Naafsiif

Naafsiif

Share

Tajaajila gorsaa fayyaafi fayyaan walqabatan ni argattu.

19/06/2025

.

Bututtii sammuu (burnout) maaltu fidaa??
***********
¶Hojii ofii irraa bu'aa gar-malee guddaa eeguu ykn karoora ifa ta'e dhabuu.
¶Jireenya ykn hojii ofii irratti to'annaa dhabuu fi Jireenya ofiitiif madaala dhabuu..... hojii, bashanna, hariiroo maatii fi namootaa fi kkf walmadaalsisuu dhabuu.
¶Haala hojii namaaf hin mijanne, burjaajii ta'e keessaa hojjechuu.
¶Deggarsa maatii, hiriyaa fi kkf dhabuu.
¶Hojii walfakkaataa, kan jijjiirama/dorgommii hin qabne hojjechuu.
¶Nama mara gammachiisuuf yaaluu.
¶Hojiin namatti baayyachuu, Yeroo ofii seeraan fayyadamuu dhabuu.
¶Waan hin dandeenye, garmalee nama muddutti waadaa galuu
**********
Dr. Dawit
(Speeshalistii dhibee sammuu).

08/06/2025

# mana_qoricha_aadaa_oromiyaa

Haala itti fayyadamaa Muka makkanniisaa Kutaa Tokkoffaa....

Kutaa darbe keessatti faaydaa muka makkanniisaa fi Qabiyyee faayitookeemikaalotaa fi bu'aa isaa isiniif Maxxansinee turree, Harra haala itti fayyadama isaa Armaan gaditti isniif ibsineerraa.

Faayidaalee makkanniisaa fi Haalli itti fayyadama isaa kunootii.

Farra Baakteeriyaa fangasii, farra Jarmii, Raammoo Maxxantuu, farra Jaardiyaa fi Maalaariyaa waan ta'eef, Summii fi balfa, dhangala'oo garaa,garaa, dhukkuboota nutti fidanu, Qaama Namaa keessaa, Qulqulleessee baasaa,
Nama Garaan Gogeef dawaa Cimaadha, makkanniisa Wantoota Armaan Olitti ibsamaniif, haalli itti fayyadama isaa gogaa yokan quncee isaa, baala isaatii, wajjiin walitti Tumamee, daakuun isaa Fallaana guddaa 2 Bishaan leetira walakkaa wajjiin walitti makamee daqiiqaa 10 danfisamee Erga Qabbanaawaeen Booda ganama garaa duwwaatti fudhatamaa. Hanga Sa'aatii 6 waan tokko hin nyaatin hin dhugin, Akkasumas hojii hin seenin Boqonnaa fudhachuu qabduu, haala kanaan Guyyaa 2 itti fayyadamaa..
Sirna Bullaa'insa soorataa Garaachaa fi Marrimaan (Digestive System Detoxification) keeysaa summii (Detoxification) Qulqulleessaa.

Summii kalee fi Tiruu keeysaa Qulqulleessuuf, Dhukkuboota ittisuuf Makkanniisa, Hundee yokan hiddaa Fi gogaa yokan quncee, Jiidhaa isaa walitti Tumamee, daakuun isaa Fallaana guddaa Tokko bishaan Burcuqoo guddaa 2 Wajjiin walitti makamee Daqiiqaa 10 Danfisamee ho'aa isaa Ganama garaa duwwaatti dhugama guyyaa 3 itti fayyadamaa..

Dhukkuba Ambeebaa yaaluu fi dhukkuboota Baakteeriyaa fi jarmoota garaa,garaa, kan miidhaa qabanu, garaa keeysaa Qulqulleessuuf, makkanniisaa baala jiidhaa isaa Tumamee fallaana, guddaa Tokko Bishaan Burcuqoo Tokkotti Naqamee Daqiiqaa 10 Danfisamee ho'aa isaa Ganama Garaa Duwwaatti dhugama, Hanga Sa'aatii 6 waan Tokko nyaachuu fi Fayyadamuun hin hin ta'uu!
Haala kanaan guyyaa 3 fayyadamuun bu'aa guddaa qabaa.

