Kiyyaa Biyyaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kiyyaa Biyyaa, Health/Beauty, Shawaa bahaa, Adama.
04/02/2023
Sirni Awwaalcha obbo Ahmad Rawwatame‼️
👉Awwalcha Gooticha Badda Baalee Qabsaa'aa Gameessaa Kabajamoo Obbo Ahmad Muhaammad iddoo Keessummoonni Federaalaa,Naannoo ,Godina Baalee ,Baalee Bahaa,Arsii Lixaa ,Arsii fi Keessummoonni hedduun argamanitti Godina Baalee Aanaa Gaasaraatti raawwatamaa jira.
Kaayyoo ati wareegamteef galmaan geenna.
21/12/2022
!
Badhaadhinni paartii wal harkaa fuuchaa dhalootaatiin badhaadhina waloo dhugoomsuuf hojjachaa jirudha. Mul'ata badhaadhina waloo mirkaneessuu keessatti ammoo nageenyi bu'uura hundaa oliiti.
Imalli badhaadhinaa salphumatti kan dhugoomu ta'uu baatus, qaamolee imala kana gufachiisuuf dhama'an, ariitii isaa duubatti deebisuuf carraaqan akkasumas rakkoolee nageenya booressan babal'isuun tasgabbii dhabamsiisuu fedhan dura daabbachuudhaan mul'ata biyyaa galmaan gahuuf hojjachuun barbaachisaadha.
Mul'ata badhaadhinaa hunda galeessa ta'e mirkaneessuuf hirmaannaan uummataa gama misoomaa fi nageenyaatiin taasifamu shoora ol'aanaa qaba. Hariiroo jaalalaaf obbolummaa bu'uureffates dagaagsuun daran murteessaadha.
Badhaadhinni rakkoon kamuu furmaata kan argatu daandii nagaa fi nagaa qofaan akka ta'e waan amanuuf dhimmoota qormaata nageenyaa ta'an bu'uuraan furuudhaan qananii uummataa mirkaneessuuf ijjannoo cimaa ta'e qaba.
Biyya badhaatuu lammiilee isheetiif mijattuu taate bu'uura cimaarra dhaabuudhaaf qaamni hunduu gahee isa irraa eegamu bahachuu qaba. Keessattuu ajandaalee diigumsaa finxaaleeyyiin tarkaanfachiisan fi tokkummaa uummataa diiguudhaaf raawwatan irratti waloon qabsaahuudhaan duudhaa obbolummaa fi waliin jireenyaa dagaagsuun qabna.
Daandiin gara badhaadhinaatti nu qajeelchu daandii nagaa qofa akka ta'e hubachuudhaan hunduu bakka jirrutti mirkanaahuu nageenyaatiif qindoominaan haa dhaabbannu. Kiyyaa biyyaa
15/12/2022
Jo Biden waliin
Abbichuun Kiyya Jo Biden Waliin Washington Dc Irra Tapha Morokoo Fi Faransaayi Daawwachaa Jira.
09/12/2022
adugna.family.blog Green Coffee Beans (Robusta and Arabica) from Our FactoryCan supply 250-300 tons/monthThis time is new season of coffee in Vietnam so that I have good price and good quality for youContact me for p…
09/12/2022
Obbolummaa Lammiileeti!
hariiroo obbolummaafi tokkummaa lammiilee kan diigu, nageenyaafi hariiroo waliin jireenyaa tasgabbii dhorkee biyya diigumsaaf kan saaxiluufi qajeelchu dhukkuba hamaadha. Finxaalessummaan ka’umsaa hanga galmaatti of giddugaleessa kan godhatu dhukkuba 'ani qofti!" jedhu kan qabuudha.
itti deemu hundatti galma waloo diigaa deema. Ati achii dhufte; ani asiin dhufe babal'isuun dhugaafi haqa booda dhalatee hangafa dhugaa ta’uu kan fedhu ilaalcha hamaa badii qaqqabsiisuudha.
gochi finxaalessummaa cabuu dhabuun walitti bu’iinsi akka uumamuuf ka’umsa ta’a. Uummattootaa fi Amantaalee gidduutti wal kabajuun hafee, misoomaa fi diinagdeen biyyaatis harkifatee ijaarsi sirna dimookiraasii akka gufatu kan godhu farra jireenyaati.
farra tokkummaa fi obbolummaa ta'e kana tokkummaan qolachuun nageenyaafi tasgabbii lammiileef hojjechuun shoora lammiilee hundaa ta'uu qaba. Finxaalessummaan diina ilmaan namaati. Finxaalessummaan saba, amantaa fi eenyummaa kamuu kan bakka bu'uu hin dandeenye, ilaalcha hadhaawaa daandii badii fi diigumsaa qofa qabuudha.
08/12/2022
08/12/2022
.
1.Galma Ifaa ta'e qabaachuu
Maal taanee qabsoofne? Maal dhabne? Maal arganne? Maal argachuuf hoo jirra?
2.Namuusa cimaa qabaachuu
Injifannoo barbannu, injifannoo feenu, galma gahuu barbannuf, waan barbanne argachuuf namuusni murteessaadha.
3.Waan jalqabne itti fufsisuu
Waan badaa sirreessuu, waan tolaa ol kaasu, injifannoo arganne beeku. Waan jalqabne maaf akka jalqabne beeku.
4.Of bituu danda'uu
Eenyummaan keenya deebii haalan keenamu olii. Of bituu dhabuun waan dhabnu lakkoofne beeku qabna.
5.Aarsaa kaffaluuf qophaa'aa ta'u.
Aarsa malee, rakkinna malee, rakkoo argaan malee injifannoo bulfachuun ni ulfaata. Aarsa kafaluuf of qopheessuu qabna.
6.Waan keessa darbine irraa beekumsa horachaa deemu qabna.
Akka sabatti karaan irra dhufne diriraa miti. Karaa rakkinna irraa dhufne irraa barnoota fuudhachuu qabna. Beekumsi keenya ammoo injifannoo galmeessuuf qophaa'uu qaba.
7.Dandeetti dhaggeeffachuu qabachuu qabna.
Rakkinna amma gama fi gamanaa nu muudateef deebiin keenya madaala isaan deebisuuf dhaggeeffachuu qabna.
8.Abdii Kutachuu dhiisuu
Abdii kutachuufu abdii kutachuu qabna. Akka sabaatti bakki har'aa jirru guddaadha. Obsan waan eegganne miiraa abdii kutuyyuu kutu qabna.
9.Yoo obsine maal arganna beeku qabna.
Obsuun nuf injifannoo ta'uu qaba.
10.Murteessuu soodachuu hin qabnu
Murtoon keenya sirrii taanan akka sabatti murtoo murteessuuf soodachuun hin barbaachisu. Sabni keenya murtoo namoota xixxiqqoof yeroo kenne injifannoo isa sakaaluu hin qabu. Kan dhaggeeffachuu qabu Oromoon sirna jabaa qabu sirna gadaan qajeelfamu qaba.
Santu seera.by kiyyaa biyyaa follow like
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Shawaa Bahaa
Adama