Islamic P I C T U R E
Islamic Picture
12/10/2025
27/09/2025
Fi Gorsa Addaa🙏💃
..👂👂
Yeroo jireenya bultii jalqabdu mana Abbaa keetirraa gara mana jaarsa keetii godaanuun mana qofa jijjirrachuu miti jachuu beeki..
Jireenyi keeti fi gaheen tee guutumatti jijjiramuuf deemti jachuu beeki.
Guyyaa arraa booda jaartii ,hiriyaa fi tasgabbii nama Tokkooti tahuu deemta jachuu beeki.
Guyyaa cufaahu umrii qofaan guddachuu osoo hin taane itti gaafatamummaa ,rahmataa fi aqliin guddachuu qabda.
Wal dhabbii xiqqoo hin guddisin ,dura oggaa dogongora argitees lola hin labsin.
Yeroo isaa irratti cal’isuun hikmaadha ,Jachi gaariin dallansuu qabbaneeysa jachuu beeki.
Yeroo hunda if gad qabuun ,ajaja fudhachuuni fi jaarsa keetii wajjiin wal qixxaachuu dhabuun manni kee akka hin diigamne siif tiiysa jachuu beeki.
Yaada kee ibsachuu keessatti faxina tahi yeroo jaarsi kee waan biraatin shaakalamutti jiru yaada kee isarra hin fidin.
Murtii tee keessatti suuta deemi.
Mana kee qalbii haadhaatin hoggani malee qalbii jaarsa wajjiin wal dorgamuutin hin hogganin.
Jaarsi kee oggaa si jaalate guutuu tahuu kee sirraa hin eegu..ati ajaja isaa godhuu ,obsuu ,waan isarraa hir’ate guutuufuu,eeybii isarraa argite isaaf dhooysuun ,waan alatti isa dadhabsiisa ati manatti isa irraanfachiisuun qofti isaaf gahaadha.
Jireenya kee jireenya nama biraatiin wal cinaa qabdee akka gammachuun tee si duraa hatamtu hin godhin.
Bultiin jihaada fakkaatti ,booda irratti nama obse qofaatu firii isii arga.
Firiin bultii dhiheenya ,jaalalaa fi barakhaadha.
Boodarratti..
Yaa intala tiyya manni isin jaaruu deemtan mana qorqorrooti fi gidaaraa qofaa miti.
Mana tasgabbii ,jaalalaa fi Rahmatni keessa jiru jaaruuf deemtan.
Mana Rabbiin jaalatu ,ka nagayni keessa qubatu Ka hortee gaarii keessatti oomishtan godhadhaa ja’een.
Tokko intala isaatiif dhaame kana argee barnoota guddaa if keessaa qabaachuu arginaan isiniif qoode..!!
26/06/2025
BARA HIJRAA HAARAYA 1447
••••••••••••••••••••••••••••••
Akka lakkoofsa Hijraatti Arra Guyyaan Muharram 1 Bara 1447. Barri hijraa Kun kan lakkaawamuu eegale Zamana Khilaafaa Umar Ibnul Khaxxaab Keessa.
Kan irraa eegalame ammoo Hijraa Rasuulli Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Makkarraa gara Madiinatti godhan irraa tokko jedhanii jalqabuuni.
Yeroo Warri biraa dhaloota iisaa Duraa fii Dhaloota iisaa booda jedhanii lakkaawwattan Ummanni Islaamaa Ammoo Hijraa Rasuulaa irraa Kaaseeti Lakkaawwata.
Barri haarayni lakkuma dhufee dabruun umriin teenyaas deemaa jirti, Kanaafuu maaliin godhutti jira jannee of haa gaafannu, Umrii Nuuf kenne tana Rabbiin Guyyaa Tokko irraa Nu gaafachuuf taa’a.
Barri Kun
Bara Milkii
Bara Kheeyrii
Bara nagayaa
Bara badhaadhinaa
Bara Gammachuu Isiniif Haa ta’u
27/06/2024
Saahib, Dhugaa jirtu Beeki Gandaa fi Gosa irraa dhufte caalaa ganda irraa hafinsa hin qabne kan Aakhiraa santu sitti akkaan dhihaata, Saniif jecha carraaqi, gandummmaa fi Gosummaa irraa fagaadhu!
Hedduu du'a yaadachuu guddisi Akiraa siyaadachiiftii.
Saahib, yaadadhu islaamummaan Tokkummaa fii Obbolummaadhatti nu ajajjee, waan Obbolummaa keenya balleeysuu fi fashaleeysu hunda irraa nu dhoorgite, wantoota Obbolummaa keenya tolchuu fi jabeeysu hundatti nu yaamte.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana ja'an “Fakkeenyi warra amanee wal jaalalaa fii waliif rifachuu keeysatti akka Qaama tokkooti, Yoo humni tokko qaama sanirraa dhukkubsatte Qaamni biraa hundi qaaxiraa fi leeydaaf wal yaama.” Sahiiha Muslim
08/05/2024
15/08/2023
Leenca Afrikaa kibbaa; Sheikh Ahmad Diidaat [Rabbi Rahmata isaaniif haa godhu]
Daa'ii yeroo jalqabaatiif Comparative Religions (Amantaalee walbira qabuu) irratti hojjjatee, dhara raasee dhama dhugaa baase. Aduwwota Islaamaa warroota; Islaamummaan amantaa mirga dubartootaa cunqursa jechuun Islaamummaa dhiibaa turaniif deebii gahaa laate, deebiin isaa; sharrii hunda daakee, ummata Islaamaa hunda mataa olqabachiise. Nama haalan miidiyatti fayyadame keessaa isa tokko. Kitaabbileen hedduun Da'awaa isaa irraa barreeffame. Umrii isaa guutuu Islaamummaaf jiraate. Namoota kuma dhibbaatamaan laakka'aman gara Islaamummaatti deebise. Hayyuu jabaa addunyaa tanaaf leenjisee addunyarraa godaane. Sunis . Zakir Naik. Dr Zakir Naik Barataa Sheikh Ahmad Diidaat ture. Da'awaan isaa bifa ammayyaatiin dhihaachaa ture.
Sheikh Ahmad Diidaatiif Rabbi Rahmata haa godhu.Aamiin
07/07/2023
Maashaa Allah
Industry Filmii beekkamaa Bollywood keessatti taatuu filimaa beekkamtuu Kan taate Filima dhaabdee, gara Rabbii deebi'uu beeysiftee jirti.
Taatuun tun dhaabbata Filima Hindii beekkamaa Bollywood keessatti haalaan beekkamtii Kan arkatte Yoo tahu "Filmii Bollywoodiin beekkamtii fi qabeenya guddaa arkadhuus Rabbiin waldhabeera. Kanaaf gara Rabbii deebi'uu murteesseera" jachuun toowbattee jirti. Maasha Allah!
Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam Saallaallaahuu Aleeyhii Waasaallaam
09/01/2023
❤ Du'aa'ii tana je'i.
👉 Rabbiin haajaa tee cufaatuu waliitti sif haa qabu! Haajaa sitti jirtu ammumatti sif haa guutu! Waan niyyatte cufaatuu Rabbiin sif haa guutu! Yaadaa fi Muraada kee sif haa guutu! Addunyaa fi Aakhirattuu jiruu gaarii si haa jiraachiisu!
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Adama