Sirnaa fi Haala, dhiiga marsaa Laguu dubartootaa Sirreessuuf Akkasumas

08/06/2025

Tips to prevent :

Choose foods rich in iron, folate, vitamin A and B12.

08/06/2025

Young people can reduce sedentary behaviour by

1⃣ limiting the amount of recreational screen time
2⃣ Getting out to play

Be Active.

13/04/2025

Too much salt and sugar can lead to heart disease, stroke, diabetes and cancer. Have at least 5 portions of fruit and vegetables every day and make sure your blood pressure is in check!

23/09/2024

Take care of your !
can be caused by a range of modifiable behaviours including:
🍭 High-sugar diet
🚬 To***co use
🍺 Alcohol consumption
🚫 Poor hygiene
💧 Inadequate exposure to fluoride

Most can be prevented with these simple yet effective measures👇🏾

18/03/2024

During Ramadan, eat a light and nutritious Suhoor. Try hydrating foods such as soup, watermelon and green salad.

11/03/2024

# By__Dr_Nuredine Luke :-
Yeroo Aafxiraa
***************
Akkuma woliigalaatti yeroo afxiraa waan dhangala'aa ta'e fudhachuudha: bishaan, nyaata dhangala'a heddu of keessaa qabu, cuunfaa fuduraa. Aakkasumallee waan dibatni itti baay'ate waan akka coomaa fa'a dhiisuudha.
---
---
Lulluuqqiif ykn sooma hiikuuf:

* Timira: timirri waan sooma ittin hiiknu ykn lulluuqannu keessaa isa ijoodha. Timirri ammoo gulukoosii/sukkaara qaamni keenya humnaaf barbaadu, akkasumas albuudota qaamaaf barbaachisoo ta'an kan akka pootaashiyeemii, koopparii, maangaaniiziifi akkasumas waan Fiber jedhamu kan qaamaan hin bulloofneefi gogiinsa garaafi madaala ulfaatinna qaamaa eeguuf gargaaru of keessaa qaba.

* Dhugaatiiwwan akka bishaanii, aananii, juusii (cuunfaa fuduraa) fudhachuun sooma hiikuun ykn lulluuqachuunis gaariidha. Bishaan humna dabalataa otoo hin kennin dheebuu qaamni qabu baasuu danda'a. Kan hafan ammoo aanaan, juusiin faati dabalataan gulukoosiifi wontoota biroo qaamaaf barbaachisan of keessaa ni qabu.

* Fuduraawwan (Fruit) -- fuduraawwan akka habaabaa (bixxiqii), muuzii, maangoo, burtukaanaa, mandariinaa, aappilii, anaanaasii, paappayaafi kkf fudhachuun sooma hiikun ykn lulluqachuunis gaariidha.

* Shoorbaa: shoorbaa midhaanii, shorbaa fuduraa fi kuduraa, akkasumas shoorbaa foon xiqqeessee qabuun sooma hiikuun, wontoota qaamaaf barbaachisanii fi humnaa kennaan ni qabaata.
---
---
Lulluuqqii booda nyaatni nyaatamu aadaa naannoo naannoo irratti hundaa'uun garagara. Garuu nyaanni nyaannu kun otoo waan akka garbuuf qamadii irraa tolfaman, fuduraaf kuduraa, bu'aawwan aananii akkasumas madda pirootiinii kan ta'an qurxummii, kallee, atara, misara ykn baaqelaa qabaatanii gaariidha. Kanniin hunda yeroo tokko hin jenne, garuu akaakuu nyaataa shanan kana keessaa yoo xiqqaatee tokko tokko qabaatan gahaadha.
---
---
Garuu nyaataaf dhugaati garmalee mi'aayaniifi dibatni itti baay'ate dhiisa. Erga nyaanne boodas sochii qaamaa sasalphaa ta'an fakkeenyaaf deemsa (walk) gochuun gaariidha.
---

23/12/2023

Hatattamaan dubbisaa!
=============
Akeekkachiisa hatattamaa hawaasa guutuuf,
Dr. Liyaa Tadddasa irrra

