaalaa nuuf kenname guutummaatti fudhannee fixuu baannaan rakkoo biraa irra nu buusa. Kanaaf seeraan fudhannee fixuu qabna.
3. Rakkoo toosilii irra darbee qaamota biraa akka onnee fi kale irra miidhaa waan geessisuuf gara mana yaalaa deemuun dirqama.

Fayyaan Hundaaf
~~~~~~~//~~~~

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Telephone

Website

Address


Adama