Ahmed Tajo /4Qalo

Ahmed Tajo /4Qalo

Share

Oromummaa ko itti boonaa!!! Amaanitin ko jiruu koti!!

11/09/2026

Taareqany Bulultaa Godaanaa, Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uu qaba!

***Jirra24/7🌕

Bulultaa Godaanaa, Pireezidaantii Oromiyaa ta’uu qaba! Shimallis Abdiisaa aangoo qabatee waggaa 8 ol tureera. Gadaa aangoo fixateera akka aadaa Sirna Gadaa oromoo fi ammayyaassi.

Oromoo gosa tokko irraa deddeebi’ee Pireezidaantii Oromiyaa ta’uun argaa oolla. Oromoon akka Gujii, Booranaa, Karrayyuu, Gabraa, Wolloo, fi kkf. keessaa hanga har’aatti Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’ee tajaajile hin jiru. Kun gaaffii guddaa kaasa. Aangoon Mootummaa keessatti Oromiyaa yeroo hunda Ganda ykn gosa Oromoo muraasa qofa irratti maaliif hunda’a?

Sirni Gadaa Oromoo keessatti aangoon gosa tokko, maatii ykn ganda tokko qofatti walitti qabamee dhaloota irraa dhalootatti hin darbu. Gadaan aangoo waljijjiiruun, hirmaannaa bal’aa fi walqixxummaa irratti hundaa’a. Kanaaf, sirna siyaasaa Mootummaa Bilixiginnaa keessattis mootummaa naannoo Oromiyaa keessatti gosa hundaaf carraan waqixa ta’e uumuun barbaachisaa dha.

Taareqanyi Bulultaa siyaasaa Bilxiginnaa cimsinee deeggaruu isaa namoonni hedduun ni dubbatu; harka mirgaa Bilixiginnaa jedhamuunis beekama. Yoo dhugumaan Bilxiginnaa garaagarummaa fi walqixxummaa Oromoo kabajuu irratti amantii qabdi ta’e, maaliif namoota akka Taareqanyi Bulultaa Godaanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa akka ta’u hin ilaalan? Nama mootummaa deeggaru ta’ee osoo jiruu, carraan sun maaliif isaaf hin kennamne? Gujii Waan te’eefii ? Ganda Keessan irraa waan dhalatuu dhabeefii?

Oromoonni gosa garaagaraa aangoo Mootummaa sadarkaa ol’aanaatti walqixa hirmaachaa hin jiru jechuun Oromoon hedduun Komata. Yoo PP’n walqixxummaan, tokkummaan fi diversity Oromoo amantu ta’e, hoggansi olaanaan Oromiyaa gosa Oromoo hunda irraa walqixa akka dhufu gochuun murteessaa dha.

Yoo kana hin ta’in, Oromummaan wolqixxummaa hin qabaannee, hojii irra ooluu dhiisee dhaadannoo qofa ta’ee hafa. Kanaaf gaaffiin uummanni gaafatu sirrii dha: Oromoon gosa biraa hogganaa Milishaa Oromiyaa qofa ta’uu hin qabu.
Pireezidaantii Naannoo Oromiyaas ta’uu qaba.

Gosi Oromoo Biraan Maaniif Pireezidaantii hin ta’u yoo jedhamu:
- Dandeetti hin qabu
- Barumsaa hin qabu Jedhu. Kun Fudhatamaa hin qabu. TOOFTAA Siyaasaa jarri itti fayyadantu. Oromiyaan gosi tokko qofti bulchee; tokko Garbaa ta’ee jiraatu umurii hin qaddu.

Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gosa Oromoo tokko qofa Ta’uu hin qabu.

Photos from Oromia Media Network's post 19/08/2024
Photos from Ahmed Tajo /4Qalo's post 18/08/2024
17/06/2024

Biyyoota Lixaa hirriba kan dhorke daawwannaan Puutin Kooriyaa Kaabaatti taasisu dhugaa ta'uuf deemaa?

Kiim Jong Un erga baabura rasaasni seenuu hin dandeenyeen gara daangaa Raashiyaa gara Bahaa dhufanii Puutin waliin wal arganii akka Puutinis Kooriyaa Kaabaa daawwataniif afeeran.
Puutin waamicha kana osoo keessa hin deeb'iin simate.

https://bbc.in/3KPIThj

↪️↪️

16/06/2024

Oromoon bakka akkas badhaadherra taa'uunsaa tasa natti hin fakkaatu
Qorattuun Ameerikaa kun dhimma qabsoo siyaasa Oromoo fi jiruuf jireenya uummatichaa irratti hojjechuun waggoota hedduu dabarsaniiru. Lammii Ameerikaati. Waa'ee teessuma Oromiyaa irraa kaasuun waan himan qabu.
👉👉 https://bbc.in/3xlZTIS

Category

Website

Address


Barnootan Kan Deegaramee
Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ahmed Tajo /4Qalo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Adama.