Yoo dubbiftan akka nama hunda bira ga'uuf "Share" godhaa

"Rakkoo Mobaayilli nutti fidu
(Macular of the eye) Makulaarii ijaa hanga yeroo dhiyootti namoota dullooman qofa irratti duraan ni mul'ata ture.
Yeroo dhiyoo as garuu umriin isaanii waggaa 30 hanga 40 gidduu jiru hundi isaanii 'macular generation' jedhamanii fi dhukkuba jaamummaatti nama geessu dha.
Sababni kanaas namootni hedduun halkan moobaayila isaanii banaani yeroo fayyadamaan rakko ta'aa jira.
Dukkana ykn bakka dukkanaa'aa ta'etti bilbila harkaa daqiiqaa 30 illee fayyadamuun miidhaa hin suphamne geessisuu danda'a. Dhukkubni kun kataaraaktii qofa osoo hin taane, kaansarii ijaa fida. kanaaf qorichi waan hin qabaaneef yeroo iji bade taa'anii ilaaluu qofa ta'aa jedhuu Doktooronni.
Doktooronni ispeeshaalistii ijaa 254 waliin ta'uun ergaa kana dabarsaniiru. Namoonni baay'een halkan siree isaanii irratti ibsaa dhaamsan ykn mobaayila isaanii ifa xiqqaa ta'een akka fayyadaman ni beekna, kanaaf dhukkuba hin fayyine irraa of eegaa.!!!
Karaa birrro yeroo chaarjii goocha mobaayila akka hin fayyadamne of eeggadhaa. Doktooronni Addunyaa vaayirasiin kaansarii jedhamu akka keessa jiruu fi dhoohee lubbuu namaa akka balleessu akeekkachiisaniiru !!
Vaayirasiin mobaayilaa kun Addunyaa irratti vaayirasii balaa guddaa qabudha, ajjeechaa olaanaa qaba. Namoota ykn maatii Telegram waliin fayyadamataan waliif qooda.
Hin yaadda'inaa gahee koo baheera !!
amma dabareen keessan "Share" godhaa
gadda obboleettii fi obboleessa keetii si hin gammachiisu yoo ta'ee barreeffama barsiisaa kana garee tokkoo tokkoof isaaniif qooduu qabdu !!"

Dr. Liyaa Taddassa irra.

13/10/2023

# Dr_Nuredin_Luke Waa'ee KAANSARII muraasa:
********************************

* Sababa ilmi namaa lubbuu isaa dhabuuf keessaa baroota dhihoo as Kaansariin sadarkaa jalqabaa irratti argama. Woggaatti yoo xiqqaate du'aatii namoota Miiliyoona 10f sababa ta'a. Namoota akka adunyaatti wogga woggaan du'an jaha keessaa tokko sababa dhukkuba Kaansariif.

* Kaansariileen baay'innaan muldhatan keessaa Kansariin Harmaa, Sombaa, Mar'umaan Guddaa, Piroosteeti, Gogaa fi Garaachaa tartiiba saniin dursa qabatu. Woggaatti namaa heddu galaafachuun ammoo Kansariin Sombaa, Mar'umaan Guddaa, Tiruu, Garaacha, Gogaa fi Harmaa tartiiba kanaan dursa qabatu.

* Carraa Kaansariin qabamuu fi du'aatii inni hordofsiisu keessaa tokko-sadaffaa jijjiirraa amalaa gochuun hanbisuun akka danda'amu qorannooleen ni addeessu. Innis: Sigaaraa xuuxuu dhabuu, ulfaatinna qaamaa hojjaa keenya hin madaalle hirdhisuu, alkoolii baay'isanii dhuguu dhabuu, fuduraaf kuduraalee garagaraa nyaachu, sochii qaamaa dalaguu, saaxilamummaa ifa aduutiif qaban hirdhisuu fi akkasumas Infekishiinota kaansarii fiduun isaanii beekamu kan akka Human Papillomavirus (HPV) fi Vaayirasii Tiruuf talaallii, sakata'iinsaa fi hordoffii barbaachisu gochuu.

* Otoo hin jabaatiin (sadarkaa hamaa irra hin gahin) yoo dursanii adda bahan kaansariileen hedduun fayyuu ni danda'u.
---
---
Fayyaa ta'aa!
Dr. Nuredin Luke

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Adama?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Address


A~M
Adama